MATA DUREE QOʼANNAA 48
Yeroo Gara Fuulduraa ‘Kallattiidhaan Fuulduratti Ilaalaa’
“Ijji kee kallattiidhaan fuulduratti haa ilaalu, Eeyyee, kallattiidhaan fuuldura kee qofa ilaali.”—FAK. 4:25.
FAARFANNAA 77 Ifa Addunyaa Dukkanaaʼaa Keessatti Ifu
QABIYYEE *
1-2. Gorsa Fakkeenya 4:25 irra jiru hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.
MEE haalawwan armaan gadii yaadaa. Obboleettii maanguddoon takka yeroo gaarii kanaan dura dabarsite yaadaa jirti. Jireenyi ishii inni ammaa caalaatti rakkisaa taʼus, Yihowaadhaaf wanta dandeessu hunda gochuu ishii itti fufteetti. (1 Qo. 15:58) Guyyaa hundumaa namoota jaallattuu wajjin addunyaa haaraa abdachiifame keessa yommuu jiraattu ija qalbiitiin ilaalti. Obboleettiin takka immoo miidhaa obboleettii kan biraan ishii irra geessiste yaadatti, taʼus mufannoo ishii dhiisuuf filatti. (Qol. 3:13) Obboleessi tokkos dogoggora kanaan dura raawwate yaadata, taʼus amma amanamaa taʼee itti fufuu irratti xiyyeeffata.—Fr. 51:10.
2 Wanti Kiristiyaanota sadan kana wal fakkeessu maali dha? Sadanuu wanta kanaan dura dabarsan ni yaadatu, taʼus, yeroo hundumaa waaʼee wantoota kanaa hin yaadan. Kanaa mannaa, yeroo gara fuulduraa ‘kallattiidhaan fuulduratti ilaalaniiru.’—Fakkeenya 4:25 dubbisi.
3. Yeroo gara fuulduraa ‘kallattiidhaan fuulduratti ilaaluu’ kan qabnu maaliifi?
3 Yeroo gara fuulduraa ‘kallattiidhaan fuulduratti ilaaluun’ barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akkuma namni tokko yeroo hunda duuba isaa ilaalaa utuu asii fi achi hin jalʼatin deemuu hin dandeenye, nutis duubatti deebinee wanta kanaan dura dabarsine yeroo hunda ni yaadna yoo taʼe, Yihowaa guutummaatti tajaajiluu keenya itti fufuu hin dandeenyu.—Luq. 9:62.
4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
4 Mata duree kana keessatti kiyyoowwan wanta Kanaan dura dabarsine irratti akka xiyyeeffannu nu taasisan sadii ilaalla. Isaanis: (1) jireenya keenya duraanii hawwuu, (2) akka mufannetti itti fufuu fi (3) miira balleessaa guddaa dha. Tokkoon tokkoon kiyyoowwan kanaa irratti qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu ‘wantoota duuba jiran’ dhiisnee, ‘wantoota fuula dura jiran’ irratti xiyyeeffachuuf Flp. 3:13.
akkamitti akka nu gargaaran ilaalla.—JIREENYA KEENYA DURAANII HAWWUU
5. Lallabni 7:10 kiyyoo akkamii irraa akka fagaannu nu akeekkachiisa?
5 Lallaba 7:10 dubbisi. Caqasni kun, “guyyoonni duraanii gaarii kan taʼan maaliifi?” jedhanii gaafachuun dogoggora dha akka hin jenne hubadhu. Yaadannoowwan gaariin kennaa Yihowaati. Kanaa mannaa, caqasichi, “‘Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?’ hin jedhin” jedha. Jecha kan biraatiin kiyyoo kan taʼe, haala keenya isa duraanii isa ammaa wajjin wal bira qabuudhaan haalli keenya inni ammaa caalaatti mancaʼaa akka taʼe yaaduu dha. Hiikni Kitaaba Qulqulluu kan biraan caqasa kana, “‘Guyyoota duraaniitti wantoonni caalaatti gaarii kan taʼan maaliifi?’ jettee matumaa hin gaafatin. Kun gaaffii ogummaa miti” jedhee hiikeera.
6. Jireenyi keenya duraanii caalaatti gaarii akka taʼe yeroo hunda yaaduun ogummaa kan hin taane maaliifi? Fakkeenya kenni.
