Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mirga Filannoo Gochuuf Sii Kenname Dinqisiifadhu

Mirga Filannoo Gochuuf Sii Kenname Dinqisiifadhu

“Bakka hafuurri Yihowaa [jiru] bilisummaan jira.”—2 QOR. 3:17.

FAARFANNAA: 40, 54

1, 2. (a) Mirga filannoo ilaalchisee namoonni ilaalacha gara garaa akkamii qabu? (b) Mirga filannoo ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal barsiisa? Gaaffiiwwan kam irratti mariʼanna?

DUBARTIIN tokko murtoo dhuunfaa gochuuf yommuu dirqamtetti, hiriyaa ishiitiin, “Maal yaaduu akkan qabu natti hin himin; maal gochuu akkan qabu natti himi malee. Isa naa wayya” jetteetti. Dubartiin kun kennaa addaa, mirga filannoo Uumaan ishii ishiidhaaf kennetti fayyadamuu mannaa, wanti gochuu qabdu akka ishiitti himamu barbaadde. Ati hoo? Murtoo mataa kee gochuu moo warri kaan akka siif murteessan filachuu barbaadda? Mirga filannoo akkamitti ilaalta?

2 Namoonni dhimma kana irratti jaarraa hedduudhaaf wal falmaa turaniiru. Warri tokko tokko, gochi keenya hundi dursee Waaqayyoon kan murteeffame waan taʼeef, wanti mirga filannoo jedhamu hin jiru jedhu. Kaan immoo mirgi filannoo dhugaa taʼe jiraachuu kan dandaʼu, bilisummaan daangaa hin qabne yoo jiraate qofa akka taʼe falmu. Haa taʼu malee, dhimma kana sirriitti hubachuuf, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe qoruu qabna. Maaliif? Yihowaan mirga filannoo qabaannee akka uumamne ibsa; kana jechuun dandeettii yaaduu fi mirga filannoo mataa keenyaa gochuu qabna jechuu dha. (Iyaasuu 24:15 dubbisi.) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii ni kenna: Yommuu murtoo goonutti mirga filannoo keenyatti fayyadamuu kan qabnu akkamitti? Mirgi filannoo daangaa qabaa? Akkaataan mirga filannoo keenya itti fayyadamnu jaalala guddaa Yihowaadhaaf qabnu kan argisiisu akkamitti? Murtoo warra kaanii akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

YIHOWAA FI YESUUS IRRAA MAAL BARANNA?

3. Yihowaan akkaataa bilisummaa isaa itti fayyadamuun fakkeenya kan taʼu akkamitti?

3 Bilisummaa daangaa hin qabne kan qabu Yihowaa qofa dha; taʼus akkaataan inni bilisummaa isaatti itti fayyadamu fakkeenya nuuf taʼa. Fakkeenyaaf, sabni Israaʼel saba maqaa isaatiif taʼu, jechuunis ‘addaan baʼee saba dhuunfaa isaa akka taʼuuf’ isa filateera. (Kes. 7:6-8) Inni filannoo kana gochuuf sababii qaba ture. Sababiin isaas Yihowaan jaarraa hedduu dura Abrahaam isa michuu isa tureef waadaa gale raawwachuu waan barbaadeefi dha. (Uma. 22:15-18) Kana malees, Yihowaan yeroo hunda bilisummaa isaatti karaa jaalalaa fi haqa isaa wajjin wal simuun itti fayyadama. Kanas akkaataa Israaʼeloota irra deddeebiʼanii waaqeffannaa dhugaa dhiisan itti adabe irraa hubachuun ni dandaʼama. Garaadhaa yommuu yaada geddaratan, Yihowaan fedhuma isaatiin jaalalaa fi araara isaa akka isaanitti argisiisu yommuu ibsu, “Ana irraa garagaluu isa dhukkuba itti taʼe irraa isaan nan fayyisa . . . Fedha garaa kootiin isaan nan jaalladha” jedheera. (Hos. 14:4) Bilisummaa isaa warra kaan ittiin gargaaruuf waan itti fayyadamuuf fakkeenya gaarii nuuf taʼa!

