Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nagaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Nagaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

ADDUNYAA jeequmsaan guutame keessa waan jiraannuuf nagaa argachuuf jabaannee hojjechuu qabna. Taʼus, hamma tokko yeroo nagaa qabaannutti illee, nagaa keenya eeggannee itti fufuuf carraaqqii gochuu nu barbaachisa. Nagaa dhugaa fi itti fufiinsa qabu argachuuf wanta nu gargaaru ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo maal jedha? Akkasumas warri kaan nagaa akka argatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

NAGAA DHUGAA ARGACHUUF MAALTU BARBAACHISA?

Nagaa dhugaa qabaachuuf miidhaan akka nu irra hin geenyee fi miira tasgabbaaʼaa akka qabnu nutti dhagaʼamuu qaba. Kana malees, warra kaanii wajjin michummaa cimaa qabaachuu nu barbaachisa. Hunda caalaa immoo, nagaa itti fufiinsa qabu argachuuf Waaqayyoo wajjin michummaa cimaa qabaachuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Yaaddoon jireenyaa namoonni hedduun nagaa akka dhaban godheera

Ajajawwanii fi dhugaa buʼuuraa Yihowaa yommuu hojii irra oolchinu akka isatti amanamnuu fi isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka barbaannu argisiisna. (Er. 17:7, 8; Yaq. 2:22, 23) Innis gama isaatiin nutti dhihaata, akkasumas keessa keenyatti nagaa akka qabaannu gochuudhaan nu eebbisa. Isaayaas 32:17, “Iddoo qajeelummaan jiru nagaan jira, iji qajeelummaa birʼaa malee gabiitti jiraachuu dha” jedha. Garaadhaa Yihowaadhaaf ajajamuudhaan keessa keenyatti nagaa dhugaa argachuu dandeenya.—Isa. 48:18, 19.

Akkasumas kennaa dinqisiisaa Abbaan keenya inni samii nuu kennu, jechuunis hafuura qulqulluu isaatiin nagaa itti fufiinsa qabu qabaachuuf gargaarsa argachuu dandeenya.—HoE. 9:31.

HAFUURRI WAAQAYYOO NAGAA QABAACHUUF NU GARGAARA

Phaawulos ergamaan nagaan ‘firii hafuuraa’ keessaa isa sadaffaa akka taʼe barreesseera. (Gal. 5:22, 23) Nagaa dhugaa kan argamsiisu hafuura Waaqayyoo waan taʼeef, isa argachuuf hafuurri qulqulluun dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu qabna. Mee karaawwan lamaan hafuurri Waaqayyoo nagaa argachuuf nu gargaaruu itti dandaʼu haa qorru.

Tokkoffaa, Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame yeroo hunda dubbisuun nagaa argachuuf nu gargaara. (Far. 1:2, 3) Ergaa Kitaaba Qulqulluu irratti yommuu xiinxallu, hafuurri Waaqayyoo ilaalcha Yihowaan dhimmoota hedduudhaaf qabu akka hubannu nu gargaara. Fakkeenyaaf, inni nagaa isaa eegee kan jiraatu akkamitti akka taʼee fi nagaan isaaf baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubanna. Barumsawwan Dubbii Waaqayyoo keessa jiran akkasii yommuu hojii irra oolchinu, jireenya keenya keessatti nagaa guddaa arganna.—Fak. 3:1, 2.

Lammaffaa, hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhachuu qabna. (Luq. 11:13) Yihowaan gargaarsa isaa yoo barbaanne, “nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus karaa Kiristoos Yesuus garaa [keenyaa] fi yaada [keenya]” akka eegu waadaa galeera. (Filp. 4:6, 7) Yeroo hunda kadhachuudhaan hafuura Yihowaa kan gaafannu yoo taʼe, Waaqni keenya nagaan inni warri isaa wajjin michummaa cimaa qaban qofti argatan keessa keenya akka guutu godha.—Rom. 15:13.

Namoonni tokko tokko gorsa Kitaaba Qulqulluu kana hojii irra kan oolchanii fi Yihowaa wajjin, ofii isaanii fi namoota kaanii wajjin nagaa itti fufiinsa qabu argachuuf jijjiirama barbaachisu kan godhan akkamitti?

NAGAA ITTI FUFIINSA QABU KAN ARGATAN AKKAMITTI?

Gumii Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jiru keessa, namoonni kanaan dura ‘dheekkamoo’ turan, amma garuu walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qaban irratti caalaatti namaaf kan yaadan, gaarii, obsa qabeeyyii fi nagaa qabeeyyii taʼan jiru. * (Fak. 29:22) Babalʼistoonni Mootummichaa dheekkamsa amaleeffatanii turan moʼanii fi warra kaanii wajjin nagaa qabaachuu dandaʼan lama kana kan godhan akkamitti akka taʼe hubadhu.

Seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu fi hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhachuun nagaa argachuuf nu gargaara

Deevid amalli gadheen inni qabu dubbii isaa irratti dhiibbaa godhee ture. Jireenya isaa Waaqayyoof murteessuu isaa dura, yeroo baayʼee namoota kaan wajjin wal qoccola, akkasumas maatii isaatti ni dheekkama ture. Yeroo booda, Deevid, jijjiirama gochuun akka isa barbaachisu ni hubate, akkasumas naga qabeessa taʼe. Haa taʼu malee, nagaa qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Akkana jedheera: “Seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun jalqabe, kanaan kan kaʼes, kabajni anaa fi maatii koo gidduu jiru ni guddate.”