6 Jireenyi keenya duraanii akka wayyu yeroo hunda yaaduun ogummaa kan hin taane maaliifi? Yaadni akkasii wantoota gaarii kanaan dura dabarsine qofa akka yaadannu nu taasisa. Yookiin rakkina kanaan dura nu mudate xiqqeessinee akka ilaallu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, mee Israaʼeloota durii haa ilaallu. Gibxii erga baʼanii utuu baayʼee hin turin, jireenyi achitti dabarsan hammam ulfaataa akka ture irraanfatan. Kanaa mannaa, nyaata gaarii achitti nyaachaa turan irratti xiyyeeffatan. Akkas jedhan: “Qurxummiin biyya Gibxii keessatti gatii utuu hin kaffalin nyaachaa turre sun, akkasumas buqqeen dheedhii nyaatamu, habaabiin, qullubbii baaroon, qullubbii diimaanii fi qullubbii adiin sun ija keenya dura deema!” (Lak. 11:5) Haa taʼu malee, dhuguma “gatii utuu hin kaffalin” nyaachaa turanii? Lakki. Israaʼeloonni yeroo sana, Gibxiitti garboota taʼanii garmalee cunqurfamaa waan turaniif, gatii guddaa kaffalaniiru. (Bau. 1:13, 14; 3:6-9) Taʼus, booda rakkinoota sana irraanfatanii jireenya isaanii duraa hawwaniiru. Wanta gaarii Yihowaan isaaniif gochaa jiru irratti xiyyeeffachuu mannaa, yeroo gaarii sana dura dabarsan irratti xiyyeeffachuuf filataniiru. Yihowaan ilaalcha isaanii kanatti hin gammadne.—Lak. 11:10.
7. Obboleettiin takka jireenya kanaan dura dabarsite hawwuu irraa akka fagaattu maaltu ishii gargaare?
7 Jireenya kanaan dura dabarsine hawwuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya
obboleettii bara 1945 Biruukiliin Betʼelitti tajaajiluu jalqabde tokkoo haa ilaallu. Waggoota muraasa booda, obboleessa Betʼelitti tajaajilu tokkotti kan heerumte siʼa taʼu, waggoota hedduudhaaf achitti waliin tajaajilaniiru. Haa taʼu malee, walakkeessa bara 1970tti abbaan manaa ishii ni dhukkubsate. Obboleettiin kun akka jettetti, abbaan manaa ishii duuti isaa akka dhihaate yeroo hubatetti, gorsa gaarii kophummaa ishii dandamachuuf ishii gargaaru ishiidhaaf kenne. Akkas ishiidhaan jedhe: “Gaaʼelli keenya gammachiisaa ture. Namoonni hedduun gaaʼela akkasii hin qaban.” Dabalataanis gorsa akkas jedhu ishiidhaaf kenne: “Yeroo gaarii waliin dabarsine irraanfachuu baattus, yeroowwan kana irratti hin xiyyeeffatin. Yeroon darbaa yommuu deemu gaddi kee ni xiqqaata. Garmalee abdii hin kutatin, wanta raawwatamettis hin gaddin. Gammachuu fi eebba argattetti gammadi. Yaadannoowwan kennaa Waaqayyo nuuf kenne dha.” Gorsi kun gaarii akka taʼe irratti walii hin galtanii?8. Obboleettiin keenya jireenya kanaan dura dabarsite hawwuu dhiisuu ishiitti kan fayyadamte akkamitti?
8 Obboleettiin keenya gorsa kana yaadatti qabatteetti. Umurii ishii waggaa 92tti hamma duutetti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilteetti. Duʼuu ishii waggoota muraasa dura akkas jetteetti: “Waggoota 63 tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarse duubatti deebiʼee yommuun yaadu, jireenya gammachiisaa dabarseera jechuu nan dandaʼa.” Maaliif? Itti dabaluudhaanis, “Jireenyi dhugumaan gammachiisaa akka taʼu kan godhu obbolummaa dinqisiisaa taʼe qabaachuu keenya, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenyaa waliin jannata keessa jiraachuuf abdii qabaachuu keenyaa fi Yihowaa Uumaa keenya isa Waaqa dhugaa taʼe bara baraaf tajaajiluu keenya dha” jetteetti. * Obboleettii waadaa Yihowaan gale irratti xiyyeeffatte kana irraa wanta hedduu barachuu dandeenya!
