Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Yihowaan Israaʼelonni gugee gosa lama aarsaa godhanii akka dhiheessan heyyamuun isaa gaarii kan taʼe maaliifi?

GUGEE bosonaas taʼe gugee manaa Yihowaadhaaf aarsaa godhanii dhiheessuun seericha jalatti ni heyyamama ture. Simbirroonni kun lamaan seera waaʼee aarsaa ibsu keessatti yeroo hundumaa waliin caqasamu; bakka isa tokkoo isa kan biraa dhiheessuunis ni dandaʼama ture. (Lew. 1:14; 12:8; 14:30) Kun faayidaa qaba kan jennu maaliifi? Sababiin inni tokko, gugeen bosonaa yeroo hunda waan hin argamneefi. Maaliif?

Gugee bosonaa

Gugeen bosonaa tibba hoʼaatti guutummaa Israaʼel keessatti ni argamu. Yeroo hunda jiʼa Onkoloolessaatti kallattii kibbaatiin biyyoota hoʼa qabanitti godaanu; waqtii arfaasaatti immoo gara Israaʼelitti deebiʼu. (Wed. 2:11, 12; Er. 8:7) Kanaafuu, Israaʼel durii keessatti waqtii gannaatti gugee bosonaa aarsaa godhanii dhiheessuun rakkisaa ture.

Gugee manaa

Karaa kan biraatiin immoo, gugeen manaa simbirroota godaanan waan hin taaneef waggaa guutuu Israaʼel keessatti ni argamu. Kana malees, gugeen manaa madaqfamuu dandaʼu. (Yohaannis 2:14, 16 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kitaabni Bible Plants and Animals jedhamu akka ibsetti, “gandeenii fi magaalota Paalastiinaa hunda keessatti gugeen manaa madaqfaman jiru turan. Girgiddaa manaa hunda irra mandheen ykn uraan simbirroonni keessa jiraachuu dandaʼan jira ture.”—Isaayyaas 60:8 wajjin wal bira qabii ilaali.

Gugee mandhee keessa jirtu

Yihowaan aarsaa simbirroota waggaa guutuu argamanii fudhachuudhaan jaalala qabeessaa fi namootaaf kan yaadu taʼuu isaa argisiiseera.