Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

 MATA DUREE FUULA JALQABAA

Jireenya Gammachuu Qabuuf Wantoota Barbaachisan

Jireenya Gammachuu Qabuuf Wantoota Barbaachisan

“Yeroon gaaʼela godhadhuu fi ijoollee qabaadhu gammachuu nan qabaadha.”

“Yeroon mana dhuunfaa kootii qabaadhu gammachuu nan qabaadha.”

“Yoon hojii kana argadhe gammachuu nan qabaadha.”

“Yeroon . . . gammachuu nan qabaadha.”

AKKAS sitti dhagaʼamee beekaa? Galma kee irra yeroo geessu ykn waan hawwite sana yeroo argattu gammachuu hin badne argatteettaa? Moo gammachuun argatte suutuma suuta hirʼachuu jalqabe? Galma tokko irra gaʼuun ykn waan hawwine tokko argachuun keenya gammachuu akka nuuf argamsiisu beekamaa dha; taʼus, gammachuun akkasii yeroodhaaf qofa kan turu taʼuu dandaʼa. Gammachuun itti fufiinsa qabu kan hundaaʼe, galma keenya irra gaʼuu ykn waan barbaadne tokko argachuu keenya irratti qofa miti. Kanaa mannaa, akkuma fayyaa qaamaa qabaachuu, gammachuu dhugaa argachuunis wantoota hedduu irratti kan hundaaʼe dha.

Hundi keenya iyyuu uumamni keenya adda adda dha. Wanti si gammachiisu nama kan biraa hin gammachiisu taʼa. Kana malees, yeroo umuriin keenya dabalaa deemu ni jijjiiramna. Taʼu iyyuu, akka ragaan argisiisutti wantoonni yeroo hunda gammachuu keenyaa wajjin wal qabatan tokko tokko jiru. Fakkeenyaaf, gammachuu dhugaa qabaachuun waan qabanitti gammaduu, hinaaffaa irraa fagaachuu, namoota jaallachuu fi gama sammuu fi miiraatiin cimina qabaachuu wajjin wal qabata. Maaliif akka taʼe haa ilaallu.

 1. WAAN QABANITTI GAMMADUU

Namni ogeessi waaʼee uumama namootaa qorate tokko, ‘Horiin nama golga’ jedheera. Haa taʼu malee, “Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waaʼee hin baafne dha” jechuudhaanis barreesseera. (Lallaba 5:10; 7:12) Maal jechuu barbaadee ti? Jiraachuuf qarshiin kan nu barbaachisu taʼus, wanta qabnutti kan hin quufne taʼuu hin qabnu! Solomoon Mootichi Israaʼel durii inni yaada kana barreesse, qabeenyi ykn jireenyi qananii gammachuu dhugaa kan argamsiisu taʼuu fi dhiisuu isaa qoratee ture. “Wanta iji koo hawwe hundumaa ani hin dhowwanne, garaa koos gammaduu irraa hin dhowwine” jechuudhaan barreesseera.—Lallaba 1:13; 2:10.

Solomoon qabeenya hammana hin jedhamne kan walitti qabate siʼa taʼu, mana guddaa, bakka bashannanaa bareeduu fi kuusa bishaanii, akkasumas hojjettoota hedduu qaba ture. Waan barbaade hunda argatee ture. Kana irraa barumsa akkamii argate? Hamma tokko gammachuu kan isaaf argamsiise taʼus, gammachuun isaa itti hin fufne. “Wanti kun hundinuu waaʼee hin baasu, . . . aduu jala wanti buʼaa qabu hin jiru” jedheera. Jireenya iyyuu jibbee ture! (Lallaba 2:11, 17, 18) Eeyyee, Solomoon fedhii ofii guuttachuu irratti qofa xiyyeeffachuun, oolee bulee nama tokko gammachuu dhabsiisuu akka dandaʼu hubateera. *

Qorannaawwan ammayyaa, yaada bara duriitti barreeffame kanaa wajjin wal simuu? Mata dureen barruu tokko irratti baʼe, ‘namni tokko waan jireenyaaf isa barbaachisu erga guuttatee booda, waan dabalataa yoo argate iyyuu gammachuu dabalataa akka hin arganne’ dubbata. Akka qorannaawwan argisiisanitti, namoonni wantoota baayʼee bitachuuf jecha wantoota iddoo guddaa kennuufii qaban aarsaa yeroo godhan gammachuun isaanii ni hirʼata.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin taʼin, wanta argattaniin ‘Nu gaʼa’ jedhaa!”Ibroota 13:5.