AKKUMA MUFANNETTI ITTI FUFUU
9. Leewwonni 19:18 akka jedhutti nama nu mufachiise tokkoof dhiifama gochuun nutti ulfaachuu kan dandaʼu keessumaa yoom taʼuu dandaʼa?
9 Leewwota 19:18 dubbisi. Namni karaa dogoggoraatiin nu qabe obboleessa keenya, michuu dhihoo ykn fira keenya yoo taʼe dhiifama gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleettiin takka, qarshii akka ishii jalaa hatte obboleettii kan biraa tokko himatte. Booda obboleettiin himatte sun dhiifama kan gaafatte taʼus, obboleettiin dogoggoraan himatamte sun wanta kanaan dura taʼe irratti xiyyeeffachuu ishii itti fufte. Akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Haalli akkasii nu mudatee kan hin beekne yoo taʼe illee, baayʼeen keenya mufannee beekna taʼa, akkasumas nama nu mufachiise sanaaf matumaa dhiifama gochuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamee beeka taʼa.
10. Akka mufanne yommuu nutti dhagaʼamu maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
10 Akka mufanne yommuu nutti dhagaʼamu maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yihowaan waan hundumaa akka argu yaadachuu qabna. Inni jalʼina haqaa nu irratti raawwatame dabalatee, wanta nuti keessa darbine hundumaa ni beeka. (Ibr. 4:13) Yommuu nuti dhiphannu, isattis ni dhagaʼama. (Isa. 63:9) Akkasumas miidhaa jalʼinni haqaa nu irra geessise akka balleessu abdii kenneera.—Mul. 21:3, 4.
11. Yommuu dhiifama goonu faayidaa kan argannu akkamitti?
11 Kana malees, warra kaaniif dhiifama yommuu goonu, miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu yaadachuu qabna. Obboleettiin dogoggoraan himatamte kana hubatteetti. Yeroo booda obboleettii kanaaf dhiifama gochuudhaan aaruu dhiisteetti. Warra kaaniif dhiifama yommuu goonu Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu hubatteetti. (Mat. 6:14) Wanta obboleettiin kun raawwatte hin xiqqeessine ykn sirrii akka taʼetti hin ilaalle, kanaa mannaa mufannoo ishii dhiisuuf filattetti. Kanaan kan kaʼes, obboleettiin keenya gammachuu argatteetti akkasumas tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu irratti xiyyeeffachuu dandeesseetti.
MIIRA BALLEESSAA GUDDAA
12. 1 Yohaannis 3:19, 20 irraa maal baranna?
12 1 Yohaannis 3:19, 20 dubbisi. Hundi keenya iyyuu yeroo tokko tokko miirri balleessa nutti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dhugaa barachuu isaanii dura wantoota raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. Kaan immoo erga cuuphamanii booda wantoota raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. Miirri akkasii waanuma baramaa taʼe dha. (Rom. 3:23) Dhugaa dha, wanta sirrii raawwachuu barbaanna. Taʼus, “hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna” (Yaq. 3:2; Rom. 7:21-23) Miirri balleessaa nutti dhagaʼamuun isaa kan nu hin gammachiisne taʼus, faayidaa tokko tokko qaba. Maaliifi? Sababiin isaas miirri balleessaa daandii keenya akka sirreessinu nu kakaasa, akkasumas dogoggora keenya irra deebiʼuu dhiisuuf akka murteessinu nu gargaara.—Ibr. 12:12, 13.
