Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Alisaa

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Turkii

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Turkii

KIRISTIYAANOONNI jaarraa jalqabaa ‘misiraachoo Mootummichaa’ hamma dandaʼame namoota hedduudhaaf lallabuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. (Mat. 24:14) Isaan keessaa tokko tokko biyya isaaniitii ala illee deemaniiru. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan adeemsa misiyoonummaa yeroo godhutti naannoo Turkii ishiin yeroo harʼaa jirtu argamtu deemee balʼinaan lallabeera. * Waggoota 2,000 booda bara 2014⁠ttis, Turkii keessatti duulli lallabaa adda taʼe godhamee ture. Duulli kun maaliif qophaaʼe? Kan irratti hirmaatan hoo eenyufaʼi?

“MAALTU TAʼAA JIRA?”

Turkii keessa babalʼistoota 2,800 ol taʼantu jiru; baayʼinni uummataa ishii garuu miliyoona 79 dha. Kana jechuun Turkii keessatti babalʼisaan 1 namoota 28,000 taʼaniif dhugaa baʼa jechuu dha. Babalʼistoonni biyyichaa, haasofsisuu kan dandaʼan namoota muraasa qofa akka taʼu tilmaamuu dandeessa. Kaayyoon duulli lallabaa adda taʼe kun itti qophaaʼe, hamma dandaʼame yeroo muraasa gidduutti namoota hedduudhaaf lallabuuf yaadamee ti. Obboloonni 550 taʼan kan Afaan Turkii dubbachuu dandaʼanii fi biyyoota gara garaa irraa dhufan, duula kana irratti obboloota Turkii wajjin hirmaataniiru. Buʼaan isaa hoo maali dha?

Balʼinaan lallabuun dandaʼameera. Gumiin Istaanbul keessatti argamu tokko akkana jedhee barreesseera: “Namoonni yeroo nu argan, ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya guutaniiru! Naannoo kana walgaʼii addaatu jiraa?’ jedhanii nu gaafatu turan.” Gumiin magaalaa Izmiir keessatti argamu tokkos akkana jedhee barreesseera: “Namni bakka taaksiin dhaabbatu hojjetu tokko gara jaarsa gumii naannoo sanaatti siqee, ‘Maaltu taʼaa jira? Hojii keessan dabaltani moo?’ jedhee isa gaafate.” Eeyyee, duulli sun ifatti kan mulʼatu ture.

Istiifan

Obboloonni duula kanaaf biyya alaatti dhufaniis hojii lallabaa sanatti baayʼee gammadaniiru. Istiifan inni Deenmaarkii dhufe akkana jedheera: “Guyyaa guyyaadhaan, namoota matumaa waaʼee Yihowaa dhagaʼanii hin beekneef lallabuu dandaʼeera. Maqaan Yihowaa akka beekamu gochaa akkan jiru natti dhagaʼamee ture.” Zyaan-Deevid inni Faransaayi irraa dhufe immoo akkana jedhee barreesseera: “Saʼaatii dheeraadhaaf karuma tokko irratti lallabnee ture. Baayʼee nama gammachiisa ture! Namoonni hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa hin beekan turan. Balbala hunda irratti jechuun ni dandaʼama, namootaa wajjin maree jalqabuu, viidiyoo isaanitti argisiisuu fi barreeffamoota isaanii kennuu dandeenyeerra.”

Zyaan-Deevid (gidduu)

Hirmaattonni 550 taʼan torban lama keessatti barreeffamoota gara 60,000 taʼu raabsaniiru! Dhuguma iyyuu, duulli kun lallabni guddaan akka taasifamu godheera.

Hinaaffaan tajaajilaaf qaban akka dabaluu godheera. Duulli lallabaa godhame kun hinaaffaa obboloota biyyicha keessa jiraataniis kakaaseera. Baayʼeen isaanii tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu yaaduu jalqabaniiru. Dhuguma iyyuu, duula sana booda jiʼoota 12an turan keessatti, lakkoofsi qajeelchitoota yeroo hundaa Turkii gara dhibbeentaa 24 dabaleera.

