MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Ebla 2017

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Caamsaa 29 hanga Adoolessa 2, 2017⁠tti qoʼataman kan qabate dha.

“Wanta Wareegde Raawwadhu”

Waadaa galuu jechuun maal jechuu dha? Waaqayyoof waadaa galuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal dubbata?

Mootummaan Waaqayyoo Yommuu Dhufu Wantoota Akkamii Balleessa?

Kitaabni Qulqulluun ‘addunyaan darbaa akka jiru’ dubbata. “Addunyaa” yaanni jedhu maal argisiisa?

SEENAA JIREENYAA

Loltuu Kiristoos Taʼuuf Kutadheera

Dimeetiriyas Saaraas meeshaa waraanaa qabachuu waan dideef hidhamee ture. Yeroo booda rakkinni hedduun kan isa mudate taʼus, Waaqayyoon jajachuu isaa itti fufeera.

“Abbaan Firdii Guutummaa Biyya Lafaa” Yoom Iyyuu Wanta Sirrii Raawwata

Yihowaan haqa jalʼisuu hin dandaʼu kan jennu maaliifi? Kun hoo Kiristiyaanota yeroo harʼaatti argamaniif barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Ilaalcha Yihowaan Haqaaf Qabu Qabdaa?

Ilaalcha Waaqayyo haqaaf qabu qabaachuuf gad of qabuunii fi dhiifama gochuun baayʼee barbaachisaa dha. Maaliif?

Fedhiidhaan of Dhiheessuun Keessan Yihowaan Akka Jajamu Taasisa!

Waaqni inni Hundaa Ol taʼe carraaqqiin nuti kaayyoo isaa raawwachuu irratti goonu hammam iyyuu xinnoo yoo taʼe, iddoo guddaa kennaaf.