2. HINAAFFAA IRRAA FAGAACHUU

Hinaaffaan, “wanta namni kan biraan argatetti gadduu ykn aaruu fi wanta sana argachuuf hawwuu” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Akkuma xannachi tokko suutuma suuta guddatee lubbuu namaa galaafachuu dandaʼu, hinaaffaanis jireenya namaa toʼachuu fi gammachuu namaa balleessuu dandaʼa. Hinaaffaan nu keessatti guddachuu kan dandaʼu akkamitti? Amala kana qabaachuu keenya akkamitti beekuu dandeenya? Moʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

Kitaabni Encyclopedia of Social Psychology (Insaayikilooppeediyaa Xinsammuu Hawaasaa) jedhamu, namoonni yeroo baayʼee warra tarii umuriidhaan, muuxannoodhaan ykn akkaataa guddinaa isaaniitiin isaaniin qixxaatanitti akka hinaafan dubbata. Fakkeenyaaf, daldaltuun tokko taatuu fiilmii beekamaa taʼe tokkotti hin hinaafu. Kanaa mannaa, daldaltuu isa caalaa milkaaʼaa taʼetti hinaafuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, abbootiin taayitaa bulchiinsa Faares durii keessa turan tokko tokko, mootichatti utuu hin taʼin Daaniʼel isa hubannaa qabuu fi akkuma isaanii abbaa taayitaa taʼetti hinaafanii turan. Namoonni kun Daaniʼeliin ajjeesuuf mariʼachuun isaanii, hammam isatti aaranii akka turan argisiisa! Taʼus isaaniif hin milkoofne. (Daaniʼel 6:1-24) Insaayikilooppeediyaan armaan olitti caqasame akkas jedha:  “Hinaaffaan warra kaan irratti miidhaa geessisuuf akka nama kakaasu hubachuun barbaachisaa dha. Kunis, hammeenyi garaa garaa seenaa keessatti raawwatame hinaaffaa wajjin kan wal qabate maaliif akka taʼe ifa nuu godha.” *

Hinaaffaan, dandeettii namni tokko wantoota gaarii jireenya keessatti argatetti gammaduuf qabu jalaa balleessuu dandaʼa

Amala kana qabaachuu keenya akkamitti beekuu dandeenya? Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hiriyaan koo tokko milkaaʼina yeroo argatu nan gammada moo nan aara? Obbolaa koo keessaa tokko, barataa cimaan kutaa kootti baratu ykn namni ana faana hojjetu tokko karaa taʼe tokkoon milkaaʼina yoo dhabe nan gadda moo nan gammada?’ Deebiin ati gaaffilee kanaaf kennitu, amala kana qabaachuu fi dhiisuu kee si hubachiisa. (Uumama 26:12-14) Insaayikilooppeediyaan olitti caqasame akkas jedha: “Hinaaffaan, dandeettii namni tokko wantoota gaggaarii jireenya keessatti argatetti gammaduuf qabu jalaa balleessuu fi kennaawwan hedduu jireenya keessatti argateef galateeffannaa akka hin qabaanne isa gochuu dandaʼa. . . . Miirri akkasii gammachuu akka hin qabaane nu godha.”

Amala gad of deebisuu isa dandeettii fi amala gaarii namootaa dinqisiifachuuf nu dandeessisu guddifachuudhaan, hinaaffaa moʼuu ni dandeenya. Macaafni Qulqulluun, “Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaaʼaa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa!” jedha.—Filiphisiiyus 2:3.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Egaa kottaa of-dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaaftuu taʼuu in dhiifnaa!”Galaatiyaa 5:26.

3. NAMOOTAAF JAALALA QABAACHUU

Kitaabni Social Psychology (Xinsammuu Hawaasaa) jedhamu, “Gammachuun namootaa hojii, galii, hawaasa ykn fayyaa isaanii caalaa, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qaban irratti kan hundaaʼe dha” jedha. Namoonni gammadoo taʼuuf jaalala kennuu fi argachuu qabu. Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko, “Jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, ani homaa miti” jedheera.—1 Qorontos 13:2.

