Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Mootummaan Kee Haa Dhufu”—Kadhannaa Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼamaniin Dhihaatu

“Mootummaan Kee Haa Dhufu”—Kadhannaa Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼamaniin Dhihaatu

Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhattee beektaa? Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jaarraawwan hedduudhaaf kadhannaa, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhu irra deddeebiʼanii dhiheessaa turaniiru. Kadhannaa kana irra deddeebiʼanii kan dhiheessan maaliifi? Sababiin isaas, Yesuus duuka buutonni isaa Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu akka kadhatan isaanitti himeera.

Jalqaba irratti duuka buutonni Yesuus wanta inni Mootummicha ilaalchisee dubbate hundumaa hin hubanne turan. Yeroo tokko, “Yaa Gooftaa, yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?” jedhanii isa gaafatanii turan. Tarii, Yesuus kallattiidhaan deebii kanaa utuu isaaniif hin kennin hafuun isaa isaan ajaaʼibsiisee taʼuu dandaʼa. (Hojii Ergamootaa 1:6, 7) Kana jechuun Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼee fi yoom akka dhufu beekuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Matumaa!

Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii argachuuf si gargaara:

  • Mootummaan Waaqayyoo kan nu barbaachisu maaliifi?

  • Mootiin Mootummaa Waaqayyoo eenyu dha?

  • Mootummaan Waaqayyoo lafa kan bulchu yoomi?

  • Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?

  • Ammuma Mootummaa Waaqayyoo deggeruuf filachuu kan qabnu maaliifi?

  • Mootummaan Waaqayyoo maali dha?