Namoonni Bilisummaa Jaallatan Doonii Ilaaluu Dhaqan
Waxabajjii 6 hanga 16, 2013tti daawwattoonni miliyonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa mararraa deeman dooniiwwan gurguddoo walitti qabaman ilaaluuf gara buufata doonii Roowen, isa kaaba Faransaayitti argamuu dhaqanii turan.
Dooniiwwan baayʼinaan wal duukaa deeman, gurguddoo fi dhedheeroo taʼan laga Seeyinee isa naannoo Noormaandiitti argamuu fi kiilomeetira 120 dheeratu irra deemanii erga dhaqanii booda iddoo gammachiisaa taʼee fi qarqara laga kanaatti argamu buufatu. Daawwattoonni guyyoota kudhanii oliif dooniiwwan gurguddoo fi dooniiwwan seena qabeessa taʼan 45 warra qophii kanaaf qophaaʼan rakkoo tokko malee ilaaluu dandaʼaniiru.
Namoonni hedduun dooniiwwan kana ilaaluuf wanti isaan kakaase maali dha? Qindeessaan qophii kanaa, namoonni baayʼeen dooniiwwan gurguddaa kana dhaqanii ilaaluun isaanii “waaʼee dooniiwwan kanaa baruuf akka isaan gargaaree fi kun immoo wanta baayʼee isaan gammachiisu” akka taʼe dubbateera. Dhuguma iyyuu, dooniiwwan gurguddoon kun dargaggootas taʼan maanguddoonni waaʼee karaa fagoo deemuu fi bilisummaa akka yaadan isaan godhaniiru.
Tuuristoonni kumaan lakkaaʼaman immoo waaʼee bilisummaa gara biraa jechuunis, waaʼee bilisummaa Macaafni Qulqulluun dubbatuu dhagaʼuu dandaʼaniiru. (Yohannis 8:31, 32) Namoonni kun magaalaa Roowen utuu daawwatanii Dhugaa Baatota Yihowaa barreeffamoota gaarii irra kaaʼanii daandiiwwan magaalattii isa dhiphoo taʼee fi namni itti baayʼatu irra dhaabatan utuu hin hubatin hin hafne. Daawwattoonni ykn warri doonii irraa hojjetan yeroo gara gaarii kanaa dhaqanii dhaabatanitti, barreeffama Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼe filatanii kaffaltii malee fudhatanii akka dubbisan afeeramu. Namoonni karicha irra deeman hedduun mata duree, “Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu Yoomi?” jedhuu fi barruu Masaraa Eegumsaa irratti baʼe yommuu argan baayʼee kan gammadan siʼa taʼu, haasaa afaan Faransaay, Ingiliffaa ykn Ispeeniin dhihaatu irratti akka argaman afeeramaniiru.
Jiraattonni naannichaa dinqisiifannaa wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan kanaaf qaban ibsaniiru. Namichi tokko, Dhugaa Baatota Yihowaa gaarii barreeffamni irra jiru bira dhaabatanii jiran yeroo arge dinqisiifachuudhaan akkas jedheera: “Karaa irratti isin arguu kootti baayʼee gammadeera. Wanta isin itti amantanitti kanan hin amanne taʼus, namoota akka keessan amantii isaaniitiif dhaabatan nan kabaja.” Maanguddoonni lama Dhugaa Baatota Yihowaa dargaggoota taʼanii fi hojii kan irratti hirmaachaa jiran erga arganii booda, “Eenyummaa keessanitti boonuu ni dandeessu!” jedhaniiru.