4, 5. (a) Mirga filannoo Waaqayyo kennu jalqaba kan argate eenyu? Kan itti fayyadame hoo akkamitti? (b) Hundi keenya gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

4 Yihowaan maleekotaa fi namoota yeroo uumu mirga filannoo akka qabaatan godhee uumuu filateera. Uumamni jalqabaa mirga filannoo qabaatee uumame Ilma isaa isa hangafaa, “fakkaattii Waaqayyoo isa ijaan hin argamne” dha. (Qol. 1:15) Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura iyyuu, fincila Seexanni kaase duukaa buʼuu mannaa, Abbaa isaatiif amanamaa taʼee jiraachuu filateera. Yeroo boodas, yeroo lafa irra turetti qorumsa Diinni isaa inni guddaan isatti fide mormuuf mirga filannoo isaatti fayyadameera. (Mat. 4:10) Galgala duʼa isaa dura turetti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan, fedha Waaqayyoo raawwachuuf akka kutate ammas mirkaneesseera. Akkana jedhe: “Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe xoofoo kana ana irraa fageessi. Taʼus fedhiin koo utuu hin taʼin, fedhiin kee haa taʼu.” (Luq. 22:42) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi fedhii isaa raawwachuuf nu gargaaruun mirga filannoo keenyatti haa fayyadamnu! Kun waan dandaʼamu dhaa?

5 Eeyyee, nutis fakkaattii Waaqayyootiin waan uumamneef fakkeenya Yesuus hordofuu ni dandeenya. (Uma. 1:26) Haa taʼu malee, bilisummaan keenya daangaa qaba. Bilisummaan Yihowaa garuu daangaa hin qabu. Dubbiin Waaqayyoo, bilisummaan keenya daangaa akka qabuu fi daangaa Yihowaan nuuf kaaʼe irra darbuu akka hin qabne ibsa. Fakkeenyaaf, haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif, ijoolleen immoo warra isaaniitiif bitamuu qabu. (Efe. 5:22; 6:1) Daangaan kun akkaataa mirga filannoo keenyatti itti fayyadamnu kan tuqu akkamitti? Jireenyi bara baraa gara fuulduraatti argannu deebii gaaffii kanaaf kenninu irratti kan hundaaʼe dha.

KARAA SIRRII YKN KARAA DOGOGGORA TAʼEEN MIRGA FILANNOOTTI FAYYADAMUU

6. Bilisummaan keenya daangaa qabaachuun isaa sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

6 Mirgi filannoo daangaa qabu dhuguma bilisummaa jedhamuu dandaʼaa? Eeyyee! Akkas kan jennu maaliifi? Bilisummaan namootaa daangaa qabaachuun isaa eegumsa isaaniif argamsiisa. Fakkeenyaaf, konkolaataadhaan bakka fagoo yeroo deemnu bilisummaa keenyatti fayyadamuu dandeenya. Haa taʼu malee, karaawwan guguddaa seera tiraafiikii hin qabnee fi namni hundi saffisa ykn kallattii barbaadeen oofuuf murteessuu dandaʼu irra utuu deemnee nageenyi nutti dhagaʼamaa? Matumaa. Namoonni hundi bilisummaa dhugaa irraa faayidaa akka argataniif, daangaan jiraachuun isaa barbaachisaa dha. Bilisummaa keenya daangaa Yihowaan kaaʼe utuu hin darbin itti fayyadamuun hangam gaarii akka taʼe dabalataan ibsuuf, mee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessa jiran tokko tokko haa ilaallu.

7. (a) Garaagarummaan Addaamii fi bineensota gidduu jiru tokko maali dha? (b) Karaawwan Addaam mirga filannoo isaa itti fayyadame keessaa tokko maal akka taʼe ibsi.

7 Waaqayyo Addaamiin yommuu uumetti, mirga filannoo maleekotaaf kennee ture isaafis kenneera. Bineensonni mirga filannoo waan hin qabneef, kennaan kun Addaamiin isaan irraa adda taasisa. Mee fakkeenya Addaam mirga filannoo isaa karaa sirrii taʼeen akkamitti akka itti fayyadame argisiisu haa ilaallu. Bineensonni kan uumaman namoota dura dha. Haa taʼu malee Yihowaan, Addaam bineensota kanaaf maqaa moggaasuudhaan gammachuu akka argatu isa taasiseera. Waaqayyo “maal jedhee akka inni isaan waamu ilaaluudhaaf gara namichaatti isaan fide.” Addaam bineensota sana sirriitti hubatee maqaa isaaniif taʼu erga isaaniif baasee booda, Yihowaan gidduu hin seenne; akkasumas maqaa Addaam isaaniif baase hin jijjiirre. Kanaa mannaa, “Wanti namichi uumama lubbuu qabaatee jiraatu ittiin waame hundinuu . . . maqaa in taʼeef.”—Uma. 2:19.

