Caalaatti Barachuu ni Barbaaddaa?
Namni ogeessa taʼe tokko, “Ogummaan wanta baayʼee barbaachisaa taʼe waan taʼeef, ogummaa argadhu, wanta qabdu hundumaa irrattis hubannaa qabaadhu” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 4:7) Uumaan keenya murtoo gaarii gochuu fi jireenya gammachuu qabu qabaachuu akka dandeenyuuf, ogummaa fi hubannaa akka argannu nu gargaaruu barbaada.
Ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru argachuu yoo barbaadde weebsaayitii jw.org/om ilaali. Weebsaayitii kana irraa wantoota armaan gadii argatta:
KITAABA QULQULLUU
VIIDIYOOWWAN
ANIMEESHINIIWWAN
GAAFANNOOWWAN
MATA DUREEWWAN GARAA GARAA
Wantoota kana kaffaltii malee argachuu dandeessa; akkasumas yaada namoota umurii hundumaa irra jiranii fi akkaataa jireenyaa garaa garaa qaban fayyadu argachuu dandeessa.