2 Rakkina Keenyaaf Numatu Itti Gaafatamaa?
Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
Deebiin isaa eeyyee yoo taʼe, nuti rakkina keenya hirʼisuuf humna qabna jechuu taʼuu dandaʼa.
Mee Yaadi
Rakkoowwan armaan gadiitiif namoonni hangam gumaacha godhan?
-
Miidhaa.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka tilmaametti, dhiirota gaʼeessa taʼan 4 keessaa 1 ijoollummaatti yeroo taʼe tokkotti miidhaan qaamaa kan isaan irra gaʼe siʼa taʼu, dubartoota 3 keessaa 1 immoo miidhaan qaamaa ykn miidhaan saalaa (ykn lamaanuu) jireenya isaanii keessatti yeroo taʼe tokko isaan irra gaʼeera.
-
Nama jaallatan duʼaan dhabuu.
Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin bara 2018titti qophaaʼe, “Bara 2016 addunyaa maratti tilmaamaan namoonni 477,000 taʼan akka ajjeefaman” argisiisa. Lakkoofsi kun namoota 180,000 waggaa kanatti sababa waraanaa fi walitti buʼiinsaatiin ajjeefaman hin dabalatu.
-
Rakkoowwan Fayyaa.
Barreessaan Firaan Ismiiz jedhaman, mata duree barruu Naashinaal Jiʼoogiraafii irratti baʼe tokko irratti, “namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman tamboo ni xuuxu; tamboon immoo wantoota duʼaaf sababa taʼan, kan akka dhukkuba onnee, dhiigni kantaruu fi dhukkuba sombaa keessaa isa guddaa dha” jedhaniiru.
-
Wal caalmaa Hawaasa keessatti mulʼatu.
Ogeessi xin-sammuu, Jeey Waatis jedhaman, “hiyyummaan, wal caalmaan, sanyiidhaan nama qooduun, akkasumas saalaa ofiitiin jibbamuun, godaanuu fi wal dorgommiin carraa dhibee sammuutiin qabamuu dabalu” jedhaniiru.
CAALAATTI BARADHU
Viidiyoo Waaqayyo Lafa Kan Uume Maaliifi? jedhu jw.org irraa ilaali.
Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Rakkoowwan yeroo harʼaa addunyaa irra jiran hedduun namootaan kan dhufani dha.
Rakkoowwan hedduun mootummoota namoota ni tajaajilla jedhan irratti abbaa irree taʼuudhaan, jireenyi akka isaanitti ulfaatu godhaniin dhufu.
‘Inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidha.’—LALLABA 8:9.
Rakkina hirʼisuun ni dandaʼama.
Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu fayyaa gaarii fi warra kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu jajjabeessa.
“Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna; hinaaffaan garuu lafee in bososiisa.”—FAKKEENYA 14:30.
“Jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo fi wanta miidhaa geessisu hundumaa of irraa fageessaa.”—EFESOON 4:31.