Sheeran

Obboloonni biyyaa alaatii dhufanii fi duula kana irratti hirmaatanii turan, yeroo gara biyya isaanitti deebiʼanitti illee duulli kun tajaajila isaanii akka fooyyesse dubbataniiru. Obboleettiin Sheeran jedhamtuu fi Jarmanii dhufte akkana jette barreessiteetti: “Obboloonni Turkii sodaa tokko malee karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼu. Ani garuu karaa al idilee taʼeen lallabuun baayʼee na sodaachisa ture. Haa taʼu malee, duula addaa godhame, fakkeenya obboloota naannoo sanaa fi kadhannaa hedduudhaaf galani haa taʼuutii, wanta duratti gochuu hin dandeenye raawwachuu dandaʼeera. Karaa lafa jalaa baaburri deemutti illee lallabuu fi tiraaktii kennuu dandaʼeera! Amma ani akka duraa ija laafettii miti.”

Joohaanas

Joohaanas inni Jarmanii dhufe akkana jedheera: “Tajaajila koo fooyyessuuf waan tokko tokko baradheera. Obboloonni Turkii keessa jiran dhuguma hamma dandaʼametti namoota hedduudhaaf dhugaa lallabuu barbaadu. Dhugaa baʼuudhaaf carraa argatan hundatti fayyadamu. Anis yommuun Jarmanitti deebiʼuu akkasuma gochuufan murteesse. Yeroo ammatti isa duraa caalaa namoota hedduufan lallaba.”

Zeenap

Zeenap ishiin biyya Faransaayii dhufte akkana jettetti: “Duuli kun tajaajila koo irratti jijjiirama guddaa fideera. Caalaatti ija jabina akkan qabaadhu fi amantaa ani Yihowaa irratti qabu cimsachuuf na gargaareera.”

Babalʼistoonni sun caalaatti walitti dhihaataniiru. Jaalallii fi tokkummaan obboloota biyyoota adda addaatii dhufan qaban matumaa kan hin irraanfatamne dha. Zyaan-Deevid inni olitti caqasamee ture, “Obboloonni keessummoota kan simatan taʼuu isaanii ‘miʼeeffannee ilaalleerra’” jedheera. Itti dabalees akkana jedheera: “Akkuma michootaa fi miseensota maatii isaaniitti nu simatan. Mana isaanii banaa nuuf godhaniiru. Waldaa obbolummaa addunyaa maraa akka qabnu beeka; barreeffamoota keenya irraa yeroo baayʼee dubbiseera. Amma garuu ija kootiin arguu dandaʼeera. Saba Yihowaa keessaa tokko taʼuu kootti kanan boonu taʼuu isaa irra iyyuu, mirga dinqisiisaa kanaaf Yihowaan galateeffadha.”

Kilaar (gidduu)

Kilaar ishiin Faransaayii dhufte akkana jetteetti: “Kan dhufne Deenmaarki, Faransaayi, Jarmanii ykn Turkii taʼus, hundi keenya maatii tokko dha. Waaqayyo daangaa biyyoolessaa haqxuu guddaadhaan waan haxaaʼee balleesse fakkaata ture.”

Istiifaanee (gidduu)

Istiifaanee ishiin Faransaayii dhufte akkana jetteetti: “Duulli addaa sun, wanti tokkummaa akka qabaannu nu taasise aadaa ykn qooqa utuu hin taʼin, jaalala hundi keenya Yihowaadhaaf qabnu akka taʼe nu barsiiseera.”

FAAYIDAA BARA BARAA QABA

Hirmaattonni biyya alaatii dhufan hedduun gara biyya Turkii dhaqanii hojii guddaa amma iyyuu achitti raawwatamuu qabu gargaaruu irratti yaaduu jalqabaniiru. Baayʼeen isaanii gara Turkii dhufanii jiraachaa jiru. Bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun isaanii baayʼee kan dinqisiifamu dha.

Fakkeenyaaf, garee xinnoo babalʼistoota 25 qabuu fi baayʼee fagaatee jiru tokko ilaalaa. Waggoota hedduudhaaf, garee kun jaarsa tokko qofa qaba ture. Bara 2015⁠tti biyya Jarmanii fi Neezarlaandiitii obboloonni jaʼa isaan gargaaruuf yommuu dhufan gammachuu babalʼistoota sanatti dhagaʼamee ture tilmaamuu dandeessu!