8. Addaam mirga filannoo isaatti karaa sirrii hin taaneen kan itti fayyadame akkamitti? Kun hoo maal geessise?

8 Kan nama gaddisiisu garuu, Addaam hojii Waaqayyo jannata akka eeguu fi akka kunuunsu isaaf kennetti hin gammanne. Itti gaafatamummaan armaan gadii inni Waaqayyo irraa fudhate iyyuu bilisummaa hedduu isaaf argamsiisa ture: “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii . . . irratti, simbirroota . . . irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” (Uma. 1:28) Haa taʼu malee, daangaa Waaqayyo isaaf kaaʼe irra darbuu filachuudhaan ija mukaa akka hin nyaanne dhowwame sana nyaate. Addaam mirga filannoo isaatti karaa sirrii hin taane fayyadamuun isaa, waggoota kumaan lakkaaʼamaniif sanyii isaa irratti rakkinaa fi gidiraa geessiseera. (Rom. 5:12) Miidhaa murtoon Addaam geessise beekuun, bilisummaa keenya karaa itti gaafatamummaan akka nuti dhagaʼamu argisiisuu fi daangaa Yihowaan nuuf kaaʼe keessaa utuu hin baʼin itti fayyadamuuf nu kakaasuu qaba.

9. Yihowaan Israaʼelootaaf filannoo akkamii dhiheessee ture? Sabichi hoo deebii akkamii kenne?

9 Ijoolleen Addaamii fi Hewwaan, warra isaanii warra Waaqayyoof utuu hin ajajamin hafan irraa cubbuu fi duʼa dhaalaniiru. Taʼus, amma iyyuu mirga filannoo keenyatti fayyadamuu ni dandeenya. Kanas akkaataa Waaqayyo saba Israaʼel itti qabe irraa hubachuun ni dandaʼama. Yihowaan karaa Musee isa tajaajilaa isaa taʼeen, mirga addaan baʼanii saba dhuunfaa Isaa akka taʼaniif isaaniif kenname fudhachuuf ykn dhiisuuf filannoo isaaniif dhiheessee ture. (Bau. 19:3-6) Isaan hoo maal jedhanii deebisan? Itti gaafatamummaa maqaa Waaqayyootiin waamamuun fidu fudhachuuf waan filataniif, tokkummaadhaan, “Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jedhan. (Bau. 19:8) Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo booda sabichi bilisummaa isaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuudhaan waadaa gale diigeera. Yihowaatti maxxanuu fi ulaagaa qajeelinaa inni baaseef ajajamuudhaan, fakkeenya akeekkachiisaa kana irraa haa barannu; akkasumas yeroo hunda mirga filannoo keenya haa dinqisiifannu.—1 Qor. 10:11.

10. Ilmaan namootaa cubbuu dhaalan mirga filannoo isaanii karaa Waaqayyoof ulfina fiduun fayyadamuu akka dandaʼan fakkeenyi mirkaneessu isa kami? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Ibroota boqonnaa 11 irratti, maqaan tajaajiltoota Yihowaa 16 warra mirga filannoo isaanii daangaa Yihowaan isaaniif kaaʼe keessaa utuu hin baʼin itti fayyadamuuf filatanii caqasameera. Kanaan kan kaʼes, eebba hedduu fi abdii amansiisaa argataniiru. Fakkeenyaaf, Nohi amantii guddaa akka qabu argisiiseera; qajeelfama Waaqayyo doonii maatii isaa fi dhaloota gara fuulduraatti dhufu oolchuuf akka ijaaruuf isaaf kenname ajajamuu filateera. (Ibr. 11:7) Abrahaamii fi Saaraan fedhiidhaan Waaqayyoof ajajamuudhaan gara biyyatti abdachiifamtee fi Waaqayyo isaanii kennuuf waadaa gale dhaqaniiru. Karaa dheeraa sana erga deemanii booda illee, magaalaa Ur ishii badhaatuu turtetti “deebiʼuuf carraa qabu turan.” Haa taʼu malee, iji isaanii ‘abdiiwwan Waaqayyoo raawwatamuuf’ jiran irratti xiyyeeffatee ture; akkasumas “iddoo isa caalu . . . argachuuf carraaqqii gochaa” turan. (Ibr. 11:8, 13, 15, 16) Museen qabeenya Gibxii dhiisuudhaan, “yeroo muraasaaf cubbuu keessa jiraatee gammachuu argachuu mannaa, saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.” (Ibr. 11:24-26) Mirga filannoo keenya dinqisiifachuu fi fedha Waaqayyoo raawwachuuf itti fayyadamuudhaan, fakkeenya amantii namoota durii kana haa hordofnu.

