KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA
Ofis Taʼe Dubartoota Kabajuu Baradheera
-
BARA DHALOOTAA: 1960
-
BIYYA DHALOOTAA:FARANSAAYI
-
SEENAA:ARAADA KAN QABUU FI DUBARTOOTA KAN HIN KABAJNE TURE
JIREENYA KOO DURAA:
Kaaba baha Faransaayi magaalaa Miiluuz ishii namoonni hiyyeeyyiin keessa jiraatanii fi jeequmsaan beekamtu keessattan dhaladhe. Ijoollummaa kootti lola maatiiwwan naannoo sana jiraatan gidduutti ture hin irraanfadhu. Maatii keenya keessatti dubartoonni ni tuffatamu; dhiironnis isaanii wajjin hin dubbatan turan. Dubartoonni gola keessaa akka hin baane, akkasumas hojiin isaanii dhiirotaa fi ijoollee kunuunsuu akka taʼe natti himama ture.
Jireenyi ijoollummaa koo ulfaataa ture. Umurii koo waggaa kudhanitti abbaan koo sababii dhugaatiitiin duʼe. Waggaa shan booda immoo obboloota koo warra hangafaa keessaa tokko of ajjeese. Waggaadhuma sanatti walitti buʼiinsa cimaa yeroo dheeraadhaaf maatii keenya keessa tureen kan kaʼe yommuu wal ajjeesan arguun koo baayʼee na naasise. Miseensonni maatii koo cuuphee fi qawweetti akkamitti akkan fayyadamuu fi yeroo barbaachisaa taʼutti akkamitti nama loluu akkan dandaʼu na leenjisaniiru. Dargaggeessa tasgabbii hin qabnen taʼe; dhaqna koo tumachuu fi dhugaatii dhuguun jalqabe.
Umuriin koo waggaa 16 yommuu taʼu, guyyaa guyyaadhaan biiraa qaruuraa 10 hanga 15iin dhugan ture; utuma baayʼee hin turinis qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun jalqabe. Qarshii araada kootiif taʼu argachuuf hatuu fi sibiilota gataman gurguruun jalqabe. Umurii waggaa 17 tti mana hidhaa galeen ture. Walumaa galatti, hannaa fi lolaan siʼa 18 murtoon garaa garaa natti murteeffamee ture.
Umurii koo jalqaba waggoota 20 tti jireenyi koo caalaatti mancaʼe. Guyyaatti maraa maariwaanaa gara 20n xuuxa, heeroyinii fi wantoota seeraan dhowwaman kaanis nan fudhadhan ture. Siʼa baayʼee wantoota kana humnaa ol fudhachuu kootiin duʼuu jala gaʼeen ture. Achiis qoricha sammuu namaa hadoochu gurguruu waanan jalqabeef, cuuphee fi qawwee of harkaa hin dhabun ture. Gaaf tokko namicha tokkottan dhukaase; gaarummaan isaa rasaasichi sibiila saqqii isaa rukutee deebiʼe! Umurii koo 24 tti haati koo ni duute; kunis aariin koo akka itti caalu godhe. Namoonni karaa irra deeman yommuu na argan sodaatanii karaa jijjiirratu turan. Namootaa wajjin waanan wal loluuf Sanbadduraa fi Dilbata yeroo baayʼee waajjira poolisiitti ykn madaa koo hodhisiisuuf mana yaalaattin dabarsa ture.