ADDA DURUMMAADHAAN TAJAAJILUU

Obboloonni bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan tajaajiluuf gara Turkii dhufan waaʼee jireenya isaanii achii maal jedhaniiru? Al tokko tokko rakkisaa taʼuun isaa beekamaa taʼus, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaquun jireenya eebba guddaa argamsiisu dha. Mee isaan keessaa tokko tokko maal akka jedhan haa ilaallu:

Federekoo

Obboleessi Ispeenii dhufee fi Federekoo jedhamu, gaaʼela kan qabuu fi umurii jalqaba waggoottan 40mman keessatti argamu akkana jedheera: “Qabeenya hedduu na hawwatu kan hin qabne taʼuun koo, bilisa akkan taʼuu fi wantoota baayʼee barbaachisoo taʼan irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera.” Tajaajila akkasii ni deggeraa laata? Akkana jedheera: “Eeyyee, guutummaatti nan deggera! Namoonni Yihowaa akka beekan gargaaruuf jecha biyya ala deemuun kee, dhugumaan harka Yihowaatti of kennuu kee argisiisa. Yihowaan isa kanaan duraa caalaa si kunuunsaa akka jiru sitti dhagaʼama.”

Rudii

Obboleessi gaaʼela qabuu fi dhuma waggoottan 50mmanii Rudiin inni Neezarlaandiitii dhufe akkana jedheera: “Adda durummaadhaan tajaajiluunii fi namoota matumaa dhugaa hin dhageenyee hedduudhaaf lallabuun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Namoonni yommuu dhugaa fudhatan gammachuu isaanitti dhagaʼamu arguun, madda gammachuu guddaa nuuf taʼeera.”

Saashaa

Obboleessi gaaʼela qabuu fi Saashaa jedhamu Jarmanii kan dhufe siʼa taʼu, umurii jalqaba waggoota 40mmanii keessatti argama. Akkana jedheera: “Yommuun tajaajilu hundatti namoota yeroo jalqabaatiif dhugaa dhagaʼan wajjinan wal arga. Namoonni akkasii Yihowaa akka beekan carraa isaaniif kennuun gammachuu guddaa naaf argamsiisa.”

Aatsuukoo

Aatsuukoo obboleettiin gaaʼela qabduu fi umurii walakkeessa waggoottan 30 keessatti argamtuu fi Jaappaanii dhufte akkana jetteetti: “Kanaan dura, yeroo hunda Armaagedoon dafee akka dhufu hawwaan ture. Gara Turkii dhaqee ergan jiraachuu jalqabee booda garuu, Yihowaan amma iyyuu obsa argisiisaa kan jiru taʼuu isaatiif isan galateeffadha. Akkaataa Yihowaan wantoota tokko tokko itti hojjetu caalaatti hubachaa yommuun deemu, fedhiin ani isatti dhihaachuuf qabus dabalaa deema.”

Obboleettiin Alisaa jedhamtuu fi umurii ishii jalqaba waggoottan 30 keessatti argamtuu fi Raashiyaatii dhufte akkana jetteetti: “Haala kanaan Yihowaa tajaajiluun koo gaarummaa Yihowaa hunda miʼeeffadhee akkan ilaalu na gargaareera.” (Far. 34:8) Itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Yihowaan Abbaa koo qofa utuu hin taʼin, michuu koo haala adda addaa keessatti illee waaʼee isaa caalaatti beeku naaf taʼeera. Jireenyi koo yeroo fi muuxannoo gammachiisaa, akkasumas eebba hedduudhaan kan guutame dha!”

“MAASICHA ILAALAA”

Duula lallabaa addaa Turkii keessatti taasifameen namoonni hedduun misiraachoo dhagaʼaniiru. Taʼus, amma iyyuu naannoowwan dhugaan itti hin lallabamin hedduun jiru. Guyyaa guyyaatti, obboloonni bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan tajaajiluuf gara Turkii deeman namoota matumaa waaʼee Yihowaa dhagaʼanii hin beekne argachaa jiru. Naannoo akkasii dhaqxee tajaajiluu barbaaddaa? Taanaan, gorsa “Ija keessan ol kaasaa maasicha ilaalaa; midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera” jedhu hojii irra akka oolchitu si jajjabeessina. (Yoh. 4:35) Kutaa addunyaa keessaa bakka “midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼe” deemtee gargaaruu dandeessaa? Yoo taʼe, ammumaa tarkaanfiiwwan galma kana irra gaʼuuf si gargaaran fudhachuu jalqabi. Wanti kun mirkanaaʼaa dha: “Hanga andaara lafaatti” misiraachoo babalʼisuuf hirmaannaa qabdu guddisuun kee eebba guddaa tilmaamamuu hin dandeenye siif argamsiisa!—HoE. 1:8.

^ key. 2 Birooshura “Biyyattii Abdachiifamte Ilaalaa” jedhamu ful. 32-33 ilaali. (Ingiliffa)