13. Miira balleessaa guddaa irraa of eeggachuu kan qabnu maaliifi?
13 Gama biraatiin immoo, miirri balleessaa guddaan nutti dhagaʼamuu, jechuunis yaada erga geddarannee fi Yihowaan dhiifama erga nuuf godhee booda illee miirri balleessaa nutti dhagaʼamuu isaa itti fufuu dandaʼa. Miirri balleessaa akkasii miidhaa geessisuu dandaʼa. (Fr. 31:10; 38:3, 4) Akkamitti? Mee fakkeenya obboleettii cubbuu kanaan dura raawwatteen miira balleessaa wajjin walʼaansoo gootu tokkoo haa ilaallu. Akkas jetteetti: “Badiisa irraa ooluu dhiisuu waanan dandaʼuuf, tajaajila Yihowaa irratti jabaadhee hojjechuun koo faayidaa akka hin qabne natti dhagaʼama ture.” Baayʼeen keenya akka obboleettii kanaa nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Miira balleessaa guddaa akkasii irraa of eeggachuun keenya barbaachisaa dha. Hunda caalaa immoo, Yihowaan erga dhiifama nuuf godhee booda illee, ofii keenyatti kan abdii kutannu yoo taʼe, Seexanni hammam akka gammadu yaadaa!—2 Qorontos 2:5-7, 11 wajjin wal biraa qabii ilaali.
14. Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya?
14 Haa taʼu malee, ‘Yihowaan dhiifama akka naaf godhe akkamittan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa?’ jennee gaafanna taʼa. Gaaffii akkasii gaafachuun kee iyyuu Yihowaan dhiifama siif gochuu akka dandaʼu argisiisa. Waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura *
Masaraan Eegumsaa akkas jedhee ture: “Sababa jireenya keenya duraaniitiin, barsiifatawwan hamma nuti yaadnu caalaa hidda gad fageeffataniin yeroo baayʼee gufannee fi kufnee taʼuu dandaʼa. . . . Taʼus abdii hin kutatinaa. Cubbuu dhiifama hin qabne akka raawwattan gootanii hin yaadinaa. Seexanni akkasitti akka yaaddan barbaada. Ofitti gadduu fi aaruun keessan iyyuu baayʼee fagaattanii akka hin deemne kan argisiisu dha. Gad of qabaa, akkasumas dhiifama Yihowaa argachuuf, qalbii qulqulluu qabaachuu fi dogoggora raawwachuu keessan dhaabuuf akka isin gargaaru kadhachuu keessan itti fufaa. Akkuma mucaan tokko yommuu dhiphatu abbaa isaa bira dhaqu, isinis dogoggora tokko hammam iyyuu irra deddeebitanii yoo hojjettan, Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan gargaarsa barbaachisu waan isiniif kennuuf isa kadhadhaa.”15-16. Obboloonni tokko tokko Yihowaan abdii akka isaanitti hin kutanne yommuu hubatan maaltu isaanitti dhagaʼame?
15 Sabni Yihowaa hedduun Yihowaan akka abdii isaanitti hin kutanne hubachuudhaan jajjabina argataniiru. Fakkeenyaaf, waggoota muraasa dura, obboleessi tokko muuxannoo mata duree “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhu jalatti walitti aansee baʼu tokko irraa jajjabina argateera. Mata duree kana irratti obboleettiin takka, wanta kanaan dura dabarsiteen kan kaʼe, Yihowaan akka ishii jaallatu amanuun akka itti ulfaatu ibsitee turte. Erga cuuphamtee waggoota hedduu booda illee miira akkasii wajjin ni qabsoofti turte. Haa taʼu malee, furicha irratti xiinxaluun ishii Yihowaan akka ishii jaallatu amanuuf ishii gargaareera. *
16 Muuxannoon ishii obboleessa kana kan gargaare akkamitti? Akkas jedheera: “Yeroon dargaggeessa turetti, barsiifata pornoograafii ilaaluu qaban ture. Dhiheenya kana amalli koo natti deebiʼe. Jaarsolii gumii gargaarsa kanan gaafadhe yommuu taʼu, rakkina koo moʼuu irratti fooyyaʼiinsa godheera. Jaarsoliin Waaqayyo akka na jaallatuu fi dhiifama naaf gochuu akka barbaadu naaf mirkaneessan. Taʼus, amma iyyuu darbee darbee, gatii akkan hin qabnee fi Yihowaan na jaallachuu akka hin dandeenye natti dhagaʼama. Muuxannoo [obboleettii tanaa] dubbisuun koo dhugumaan na gargaareera. Waaqayyoo dhiifama naaf
gochuu hin dandaʼu jedhee yommuun yaadu, karaa biraatiin, aarsaan Ilma isaa cubbuu koo haguuguuf gaʼaa akka hin taane yaaduu akka taʼe amma hubadheera. Gatii akkan hin qabne yommuu natti dhagaʼamu mata duree kana dubbisuu fi irratti xiinxaluu akkan dandaʼuuf mata duree kana keessaa kutee kaaʼadheera.”17. Phaawulos ergamaan miira balleessaa guddaa itti dhagaʼamu irratti yaaduu kan dhaabe akkamitti?
