BIYYOOTAA FI UUMMATA
Niiwu Ziilaandiin haa Daawwannu
GOSONNI Maawurii kiiloo meetira kumaan lakkaaʼamu garba irra qaxxaamuranii, Niiwu Ziilaandi kan qubatan gara waggaa 800 dura taʼuu hin oolu. Achitti taaʼumsa lafaa odoolawwan Polineezyiyaa warra hoʼa qabanii fi isaan dhiisanii dhufan irraa guutummaatti adda taʼe argatan. Biyyi kun bakka tulluun, tuullaan cabbii, burqituun danfaa fi roobni cabbii itti baayʼatu dha. Gara jaarraa shanii booda immoo, namoonni sanyii biraa Awurooppaa keessaa iddoo fagoo taʼee dhufanii achi buufatan. Yeroo harʼaa namoonni Niiwu Ziilaandii hedduun aadaawwan warra Angiloo-Saaksanii fi Poolineezyiyaa irraa maddan qabu. Uummata ishii keessaa gara dhibbeentaa 90 kan taʼan magaalaa keessa jiraatu. Magaalaan Weelingitan addunyaa keessatti magaalaa guddoo kibba fagootti argamtu dha.
Niiwu Ziilaandi wantoota garaagaraa baayʼee babbareedan
waan qabduuf, fagaattee kan jirtu taʼus waggaatti tuuristoonni miliyoona sadii taʼan kan ishii daawwatan taʼuun isaa nama hin dinqisiisu.Niiwu Ziilaandi bineensota bosonaa adda addaa kan qabdu siʼa taʼu, biyyoota kam iyyuu caalaa gosoota simbirroo balaliʼuu hin dandeenye hedduu qabdi. Reptaayiliin loccuu fakkaatuu fi Tuwaataaraa jedhamu hamma waggaa 100 jiraatus achitti ni argama. Hoosiftoonni naannoo kana qofatti argaman, gosoota simbira halkanii muraasaa fi hoosiftoota guguddaa bishaan keessaa kan akka weelii fi dolfinii dha.
Dhugaa Baatonni Yihowaa gara waggaa 120tiif Niiwu Ziilaandi keessatti lallabaa turaniiru. Afaanota Poolineezyiyaa kan taʼan Niiyuuʼan, Raarotongaa, Saamoʼaa fi Toongaan dabalatee, yoo xinnaate afaan 19n Kitaaba Qulqulluu barsiisu.