Yesuus Maal Fakkaata Ture?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Yesuus maal akka fakkaatu Kitaaba Qulqulluu keessatti waan hin ibsamneef, namni kana sirriitti beeku hin jiru. Kun immoo bifti Yesuus wanta bakki guddaan kennamuuf akka hin taane argisiisa. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun waaʼee bifa Yesuus odeeffannoo walii galaa muraasa nuu kenna.
Bifa isaa: Yesuus Yihudii waan tureef, bifa sanyii Seem haadha isaa irraa dhaalee taʼuu qaba. (Ibroota 7:14) Bifti isaa kan warra kaanii irra baayʼee adda kan ture hin fakkaatu. Yeroo tokko eenyu iyyuu utuu adda baasee isa hin beekin Galiilaadhaa gara Yerusaalem deemee ture. (Yohaannis 7:10, 11) Barattoota isaa warra isatti dhihaatan gidduudhaa illee adda taʼee hin mulʼatu ture. Yihudaa Asqorotuun warra meeshaa waraanaa qabatanii Yesuusiin qabuu dhaqaniif eenyummaa isaa ibsuun isa barbaachisee akka ture yaadadhaa.—Maatewos 26:47-49.
Dheerina rifeensa isaa: Kitaabni Qulqulluun “Dhiirri rifeensa dheereffachuun isaa salphina akka taʼe” waan ibsuuf, rifeensi Yesuus dheeraa kan ture hin fakkaatu.—1 Qorontos 11:14.
Areeda: Yesuus areeda qaba ture. Seera Yihudootaa isa dhiironni ‘andaara areeda isaanii haadanii akka hin balleessine’ dhowwu ni hordofa ture. (Leewwota 19:27; Galaatiyaa 4:4) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun rakkina isa irra gaʼu ilaalchisee raajii dubbate keessatti Yesuus areeda akka qabu ibseera.—Isaayaas 50:6.
Qaama isaa: Ragaawwan hundi Yesuus fayya buleessaa fi cimaa akka ture ibsu. Yeroo tajaajilaa turetti kiilomeetira hedduu miilaan deemeera. (Maatewos 9:35) Minjaala warra qarshii jijjiiranii garagalchuu fi horiiwwan isaanii qacceedhaan ariʼuudhaan mana qulqullummaa Yihudootaa yeroo lama qulqulleesseera. (Luqaas 19:45, 46; Yohaannis 2:14, 15) Maakliintookii fi Istiroongi Insaayikilooppiidiyaan: “Seenaawwan wangeelaa hundi [Yesuus] nama fayya buleessaa fi qaama cimaa qabu akka taʼe argisiisu” jedheera.—Jildii IV, fuula 884.
Fuula isaa: Yesuus nama miira hoʼaa fi gara laafina qabu ture; fuula isaa irraa kan mulʼatus kanuma akka taʼe beekamaa dha. (Maatewos 11:28, 29) Namoonni akaakuu garagaraa qaban hundi jajjabinaa fi gargaarsa argachuuf gara isaa dhufu turan. (Luqaas 5:12, 13; 7:37, 38) Daaʼimman illee isaa waliin taʼuun isaanitti hin ulfaatu ture.—Maatewos 19:13-15; Maarqos 9:35-37.
Bifa Yesuus ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa
Ilaalcha Dogoggoraa: Kitaabni Mulʼataa mataa isaa suufii adii wajjin, miila isaa immoo “sibiila diimaa baʼeessaa” wajjin waan wal fakkeessuuf, namoonni tokko tokko Yesuus sanyiin isaa Afriikaadha jedhanii falmu.—Mulʼata 1:14, 15, Za Niiwu Jerusaalem Baayibil.
Dhugaan isaa: Kitaabni Mulʼataa ‘mallattoodhaan’ kan dhihaate dha. (Mulʼata 1:1) Dabbasaa fi miilla Yesuus ilaalchisee ibsi kenname, fakkeenyaan kan dhihaate siʼa taʼu, amalawwan erga duʼaa kaʼee booda inni qabu argisiisuuf malee, yeroo lafa irra turetti maal akka fakkaatu ibsuuf miti. Mulʼata 1: 14 irratti Yesuus, “mataan isaa fi rifeensi isaa akka suufii adii fi akka cabbii addaata ture” jedhamuun isaa, rifeensi isaa jajjabaataa taʼuu isaa utuu hin taʼin halluu isaa wal bira qabee ibsuu isaa ti. Kun immoo umurii isaatiin kan kaʼe ogummaa inni qabu argisiisa. (Mulʼata 3:14) Caqasni kun akkuma jabinaa fi laafina rifeensa Yesuus cabbii wajjin wal bira qabaa hin jirre, suufii wajjin wal bira qabee ibsaa hin jiru.
Miilli Yesuus “sibiila diimaa baʼeessa boolla ibiddaa keessatti diimeffame” fakkaata ture. (Mulʼata 1:15) Kana malees, fuulli isaa “akka aduu humna guutuudhaan ifuu ture.” (Mulʼata 1:16) Bifni nama kamii iyyuu ibsa as irratti kennamee wajjin waan wal hin fakkaanneef, mulʼanni kun Yesuus isa duʼaa kaʼee fi “ifa itti dhihaatamuu hin dandaʼamne keessa jiraatu” fakkeenyaan kan argisiisu taʼuu qaba.—1 Ximotewos 6:16.
Ilaalcha dogoggoraa: Yesuus dadhabaa dha.
Dhugaan isaa: Yesuus nama ija jabeessa ture. Fakkeenyaaf, namoota hedduu meeshaa waraanaa qabatanii isa qabuu dhufanitti ija jabinaan eenyummaa isaa ibseera. (Yohaannis 18:4-8) Yesuus meeshaa harkaatti fayyadamee hojii anaaxii hojjechuu kan dandaʼe qaamni isaa cimaa waan tureefi.—Maarqos 6:3.
Maarree, Yesuus muka irratti fannifame baachuuf gargaarsi kan isa barbaachise maaliifi? Akkasumas warra isaa wajjin ajjeefaman kaan dursee kan duʼe maaliifi? (Luqaas 23:26; Yohaannis 19:31-33) Yesuus ajjeefamuu isaa dura qaamni isaa akka malee dadhabee ture. Halkan guutuu hirriba malee kan bule siʼa taʼu, kunis hamma tokko miirri isaa baayʼee waan jeeqameef ture. (Luqaas 22:42-44) Halkan sana Yihudoonni isa dhiphisaa kan turan yeroo taʼu, ganama itti aanutti immoo warri Roomaa isa dhiphisaniiru. (Maatewos 26:67, 68; Yohaannis 19:1-3) Dafee akka duʼu kan isa godhan sababawwan kana taʼuu hin oolan.
Ilaalcha dogoggoraa: Yesuus yeroo hunda fuulli isaa kan hin hiikamnee fi kan gaddu ture.
Dhugaan isaa: Yesuus amalawwan Abbaa isaa isa samii isa Kitaabni Qulqulluun, “Waaqa gammadaa” akka taʼe ibsu guutummaatti calaqqisiiseera. (1 Ximotewos 1:11; Yohaannis 14:9) Siruma iyyuu, Yesuus gammachuu argachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe warra kaan barsiiseera. (Maatewos 5:3-9; Luqaas 11:28) Kun immoo Yesuus yeroo baayʼee gammachuun fuula isaa irraa kan mulʼatu akka ture argisiisa.