Yeroo kamitti iyyuu jaalala horachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, abbaan Vaanesaa hamaa fi araada dhugaatii kan qabu ture. Kanaaf, Vaanesaan umurii ishee waggaa 14tti, manaa baatee maatiiwwan ijoollee of bira tursan biratti dabarsite; booda immoo mana namoonni mana hin qabne keessa bulanitti kan dabarsite siʼa taʼu, bakka kanatti Waaqayyo akka ishee gargaaru kadhattee akka turte ni yaadatti. Achii, maatii ulaagaa Macaafa Qulqulluu “Jaalalli dandaʼaa dha, gaarummaas in argisiisa” jedhuun geggeeffamu bira akka jiraattu godhame; tarii kun deebii kadhannaa ishee taʼuu dandaʼa. (1 Qorontos 13:4) Haalli maatii sanaa fi wanti yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabattu baratte, Vaanesaan miira gaarii akka qabaattuu fi karaa sammuu cimtuu akka taatu ishee gargaareera. “Mana barumsaatti qabxiin koo D fi F irraa gara A fi Btti guddatee ture” jetteetti.

Vaanesaan wanti ishee irra gaʼe amma iyyuu yeroo tokko tokko miira ishee kan jeequ taʼus, yeroo ammaa gaaʼela gammachiisaa taʼee fi ijoollee durbaa lama qabdi.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!”Qolosaayis 3:14.

 4. CIMINA MIIRAA QABAACHUU

Namni rakkina irraa walaba taʼe jiraa? Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, “booʼuun yeroo qaba,” akkasumas “gadduun yeroo qaba.” (Lallaba 3:4) Cimina miiraa qabaachuun, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan dandaʼanii rakkina keessa darbuuf nu gargaara. Haala Kaarolii fi Miildireed haa ilaallu.

Kaarol, dhukkuba lafee dugdaa cimaa taʼe, dhukkuba sukkaaraa fi yeroo hirribaatti rakkina hafuura baafachuu kan qabdu siʼa taʼu, dhukkubni ijaa cimaa taʼe ija ishee bitaa jaamseera. Taʼus akkas jetteetti: “Miirri abdii kutannaa akka na irra hin turre gochuufan yaala. Haallin keessa jiru baayʼee na gaddisiisa. Taʼu iyyuu, waaʼee koo yaaduu dhiiseen wantan amma iyyuu gochuu dandaʼuuf, keessumaa immoo wantan warra kaaniif gochuu dandaʼuuf Waaqayyoon nan galateeffadha.”

Miildireedis dhukkuba artiraayitasii, kaansarii harmaa fi sukkaara dabalatee dhibee hedduu qabdi. Taʼus, akkuma Kaarol isheenis rakkina ishee irratti xiyyeeffachuu dhiisuuf yaalti. Akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Namoota jaallachuu fi namoota dhukkubsatan jajjabeessuu kanan baradhe siʼa taʼu, kana gochuun koo anas gargaareera. Yeroon warra kaan gargaarutti waaʼee ofii koo akkan hin yaaddofne hubadheera.”

Kaarolii fi Miildireed warra kaan jajjabeessuudhaan gammachuu argatu

Dubartoonni lamaan kun yaalii fayyaa gaarii argachuu kan barbaadan taʼus, ilaalcha isaanii fi akkaataa yeroo isaaniitti itti fayyadaman irratti malee haala fayyaa isaanii irratti hin xiyyeeffatan. Kun immoo gammachuu eenyu iyyuu isaan jalaa fudhachuu hin dandeenye akka qabaatan godheera. Kana malees, warri kaan jaalala guddaa kan isaaniif qaban taʼuu isaa irra iyyuu, isaanis namoota rakkina garaa garaa keessa jiraniif madda jajjabinaa taʼaniiru.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan dandaʼe, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya . . . akka gonfootti argachuuf jira.”Yaaqoob 1:12.

Ogummaan Macaafa Qulqulluu keessaa hojii irra oolfamnaan, “warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti, warri jabeessanii ishee qabatan haa gammadan!” (Fakkeenya 3:13-18) Ogummaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsametti fayyadamuudhaan, kun dhugaa taʼuu isaa maaliif hin mirkaneeffattu? Waaqni gammadaan inni Macaafa Qulqulluu barreessise atis gammachuu akka qabaattu barbaada.

^ KEY. 11 Seenaan waaʼee qorannaa Solomoon godhee dubbatu, Lallaba 2:1-11 irratti argama.

^ KEY. 17 Seenaawwan kana keessaa inni guddaan Yesus irratti kan raawwatame dha. Maarqos 15:10, ‘luboonni warri angafoonni hinaaffaadhaan’ dabarsanii akka isa kennan dubbata.