11. (a) Eebba guddaa mirgi filannoo argamsiisu keessaa tokko maali dha? (b) Mirga filannoo kee karaa sirrii taʼeen itti fayyadamuuf kan si kakaasu maali dha?

11 Namni kan biraan murtoo akka nuuf godhu gochuun salphaa fakkaatus, akkas gochuun keenya eebba guddaa mirga filannoo keenyatti fayyadamuun nuuf argamsiisu nu dhabsiisa. Eebbi kunis Keessa Deebii 30:19, 20 (dubbisi) irratti ibsameera. Lakkoofsi 19, filannoo Waaqayyo Israaʼelootaaf dhiheessee ture ibsa. Lakkoofsa 20 irratti immoo, Yihowaan sabichi wanta garaa isaanii keessa jiru akka ibsaniif carraa gaarii isaaniif kennuu isaa hubanna. Nutis Yihowaa waaqeffachuuf filachuu dandeenya. Mirga filannoo keenya karaa jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuunii fi karaa isaaf ulfinaa fiduun itti fayyadamuu caalaa mirgi guddaan hin jiru!

MIRGA FILANNOOTTI KARAA SIRRII HIN TAANEEN HIN FAYYADAMINAA

12. Mirga filannoo keenya matumaa maal gochuu hin qabnu?

12 Michuu keetiif kennaa gatii guddaa qabu tokko kennite haa jennu. Namni kun kennaa ati kenniteef kosii keessatti akka gate ykn nama miidhuuf akka itti fayyadame yoo beekte baayʼee akka si aarsu beekamaa dha. Mee amma immoo namoonni hedduun bilisummaa isaanii karaa sirrii hin taaneen, darbees namoota kaan miidhuuf itti fayyadamuuf yommuu filatan wanta Yihowaatti dhagaʼamu yaadaa. Akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate, namoonni “guyyoota dhumaa” keessa jiran “kan hin galateeffanne” dha. (2 Xim. 3:1, 2) Kennaa addaa Yihowaa irraa arganne kana matumaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu irraa ykn akka laayyootti ilaaluu irraa of haa qusannu. Maarree kana irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

13. Karaan bilisummaa keenya karaa sirrii hin taane itti fayyadamuu irraa of qusachuu itti dandeenyu tokko isa kami?

13 Hundi keenya michoota, akkaataa uffannaa fi miidhaginaa, akkasumas bohaartii ilaalchisee wanta barbaanne filachuuf bilisummaa qabna. Haa taʼu malee, fedhii foonii keenyaaf garboota taʼuuf yoo filanne ykn faashinii addunyaa mancaʼaa yeroo yerootti jijjiiramu yoo hordofne, bilisummaa keenya ‘dogoggora hojjennu dhoksuuf’ itti fayyadamaa jirra jechuu dha. (1 Pheexiros 2:16 dubbisi.) Bilisummaa keenya ‘fedhii foonii hordofuuf carraa akka nuuf argamsiisu goonee’ utuu hin taʼin, filannoo gorsa “Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa” jedhu hordofuuf nu gargaaru gochuuf murteessuu barbaanna.—Gal. 5:13; 1 Qor. 10:31.

14. Mirgi filannoo keenya Yihowaatti amanamuu wajjin kan wal qabate akkamitti?

14 Karaa gara biraan mirga filannoo keenyaaf of eeggannoo itti goonu, Yihowaatti amanamuu fi daangaa eegumsa nuu gochuuf nuuf kaaʼe keessatti akka nu geggeessu heyyamuu dha. ‘Wanta waaʼee nuuf baasu kan nu barsiisuu fi karaa nuti adeemnu irratti kan nu geggeessu’ Isa qofa dha. (Isa. 48:17) Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi ‘Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu hin dandaʼu’ jedhu dhugaa taʼuu isaa amannee fudhachuu qabna. (Er. 10:23) Akkuma Addaamii fi Israaʼeloonni ajajamuu didan godhan, matumaa kiyyoo hubannaa ofii keenyatti amanamuu filachuutiin akka hin qabamne of haa eeggannu. Kanaa mannaa, ‘garaa keenya guutuudhaan Waaqayyootti haa amanamnu.’—Fak. 3:5.