Raachel akkaataan guddinaa ishii amala ishii irratti dhiibbaa godhee ture. “Maatii walitti dheekkamu keessatti waanan guddadheef, amma iyyuu aarii koo toʼachuuf qabsoo gochaan jira” jetteetti. Wanti caalaatti nagaa akka qabaattu ishii gargaare maali dha? “Kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu koo ti” jetteetti.

Seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yommuu hojii irra oolchinuu fi gargaarsa hafuurri Waaqayyoo nuu godhutti yommuu amanamnu firii nagaa argannu ilaalchisee Deevidii fi Raachel fakkeenya lama qofa dha. Addunyaa jibbaan guutame keessa kan jiraannu taʼus, keessa keenyatti nagaa isa maatii keenya keessattii fi obboloota keenyaa wajjin walii galtee akka qabaannu gumaacha godhu argachuu akka dandeenyu ifa dha. Taʼus Yihowaan, “namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa” jechuudhaan nu gorsa. (Rom. 12:18) Kun dhugumaan ni dandaʼama? Naga qabeeyyii taʼuuf carraaquun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

WARRA KAANII WAJJIN NAGAA QABAADHAA

Tajaajila keenya irratti, namoonni ergaa nagaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo nuti isaanitti himnu irraa akka fayyadaman isaan afeerra. (Isa. 9:6, 7; Mat. 24:14) Kan nama gammachiisu namoonni baayʼeen ergaa kana ni fudhatu. Kanaan kan kaʼes, wanta naannoo isaaniitti yommuu raawwatamu arganitti gar malee abdii hin kutatan ykn hin aaran. Kanaa mannaa, amma abdii amansiisaa qabu, akkasumas ‘nagaa barbaadanii duukaa buʼuuf’ kakaʼaniiru.—Far. 34:14.

Haa taʼu malee, jalqaba irratti namoonni hundi ergaa keenya hin fudhatan. (Yoh. 3:19) Taʼus, misiraachicha karaa nagaa qabuu fi kabajaan akka isaanitti himnuuf hafuurri Waaqayyoo nu gargaara. Karaa kanaan qajeelfama Yesuus tajaajila ilaalchisee Maatewos 10:11-13 irratti kenne hordofna. Yesuus gorsa, “Yommuu mana tokko seentan, namoota mana sanaa nagaa gaafadhaa. Manichi kan isaaf malu yoo taʼe, nagaan isaaf hawwitan isaaf haa taʼu; manichi kan isaaf hin malle yoo taʼe garuu, nagaan keessan isiniif haa deebiʼu” jedhu kenneera. Gorsa Yesuus yommuu hordofnu, nagaa keenya utuu hin dhabin deebiʼuu dandeenya; akkasumas gara fuulduraatti nama sana gargaaruuf carraa argachuu dandeenya.

Kana malees, warra hojii keenya morman dabalatee, abbootii taayitaa mootummaa kabajaan yommuu haasofsiisnu, nagaan akka jiraatuuf gumaacha goona. Fakkeenyaaf, mootummaan biyya Afriikaa tokko, Galmawwan Walgaʼii akka hin ijaarre heyyama dhowwachuudhaan akka jibbu argisiisee ture. Dhimma kana karaa nagaa qabuun hiikuuf yaaduudhaan, obboleessi duraan biyya Afriikaa kanatti misiyoonii taʼee tajaajile tokko nama Landan Ingilaandi keessatti Komishinara Ol Aanaa biyyichaa taʼe akka haasofsiisuuf ramadame. Obboleessi kun hojiin Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyicha keessatti hojjetan nagaa qabeessa akka taʼe isatti himuu qaba ture. Mareen kun buʼaa akkamii argamsiise?

Obboleessi kun akkana jedheera: “Bakka keessummaa itti simatan yommuun gaʼu, akkaataan dubartiin keessummaa simattu sun itti uffatte, gosa warra ani qooqa isaanii baradhee ture keessa akka taateen hubadhe. Kanaaf, qooqa ishiitiin nagaa ishiin gaafadhe. Ishiin kana dinqisiifachuudhaan, ‘Maaliif dhufte ree?’ jettee na gaafatte. Anis gaarummaadhaan, Komishinara Ol Aanaa haasofsiisuu akkan barbaadun ishiitti hime. Achiis ishiin isatti kan bilbilte siʼa taʼu, innis dhufee qooqa naannichaatiin nagaa na gaafate. Sana booda, hojiin Dhugaa Baatotaa karaa nagaa qabuun akka hojjetamu yommuun isaaf ibsu xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffate.”

Ibsi obboleessi kun kabajaan kenne ilaalcha dogoggoraa hedduu Komishinarri kun hojii keenyaaf qabu furmaata akka argatu godheera. Yeroo muraasa booda mootummaan biyya Afriikaa kun dhorkaa hojii ijaarsaa keenya irratti godhee ture ni kaase. Dhimmi kun nagaadhaan furmaata argachuun isaa obboloota baayʼee gammachiise! Dhuguma iyyuu, nagaa dabalatee namoota kaan kabajuun buʼaawwan gaggaarii hedduu argamsiisa.

BARA BARAAF NAGAA QABAADHAA

Yeroo harʼaa sabni Yihowaa jannata hafuuraa nagaadhaan guutame qabu. Atis jireenya kee keessatti bifa firii hafuuraa kana horachuuf jabaattee kan hojjettu yoo taʼe nagaan kun akka baayʼatu gochuu dandeessa. Hunda caalaa immoo, Yihowaa biratti fudhatama argatta, akkasumas addunyaa Waaqayyoo isa haaraa keessatti nagaa hedduu fi bara baraaf itti fufu argatta.—2 Phe. 3:13, 14.

^ key. 13 Amalli gaarummaa mata dureewwan firii hafuura qulqulluu irratti gara fuulduraa walitti aananii baʼan keessatti ibsama.