Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Yeroo Kootti Sirriitti Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Yeroo Kootti Sirriitti Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Yeroo keetti sirriitti fayyadamuu kan qabdu maaliifi?

  •   Yeroon akkuma maallaqaa ti. Yoo qisaasessite yeroo barbaaddetti hin argattu. Karaa kan biraa immoo yeroo keetti sirriitti yoo fayyadamte wantoota si gammachiisan raawwachuuf yeroo muraasa ni argatta!

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni dhibaaʼaan waa argachuu in kajeela, homaas hin argatu; namni baʼeessa godhee hojjetu garuu in guddata.”—Fakkeenya 13:4.

     Yaada ijoo: Yeroo keetti sirriitti fayyadamuun kee bilisummaa dabalataa siif argamsiisa malee si jalaa hin hirʼisu.

  •   Yeroo keetti sirriitti fayyadamuu barachuun kee dandeettii gaarii yeroo gaʼeessa taatu si fayyadu dha. Kun hojii kee irra akka turtu ykn hojii irraa akka ariʼamtu gochuu irratti illee jijjiirama fida. Kana malees, namoota qacartee kan hojjechiistu yoo taʼe, hojjetaa yeroo baayʼee saʼaatii dabarsee hojii galu of bira ni tursitaa?

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni wanta xinnoo irratti amanamaa taʼe, wanta guddaa irrattis amanamaa taʼa.”—Luqaas 16:10.

     Yaada ijoo: Yeroo keetti sirriitti fayyadamuu dandaʼuun kee eenyummaa kee ilaalchisee wanta ibsu qaba.

 Haa taʼu malee, yeroo ofiitti sirriitti fayyadamuun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Mee gufuuwwan tokko tokko haa ilaallu.

 Gufuu #1: Michoota

 “Michoonni koo isaanii wajjin akkan baʼu yommuu na gaafatan, yeroo kanan hin qabne taʼus yeroo hunda isaanii wajjin nan baʼa. ‘Yommuun manatti deebiʼu wantan hojjechuu qabu dafee raawwachuu nan dandaʼa’ jedheen yaada. Kun immoo yeroo hunda hin hojjetu; kanaan kan kaʼes dogoggora cimaan raawwadha.”—Siintiyaa.

 Gufuu #2: Yaanni hihhiramuu

 “Televijiniin baayʼee nama qora. Agarsiisawwanii fi fiilmiiwwan tokko tokko ilaaluu dhiisuun ulfaataa dha.”—Aayivii.

 “Taableetii koo fayyadamuudhaan saʼaatii hedduu dabarsuu nan dandaʼa. Kanan dhaabu baatiriin isaa yommuu dhumu qofa taʼuun isaa sammuu koo na ceephaʼa.”—Maarii.

 Gufuu #3: Harʼa boru jechuu

 “Hojii manaa mana barumsaatti naa kennamuu fi hojiin hojjechuu qabu kam iyyuu lafa irran harkisa. Yeroon guutummaatti hojii manaa naaf kenname hojjedhee xumuruu qabutti wanta gatii hin qabne raawwachuudhaan saʼaatii koon qisaasessa; kun yeroo ofii karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu dha.”—Beet.

Yeroo keetti sirriitti fayyadamuun kee bilisummaa dabalataa siif argamsiisa malee si jalaa hin hirʼisu.

 Maal gochuu dandeessa?

  1.   Hojiiwwan hojjechuu qabdu barreessi. Fakkeenyaaf hojiiwwan mana keessatti raawwattuu fi hojii manaa mana barumsaatti siif kenname barreessuu dandeessa. Hojii sana hojjettee xumuruuf torban murtaaʼe keessatti yeroon hammamii akka si barbaachisu galmeessii qabadhu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.

  2.   Hojiiwwan yeroo boqonnaa keetti hojjechuu barbaaddu barreessi. Kunis weebsaayitiiwwan hawaasaa fi televijinii ilaaluu dabalata. Ammas torban sana keessatti sochiiwwan sana irratti saʼaatii hammamii akka dabarsite galmeessii qabadhu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamuudhaan, . . . ogummaadhaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa.”—Qolosaayis 4:5.

  3.   Karoora baafadhu. Wantoota galmeessitee qabatte lamaan irra deebiʼii ilaali. Hojiiwwan barbaachisoo taʼaniif yeroon gaʼaan ramadameeraa? Sochiiwwan yeroo boqonnaatti raawwattu irraa yeroo bituun si barbaachisaa?

     Gorsa gaarii: Wanta guyyaa guyyaatti hojjettu galmeessii qabadhu; hojii sana yommuu xumurtus mallattoo irratti godhi.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 21:5.

  4.   Karoora kee hordofi. Dhugaa dha, wanta barbaachisaa taʼe raawwachuuf jecha ammas taʼe gara fuulduraatti affeerraa hawaasaa siif dhihaatu diduun si barbaachisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, akka walii galaatti yeroo dabalataa baayʼee ni qabaatta; yeroon dabalataa argattu sun immoo caalaatti gammachiisaa siif taʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jabaadhaa hojjedhaa malee, dhibaaʼoo hin taʼinaa.”—Roomaa 12:11.

  5.   Ammaa amma taʼuu baatus, of badhaasi. Shamarreen Taaraa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko wantan raawwachuuf tarreessee qabadhe lama nan raawwadha, achiis ‘Tole amma daqiiqaa 15f ergan televijinii ilaalee booda hojii kootti nan deebiʼa’ jedheen yaada. Achiis daqiiqaan 15 daqiiqaa 30 taʼa, daqiiqaan 30⁠ni gara saʼaatii tokkootti guddata, achiis utuun hin beekin televijinii ilaaluu irratti saʼaatii lama dabarseera!”

     Furmaanni isaa maali dha? Bashannana wanta utuu itti hin yaadin yeroo hunda raawwattu utuu hin taʼin hojii kee xumuruu keetiif akka badhaasaatti ilaali.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni  . . . wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha mitii ree?”—Lallaba 2:24.