MIRGA FILANNOO WARRA KAANII KABAJUU

15. Dhugaa buʼuuraa Galaatiyaa 6:5 irra jiru irraa maal baranna?

15 Kana malees, bilisummaa warri kaan jireenya isaanii keessatti murtoo mataa isaanii gochuuf qaban kabajuu qabna. Maaliifi? Hundi keenya iyyuu mirga filannoo waan qabnuuf, Kiristiyaanonni lama yeroo hunda murtoo wal fakkaatu gochuu hin dandaʼan. Kun amalaa fi waaqeffannaa keenyaa wajjin haala walqabateenis ni hojjeta. Dhugaa buʼuuraa Galaatiyaa 6:5 (dubbisi) irratti argamu yaadadhaa. Kiristiyaanni hundi dhuunfaatti ‘baʼaa ofii isaa baachuu’ akka qabu yoo hubanne, mirga warri kaan filannoo gochuuf qaban ni kabajna.

Warri kaan ilaalcha keenya akka fudhatan utuu hin dirqisiisin murtoo gochuu dandeenya (Keeyyata 15 ilaali)

16, 17. (a) Bilisummaan wanta tokko filachuuf qaban Qorontos keessatti gaaffii kaasee kan ture akkamitti? (b) Phaawulos dhimma sanaaf furmaata kan kenne akkamitti? Kun mirga warra kaanii ilaalchisee maal nu barsiisa?

16 Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu obboloonni keenya qalbii isaanii irratti hundaaʼanii murtoo gochuuf bilisummaa isaan qaban akka kabajnu argisiisu haa ilaallu. Kiristiyaanonni Qorontos keessa turan foon waaqolii tolfamoodhaaf qophaaʼee fi booda garuu gabaa irratti dhihaate nyaachuu ilaalchisee gidduu isaaniitti qoqqoodamni uumamee ture. Namoonni tokko tokko, ‘Waaqolii tolfamoon gatii waan hin qabneef, foonicha utuu qalbiin namaa nama hin ceephaʼin nyaachuun ni dandaʼama’ jedhu turan. Haa taʼu malee, warri duraan waaqolii tolfamoo waaqeffachaa turan, foon sana nyaachuun waaqolii tolfamoo waaqeffachuu akka taʼe isaanitti dhagaʼama ture. (1 Qor. 8:4, 7) Kun rakkoo cimaa gumicha gidduutti qoqqoodamni akka uumamu godhe ture. Phaawulos Kiristiyaanonni Qorontos keessa turan dhimma kana ilaalchisee ilaalcha Waaqayyoo akka qabaatan kan isaan gargaare akkamitti?

17 Jalqaba, Phaawulos nyaata sana nyaachuun gara Waaqayyootti akka isaan hin dhiheessine garee lamaanuu yaadachiiseera. (1 Qor. 8:8) Itti dabaluudhaanis, ‘mirgi isaan filachuuf qaban namoota dadhaboo taʼanitti gufuu akka taʼu’ akka hin heyyamne isaan akeekkachiiseera. (1 Qor. 8:9) Achiis, warri qalbii dadhabaa qaban warra foon sana nyaachuu filatanitti murteessuu akka hin qabne isaan gorse. (1 Qor. 10:25, 29, 30) Kanaaf, dhimma baayʼee barbaachisaa waaqeffannaa wajjin wal qabate kana irratti, Kiristiyaanonni hundi of eeggannoodhaan murtoo gochuu qabu. Maarree, obboloonni keenya dhimmawwan xixinnoo taʼan kaan irrattis mirga murtoo mataa isaanii gochuuf qaban kabajuu hin qabnuu?—1 Qor. 10:32, 33.

18. Mirga filannoo kee akka dinqisiifattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

18 Yihowaan mirga filannoo, bilisummaa dhugaa wajjin nuuf kenneera. (2 Qor. 3:17) Kennaa kana ni dinqisiifanna; kun immoo murtoo hangam Yihowaa akka jaallannu itti argisiisnu gochuuf nu gargaara. Karaa Waaqayyoof ulfina fiduun itti fayyadamuu fi akkaataa warri kaan kennaa isaanii itti fayyadamuuf filatan kabajuudhaan, kennaa kana akka dinqisiifannu argisiisuu keenya itti haa fufnu.