Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duriitti ibiddi iddootii gara iddootti kan geeffamu akkamitti ture?

SEENAAN Kitaaba Qulqulluu Uumama 22:6 irratti argamu, Abrahaam bakka fagoo deemee aarsaa dhiheessuuf yommuu kaʼetti maal akka godhe yommuu ibsu akkana jedha: “Qoraan qalmi ittiin gubamu Yisihaq ilma isaa baachisee, ofii isaatii immoo ibiddaa fi haaduu harkatti baate; lamaanuus walii wajjin in adeeman.”

Kitaabni Qulqulluun mala namoonni bara duriitti ibidda qabsiisuuf itti fayyadaman ilaalchisee waan ibsu hin qabu. Seenaa olitti ibsamee wajjin haala wal qabateen garuu, yoo xinnaate namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko, adeemsa dheeraa Abrahaamii fi Yisihaaq godhan irratti ibidda bobaʼu baatanii deemuun waan hin fakkaanne akka taʼe dubbateera. Kanaaf, tarii seenaa kana irratti ibsamaa kan jiru miʼa ibidda qabsiisuuf gargaaru fudhatee deemuu isaa taʼuu dandaʼa.

Haa taʼu malee, namoonni bara duriitti ibidda qabsiisuun salphaa hin turre jedhanis jiru. Namoonni yeroo sanatti turan, ofii isaaniitii ibidda qabsiisuu mannaa yoo dandaʼame ollaa isaanii dhaqanii ibidda fudhachuun isaanitti salphata ture. Kanaaf hayyoonni hedduun Abrahaam miʼa, tarii okkotee funcaadhaan rarraafamutti, barbadaa ibiddaa, ibidda galgala karaa deemuu isaanii dura ture irraa hafe qabatee akka deeme dubbatu. (Isa. 30:14) Barbadaan haala kanaan iddootii gara iddootti geeffamu, yommuu karaa dheeraan deemamu yeroo barbaadamu hundatti qoraan itti naquudhaan salphaatti ibidda qabsiisuuf hojii irra ooluu dandaʼa.