Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Jaalala Akkanaa Arguu Keenyatti Garaan Keenya Tuqameera”

“Jaalala Akkanaa Arguu Keenyatti Garaan Keenya Tuqameera”

SANBADDURAA, Ebla 25, 2015tti kirkirri lafaa reektar iskeelii 7.8 taʼu, Neeppaal ishii gaarreen hedduu qabduu fi kaaba Hindiitti argamtu rukutee ture. Kirkirri lafaa kun kan uumame kallattii kaaba dhiha magaalaa guddittii Neeppaal kan taate Kaatmaanduu irraa kiilomeetira 80 fagaatee ture. Kan baayʼee nama gaddisiisu, namoonni 8,500 ol taʼan kan duʼan siʼa taʼu, Neeppaal keessatti balaan uumamaa al takkaatti namoota hamma kana fixe hin jiru. Manneen jireenyaa miliyoona walakkaa ol taʼan barbadaaʼaniiru. Neeppaal keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa 2,200 taʼan kan jiraatan siʼa taʼu, baayʼeen isaanii immoo naannoo balaan kun itti uumame jiraatu turan. Kan nama gaddisiisu, Dhugaa Baatuun tokkoo fi ijoolleen ishii lama balaa kanaan duʼaniiru.

Dhugaa Baatuun Miisheel jedhamtu tokko akkana jetteetti: “Kirkirri lafaa kun kan mudate, gumiiwwan naannoo garmalee barbadaaʼe keessa jiran walgaʼii Kiristiyaanaa utuu geggeeffachaa jiranii ture. Namoonni hedduun yeroo isaan mana jiranitti mudate utuu taʼee, lubbuu baayʼeetu dhumuu dandaʼa ture.” Namoonni walgaʼii irra turan balaa kana irraa kan oolan maaliifi? Sababiin inni guddaan akkaataa Galmi Mootummaa itti ijaarame ture.

“AMMA FAAYIDAAN ISAA NUUF GALEERA!”

Galmawwan Mootummaa ammayyaan Neeppaal keessa jiran kirkira lafaa damdamachuu akka dandaʼanitti ijaaraman. Maan Baahaadar, inni ijaarsa Galma Mootummaa irratti hirmaatee ture akkana jedheera: “Yeroo baayʼee namoonni manneen xixinnoo kanaaf buʼuura cimaa akkanaa kan keenyu maaliif akka taʼe nu gaafatu turan. Amma faayidaan isaa nuuf galeera!” Kirkira lafaa sana booda, Galmawwan Mootummaa lafa balaa jalaa itti baqatan akka taʼan heyyamamee ture. Kirkirri lafaa salphaan siʼa lammaffaadhaaf yeroo mudatetti illee, Dhugaa Baatonni Yihowaa fi olloonni isaanii galmicha keessa waan turaniif miirri nageenyaa itti dhagaʼamee ture.

Ogeessonni fayyaa Dhugaa Baatota taʼanii fi Awurooppaadhaa dhufan namoota miidhaman utuu gargaaranii

Jaarsoliin Kiristiyaanaa, miseensota gumii iddoon isaan jiran hin beekamne, yeruma sana barbaaduu jalqaban. Dhugaa Baatuun Baabiitaa jedhamtu, “Jaarsoliin nageenya mataa isaanii caalaa kan gumichaatiif yaadu turan. Jaalala akkanaa arguu keenyatti garaan keenya tuqameera” jetteetti. Kirkirri lafaa sun erga mudatee booda guyyaa itti aanutti, miseensonni koree hojii Dhugaa Baatota Yihowaa Neeppaal keessatti raawwatamu toʼatuu sadii, tajaajiltoota iddoo adda addaa deemanii tajaajilan ykn ilaaltota ol aanaa aanaa wajjin gargaarsa isaan barbaachisu ilaaluu fi jaarsolii gumii achi jiran deggeruuf gumiiwwan daawwachuu jalqaban.

Gaarii Biroo inni waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa irraa dhufe namoota miidhaman utuu daawwatuu

Kirkirri lafaa sun mudatee guyyaa jaʼa booda Gaarii Biroo fi haati manaa isaa Ruubiin waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Yunaayitid Isteetisitti argamu irraa gara Neeppaal dhufanii turan. Miseensa koree armaan olitti caqasamee kan taʼe Ruuban akkana jedheera: “Kaatmaanduu keessa tasgabbiin waan hin turreef, akkasumas kirkira salphaa siʼa lammaffaadhaaf mudateen kan kaʼe, obboleessi keenya Gaarii Biroon waan dhufuu dandaʼu nutti hin fakkaanne ture. Inni garuu as dhufuudhaaf kutatee waan tureef, ni dhufe! Dhugaa Baatonni biyyattiis isaan daawwachuu isaa garaadhaa dinqisiifataniiru.”

‘ISA KANAAN DURAA CAALAA AKKA WALITTI DHIHAANNE NUTTI DHAGAʼAMA’

Shiilaas inni waajjira Dhugaa Baatota Yihowaa Neeppaalitti argamu keessa hojjetu akkana jedheera: “Akkuma toorri bilbilaa keenya deebiʼee hojjechuu jalqabeen, halkanii fi guyyaa nuuf bilbilamuu eegale! Dhugaa Baatonni addunyaa maratti argaman, waaʼeen keenya baayʼee isaan yaaddessee ture. Isaan keessaa tokko tokko, afaan nuti hin beekne kan dubbatan taʼus, akka isaan nu jaallatanii fi nu gargaaruuf fedhii guddaa akka qaban nutti dhagaʼameera.”

Dhugaa Baatota Yihowaa fi olloota isaanii Galma Mootummaa keessatti baqatanii jiran

Kirkira lafaa sana booda Dhugaa Baatonni achitti argaman, namoota isaan barbaachisuuf kennuuf gara Galma Mootummaatti nyaata fidan. Dabalataanis, Koreen Gargaarsaa ni hundeeffame; utuu baayʼee hin turin immoo keessumaa Baangilaadesh, Hindii fi Jaappaan irraa wantoonni namoota sana barbaachisan baayʼinaan ergamuu jalqaban. Guyyoota muraasa gidduutti, Dhugaa Baatonni ogeessota fayyaa taʼan Awurooppaadhaa dhufanii Galmawwan Mootummaa jiran keessaa isa tokko keessa buufatan. Yeruma sana hojii kan jalqaban siʼa taʼu, wanta karaa qaamaa namoota kirkira lafaa irraa oolan sana barbaachisuuf qofa utuu hin taʼin, miidhaa karaa miiraa isaan irra gaʼes akka damdamatan isaan gargaaraniiru.

Dubartiin Utaaraa jedhamtu tokko, “Kirkirri lafaa sun baayʼee rifaasisaa fi sodaachisaa ture. Sana booda garuu, isa kanaan duraa caalaa maatii hafuuraa keenyatti akka dhihaanne nutti dhagaʼame” jechuudhaan miira namoota hedduutti dhagaʼame ibsiteetti. Eeyyee, kirkirri lafaa sun jaalala sabni Yihowaa, isaafis taʼe walii isaaniitiif qaban hin laaffisne. Kanaa mannaa, jaalala kana isaaniif cimseera.