Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA | BARSIIFATA KEE TOʼACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

1. Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu

1. Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu

Jireenya kee keessatti waan hundumaa al tokkotti jijjiiruuf yaalii gochuun kee qorumsa sitti taʼuu dandaʼa. ‘Torban kana tamboo xuuxuu nan dhiisa; kakachuu nan dhiisa; dhiisifadhee rafuu nan dhiisa; sochii qaamaa gochuu nan jalqaba; nyaata gaarii nyaachuu nan jalqaba; akkasumas akkoo fi akaakayyuu kootiif bilbiluu nan jalqaba’ jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, al tokkotti galma kee hunda irra gaʼuuf yaaluun, tokkoo isaa iyyuu raawwachuu akka ati hin dandeenye kan mirkaneessu dha!

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa.” Fakkeenya 11:2.

Namni gad of deebisu tokko dhugaa jiru amanee fudhata. Namni akkanaa yeroon isaa, humni isaa fi qabeenyi isaa daangeffamaa akka taʼe amanee fudhata. Kanaafuu, waan hundumaa al tokkotti jijjiiruuf yaaluu mannaa suutuma suuta fooyyaʼiinsa godha.

Al tokkotti galma kee hunda irra gaʼuuf yaaluun, tokkoo isaa iyyuu raawwachuu akka ati hin dandeenye kan mirkaneessu dha!

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Barsiifata kee jala jalaa fooyyessuuf yaalii godhi. Gama kanaan qabxiiwwan armaan gadii si gargaaruu dandaʼu:

  1. Barsiifata gadhee isa gaariidhaan bakka buusuudhaan saffisaan jijjiirama godhi. Fakkeenyaaf, barsiifatawwan gadheen galmeeffatte, saʼaatii dheeraadhaaf televijiinii ilaaluu kan dabalatu, barsiifatawwan gaariin galmeeffatte immoo namoota jaallattu yeroo hunda gaafachuu kan dabalatu yoo taʼe, ‘Yeroo hunda hojiidhaa yommuun galu yeruma sana televijiinii banuu mannaa, michuu ykn fira koo tokkoof bilbileen haasofsiisa’ jettee murteessuu dandeessa.

  2. Barsiifata gaarii qabaachuu barbaadduu fi barsiifata gadhee dhiisuu barbaaddu tarree lamaan galmeeffadhu. Wanta barreessitu hin daangessin, waan yaaddu hunda achi irratti barreessi.

  3. Warra caalaatti barbaachisaa taʼan dursuudhaan wanta galmeessitu duraa duubaan kaaʼi.

Tarree lamaan iyyuu keessaa barsiifata muraasa, jechuunis tokko ykn lama filadhu; achiis isaan irratti xiyyeeffadhu. Sana booda gara barsiifata itti aanu tokkotti ykn lamatti ceʼi.