17 Muuxannoowwan akkasii Phaawulos ergamaa nu yaadachiisu. Kiristiyaana taʼuu isaa dura cubbuu cimaa hedduu hojjeteera. Phaawulos wanta duraan hojjete ni yaadata ture taʼus, yeroo hundumaa waaʼee isaa hin yaadu. (1 Xi. 1:12-15) Furichi kennaa dhuunfaatti isaaf kenname akka taʼetti ilaaleera. (Gal. 2:20) Phaawulos miira balleessaa itti dhagaʼamu irratti yaaduu dhiisuudhaan, sana booda wanta hunda caaluu Yihowaadhaaf kennuu irratti xiyyeeffateera.
ADDUNYAA HAARAA IRRATTI XIYYEEFFADHAA!
18. Mata duree kana irraa maal baranne?
18 Kiyyoowwan mata duree kana keessatti ilaalle qoruudhaan maal baranneerra? (1) Yaadannoo gaariin eebba Yihowaa biraa argamu dha; taʼus, jireenyi kanaan dura dabarsine hammam iyyuu gaarii yoo taʼe, jireenyi addunyaa haaraa keessatti jiraannu caalaatti gaarii taʼa. (2) Warri kaan nu miidhuu dandaʼu taʼus, dhiifama gochuuf yoo filanne Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuu dandeenya. (3) Miirri balleessaa guddaan, gammachuudhaan Yihowaa akka hin tajaajille nu taasisuu dandaʼa. Kanaafuu, akkuma Phaawulos Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuu qabna.
19. Addunyaa haaraa keessatti wanta kanaan dura hojjenne yaadannee akka hin gaddine akkamitti beekna?
19 Abdii bara baraaf jiraachuu qabna. Addunyaa haaraa keessatti wanta kanaan dura hojjenne yaadannee hin gaddinu. Kitaabni Qulqulluun yeroo sana ilaalchisee, “Wantoonni duraanii hin yaadataman” jedha. (Isa. 65:17) Mee yaadi: Nu keessaa tokko tokko hamma dullumaatti Yihowaa tajaajilaa turreerra, addunyaa haaraa keessatti garuu deebinee dargaggeessa taana. (Iyo. 33:25) Kanaafuu, wanta kanaan dura dabarsine irratti xiyyeeffachuu dhiisuuf haa murteessinu. Kanaa mannaa, addunyaa haaraa irratti haa xiyyeeffannu, akkasumas achi jiraachuuf amma wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu!
FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu
^ key. 5 Wanta kanaan dura dabarsine yaadachuun gaarii dha. Taʼus, haala amma keessa jirru irraa fayyadamuu hamma dadhabnutti ykn wanta fuulduratti taʼu hamma irraanfannutti wanta kanaan dura dabarsine irratti xiyyeeffachuu hin barbaannu. Mata dureen kun kiyyoowwan wanta kanaan dura dabarsine irratti akka xiyyeeffannu nu gochuu dandaʼan sadii ibsa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu fi fakkeenyota bara keenyaa kiyyoowwan kunneen irraa fagaachuuf nu gargaaran ilaalla.
^ key. 8 Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 1, 2004, ful. 23-29 ilaali. (Amaariffa)
^ key. 14 Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 15, 1954, ful. 123 ilaali. (Ingiliffa)
^ key. 15 Masaraa Eegumsaa, Hagayya 1, 2011, ful. 20-21 ilaali. (Amaariffa)
^ key. 58 IBSA FAKKII: Jireenya keenya duraanii hawwuun, akkuma mufannetti itti fufuu fi miirri balleessaa guddaan akka baʼaa ulfaatoo harkisnuu fi daandii jireenyaa irra fuulduratti akka hin deemne nu dhowwani dha.
^ key. 65 IBSA FAKKII: Miirawwan akka baʼaa ulfaatoo kana harkisuu yommuu dhiisnu, boqonnaa, gammachuu fi humna haaraa qabaanna. Achiis yeroo gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuu dandeenya.