Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Israaʼelonni durii muuziqaadhaaf iddoo akkamii kennu turan?

AADAA Israaʼel durii keessatti muuziqaan iddoo guddaa qaba ture. Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee waaʼee namoota meeshaalee muuziqaa taphatanii fi weellisanii ni dubbata. Kitaaba Faarfannaa, Weedduu Weedduu Caaluu fi Faaruu Ermiyaas dabalatee Kitaaba Qulqulluu keessaa gara dhibbeentaa kudhanii kan taʼu faaruudha. Kitaabni waaʼee jireenya bara durii dubbatu tokko, Kitaabni Qulqulluun Israaʼelonni jireenyasaanii keessatti sochiiwwan hedduurratti muuziqaatti fayyadamaa akka turan ifatti akka argisiisu ibseera.

Muuziqaa fi jireenya guyyaa guyyaa. Israaʼelonni miirasaanii ibsuuf muuziqaa taphatu turan. (Isa. 30:29) Dubartoonni qophiiwwan garaagaraarratti, fakkeenyaaf, mootii haaraan yeroo muudamu, loltoonni yeroo injifatanii fi yeroo ayyaanaatti dibbee rukutaa fi gammachuudhaan sirbaa shubbisu turan. (Abo. 11:34; 1 Sam. 18:6, 7; 1 Mot. 1:39, 40) Israaʼelonni yeroo gaddaattis faaruu nama boossisu faarfatu turan. (2 Sen. 35:25) Ifatti akka hubannutti, Israaʼelonni muuziqaa baayʼee jaallatu turan.

Muuziqaa fi mana mootummaa. Mootonni Israaʼel muuziqaa dhaggeeffachuun baayʼee isaan gammachiisa ture. Saaʼol Mootichi muuziqaa akka isaaf taphatuuf gara mana mootummaasaatti Daawitiin fichisiisee ture. (1 Sam. 16:18, 23) Boodas Daawit mootii erga taʼee booda, meeshaalee muuziqaa hojjeteera, faarfannaawwan gaggaarii qindeesseera, akkasumas garee faarfattootaa mana qulqullummaa Yihowaa keessatti faarfatan gurmeesseera. (2 Sen. 7:6; Amo. 6:5) Solomoon Mootichi mana mootummaasaa keessatti weellistoota dhiiraa fi durbaa qaba ture.—Lal. 2:8.

Muuziqaa fi waaqeffannaa. Hunda caalaammoo, Israaʼelonni Yihowaa waaqeffachuuf muuziqaatti ni fayyadamu turan. Namoonni 4,000 taʼan Yerusaalemitti mana qulqullummaa keessatti meeshaalee muuziqaa taphatu turan. (1 Sen. 23:5) Siimbaalii, meeshaalee muuziqaa ribuu qaban, baganaa fi malakatatti fayyadamu turan. (2 Sen. 5:12) Muuziqaatti fayyadamanii Yihowaa kan waaqeffatan garuu, namoota dandeettii qaban kana qofa hin turre. Haalasaarraa akka hubannutti, Israaʼelonni hedduun ayyaanota waggaa kabajuuf gara Yerusaalemitti yeroo imalan Faarfannaa Ol Baʼuu ni faarfatu turan. (Far. 120-134) Kana malees, barreeffamoonni Yihudootaa akka argisiisanitti, yeroo irbaata Faasikaatti Faarfannaa Haleel a ni faarfatu turan.

Yeroo harʼaas sabni Waaqayyoo muuziqaadhaaf iddoo guddaa kennu. (Yaq. 5:13) Yihowaa jajachuuf faarfannaa ni faarfanna. (Efe. 5:19) Obboloota keenya faana yeroo faarfannu tokkummaan keenya ni cima. (Qol. 3:16) Faarfannaan cimina rakkina dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna. (HoE. 16:25) Muuziqaan karaa gaarii amantii Yihowaarratti qabnuu fi jaalala isaaf qabnu itti argisiisnudha.

a Yihudoonni Faarfannaa 113 hanga 118 jiruu fi Yihowaa jajachuuf faarfatamu Faarfannaa Haleel akka taʼetti ilaalu.