Umurii koo waggaa 28 tti nan fuudhe. Taʼus haadha manaa koo hin kabajun ture. Ishiin arrabsa, akkasumas nan reeban ture. Akka hiriyoota gaaʼelaatti waan tokko illee wajjin hojjennee hin beeknu turre. Faayaan hatee fidu hedduu ishiidhaaf kennuun gaʼaa akka taʼe natti dhagaʼama ture. Achiis wanti hin eegamne tokko ni uumame. Haati manaa koo Dhugaa Baatotaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Guyyaa jalqabaa erga qoʼattee booda tamboo xuuxuu fi qarshii
ani hatee fidu fudhachuu dhiiste; faaya ani ishiidhaaf kennee tures naaf deebiste. Anis baayʼeen aare. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ishii nan morme; tamboo xuuxee aara isaa fuula ishiittan afuufa ture. Ollaawwan keenya birattis ishiittan qoosa ture.Gaaf tokko galgala, machiidhaanan mana keenyatti ibidda qabsiise. Haati manaa koo anaa fi intala keenya waggaa shanii ibidda irraa oolchite. Yommuu machiin koo na irraa galu of ceephaʼuun jalqabe. Waaqayyo matumaa dhiifama naaf hin godhu jedheen yaade. Lubni tokko yeroo tokko hamoonni ibiddaan gubatu jedhee akka dubbaten yaadadhe. Ogeessi fayyaa sammuu yaalii naaf godhu illee, “Siʼachi abdii hin qabdu! Matumaa fooyyaʼuu hin dandeessu” naan jedhee ture.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Manni keenya erga gubatee booda warra haadha manaa koo wajjin jiraachuu jalqabne. Dhugaa Baatonni haadha manaa koo bira yommuu dhufan, “Dhuguma Waaqayyo cubbuu koo hunda naaf dhiisaa?” jedheen gaafadhe. Isaanis Kitaaba Qulqulluu irraa 1 Qorontos 6:9-11 natti argisiisan. Caqasichi amalawwan Waaqayyo jibbu erga tarreessee booda, “Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan” jedha. Yaanni caqasa kanaa jijjiiramuu akkan dandaʼu naaf mirkaneesse. Achiis Dhugaa Baatonni sun 1 Yohaannis 4:8 natti argisiisuudhaan Waaqayyo akka na jaallatu naaf mirkaneessan. Anis jajjabina waanan argadheef, torbanitti siʼa lama Kitaaba Qulqulluu akka na qoʼachiisanan gaafadhe; walgaʼii gumii isaanii irrattis argamuun jalqabe. Yeroo hundas Yihowaa nan kadhadhan ture.
Jiʼa tokko gidduutti qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi dhugaatii dhiisuufan murteesse. Utuma baayʼee hin turin qaama koo keessatti qabsoo cimaan akka jalqabe natti dhagaʼame! Abjuu nama sodaachisu, mataa bowwuu, dhukkubbii garaachaa fi maashaalee, akkasumas mallattoowwan araada dhiisuu kootiin dhufan na mudachuu jalqaban. Karaa biraa immoo Yihowaan harka koo qabee na jabeessaa akka jiru natti dhagaʼama ture. Akkuma Phaawulos ergamaa natti dhagaʼame. Phaawulos gargaarsa Waaqayyo isaaf godhe ilaalchisee, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedheera. (Filiphisiiyus 4:13) Yeroo boodas, tamboo xuuxuu dhiisuu dandaʼeera.—2 Qorontos 7:1.
Kitaabni Qulqulluun jireenya koo akkan sirreeffadhu gochuu malees, haalli maatii keenyaa akka fooyyaʼu godheera. Ilaalchin haadha manaa kootiif qabus jijjiirameera. Ishii kabajuu, “maaloo” fi “galatoomi” jechuus jalqabeera. Intala keenyaafis abbaa gaarii taʼuu dandaʼeera. Waggaa tokkoof Kitaaba Qulqulluu ergan qoʼadhee booda, fakkeenya haadha manaa koo hordofuudhaan Yihowaaf of murteesseen cuuphame.
FAAYIDAAN ARGADHE:
Dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu lubbuu koo akka naaf oolche mirkanaaʼaa dha. Firoonni koo Dhugaa Baatota hin taane illee, qoricha sammuu namaa hadoochu garmalee fudhachuu kootiin ykn namootaa wajjin wal loluu kootiin gaaf tokko duʼuun koo akka hin oolle isaanitti dhagaʼama ture.
Barumsi Kitaaba Qulqulluu waaʼee itti gaafatamummaa abbaa manaa fi abbaa ibsu, jireenyi maatii koo akka jijjiiramu godheera. (Efesoon 5:25; 6:4) Wanta tokko tokko akka maatiitti waliin hojjechuu jalqabneerra. Haati manaa koo golaa akka hin baane dhowwuu mannaa, hojii ishiin tajaajila yeroo guutuu keessatti raawwattu irrattin ishii deggera. Ishiinis hojii ani jaarsa gumii taʼuudhaan hojjedhu irratti na deggerti.
Jaalallii fi gara laafinni Yihowaa baayʼee garaa koo tuqeera. Namoota abdii akka hin qabnetti ilaalamanitti waaʼee amalawwan Yihowaa himuuf hawwii guddaan qaba; sababiin isaas namoonni hedduun anaafis ilaalcha akkasii qabu turan. Kitaabni Qulqulluun namni kam iyyuu jireenya qulqulluu fi kaayyoo qabu akka jiraatu gargaaruuf humna akka qabu beeka. Kitaabni Qulqulluun dhiiraa fi dubartii utuu hin jedhin nama hunda akkan jaalladhuu fi akkan kabaju qofa utuu hin taʼin, ofiifis kabaja akkan qabaadhu na gargaareera.