Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Isa ‘Hundumaarra Caalu’ Hordofaa Jirtaa?

Jaalala Isa ‘Hundumaarra Caalu’ Hordofaa Jirtaa?

Jaalala Isa ‘Hundumaarra Caalu’ Hordofaa Jirtaa?

“WAAQAYYO jaalala.” Jechi Yohannis ergamaan dubbate kun, amalawwan Waaqayyoo keessaa inni hundaa caalu isa kam akka ta’e akka gaariitti kan ibsudha. (1 Yoh. 4:8) Waaqayyotti dhihaachuufi isaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuuf kan nu dandeessise, jaalala Waaqayyo ilmaan namootaaf qabudha. Jaalalli Waaqayyoo karaawwan garabiraa akkamiitiin jireenya keenyarratti dhiibbaa gaarii geessisa? Jechi tokko, “Wanti nuti jaallannu eenyummaa keenyarratti dhiibbaa geessisa” jedha. Jechi kun dhugaadha. Haata’u malee, namoonni nuti jaallannuufi nu jaallatanis dhiibbaa nurratti akka geessisan beekamaadha. Bifa Waaqayyootiin waan uumamneef, jaalalasaa jireenya keenya keessatti calaqqisuuf dandeettii qabna. (Uma. 1:27) Kanaan kan ka’es, Yohannis ergamaan, Waaqayyo “duraan dursee waan nu jaallateef” nuyis isa in jaallanna jedhee barreesseera.—1 Yoh. 4:19.

Jechoota Arfan Jaalala Ibsuuf Itti Hojjetaman

Phaawulos ergamaan, jaalalli ‘isa hundumaarra caalu’ ta’uusaa ibseera. (1 Qor. 12:31) Waa’ee jaalalaa akkas jedhee kan ibse maaliifi? Waa’ee jaalala isa kamii dubbachuusaa ture? Deebii kanaa argachuuf, jechi “jaalala” jedhu hiika maalii akka qabu gadi fageenyaan haa qorru.

Giriikonni durii jecha jaalala jedhu ibsuuf jechoota bu’uuraa afuriin, jechuunis: istoorjii, eeros, fiiliyaafi agaappee jedhamanitti fayyadamu turan. Isaan kana keessaa Waaqa isa “jaalala” ta’e argisiisuuf kan itti hojjetame jecha agaappee jedhudha. * Piroofeesar Wiiliyaam Baarkileyi, jaalala kana ilaalchisanii kitaabasaanii isa Niwuu Testaamanti Wordis jedhamurratti akkas jedhaniiru: “Agaappeen sammuu wajjin kan wal qabatedha; miira utuu itti hin yaadin garaa keenya keessatti uumamu miti; seera bu’uuraa ta’ee jennee itti yaannee ittiin jiraannudha. Agaappeen jaalala fedha keenyaan argisiisnuu wajjin kan wal qabatedha.” Akka yaada armaan oliitti jechi agaappee jedhu, jaalala seera bu’uuraatiin geggeeffamu kan argisiisu ta’us, yeroo baay’ee miira cimaa ta’ee wajjin kan wal qabatedha. Seerawwan bu’uuraa gaariifi gadheen waan jiraniif, Kiristiyaanonni seerawwan bu’uuraa Yihowaan baaseefi Macaafa Qulqulluu keessatti argamaniin geggeeffamuu akka qaban beekamaadha. Jechi agaappee jedhu, jechoota Macaafa Qulqulluu keessatti jaalala argisiisuuf itti hojjetaman garabiraa wajjin wal bira qabnee ilaaluun keenya, jaalala argisiisuu qabnu kana caalaatti hubachuuf nu gargaara.

Jaalala Maatii Gidduu Jiru

Maatii jaalalaafi tokkummaa qabu gidduu jiraachuun baay’ee nama gammachiisa! Yeroo hedduu jechi afaan Giriikii Istoorjii jedhu jaalala uumamaa miseensawwan maatii tokko gidduu jiru argisiisuuf itti hojjetameera. Kiristiyaanonni miseensota maatiisaanii jaallachuuf carraaqqii godhu. Phaawulos namoonni hedduun guyyoota gara dhumaatti argaman “warra jaalala of keessaa hin qabne” akka ta’an dursee dubbateera. *2 Xim. 3:1, 3.

Yeroo ammaatti, jaalalli miseensota maatii gidduu jiraachuu qabu baduunsaa baay’ee nama gaddisiisa. Dubartoonni hedduun ulfa kan baasan maaliifi? Maatiiwwan hedduun warrasaanii dulloomaniif dantaa kan dhaban maaliifi? Lakkoofsi namoota gaa’elasaanii diiganii saffisaan dabalaa kan dhufe maaliifi? Jaalalli namoonni maatiisaaniitiif qaban hir’achaa waan dhufeef akka ta’e homaa hin shakkisiisu.

Kana malees, Macaafni Qulqulluun, “Garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa dha” jedhee barsiisa. (Er. 17:9) Jaalalli maatii garaa keenya keessaa kan madduufi miira keenya kan dabalatudha. Haata’u malee, Phaawulos jaalala abbaan manaa tokko haadha manaasaatti argisiisuu qabu ibsuuf, jecha agaappee jedhutti fayyadamuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatudha. Phaawulos jaalala abbaan manaa haadha manaasaatti argisiisuu qabu, jaalala Kiristos gumii Kiristiyaanaatti argisiisuu wajjin wal fakkeesseera. (Efe. 5:28, 29) Jaalalli akkasii seerawwan bu’uuraa Yihowaan inni maatii hundeesse baaserratti kan hundaa’edha.

Miseensota maatii keenyaaf jaalala dhugaa akkasii qabaachuun, warra keenya dullooman kunuunsuuf ykn itti gaafatamummaa ijoollee keenya guddisuuf qabnu raawwachuuf nu kakaasa. Akkasumas, warri yeroo barbaachisutti jaalalaan kaka’anii ijoolleesaanii akka adabaniifi gara laafina sirrii hin taane argisiisuudhaan ijoolleesaanii gadhiisiitti akka hin guddifne isaan gargaara.—Efe. 6:1-4.

Jaalala Saala Faallaa Gidduu Jiruufi Seerawwan Bu’uuraa Macaafa Qulqulluu

Dhugumayyuu, jaalalli abbaa manaafi haadha manaa wal fuudhan gidduu jiru kennaa Waaqayyo biraa argamedha. (Fak. 5:15-17) Haata’u malee, namoonni geggeessaa hafuura qulqulluutiin Macaafa Qulqulluu barreessan jecha eroos jedhuufi jaalala saala faallaa gidduu jiru ibsutti hin fayyadamne. Maaliif? Waggoota muraasa dura Masaraan Eegumsaa yaada akkas jedhu ibsee ture: “Yeroo har’aatti, guutummaan biyya lafaa dogoggora Giriikonni durii raawwatan raawwachaa waan jiru fakkaata. Isaan Eroosiin akka waaqaatti waaqeffatu, iddoo aarsaasaatti ni sagaduuf, aarsaas ni dhiheessuuf turan. . . . Haata’u malee seenaan akka argisiisutti, waaqeffannaan jaalala saalaaf kennamu akkasii kun, salphinaa, jireenya gadhiisiifi manca’inni amalaa akka babal’atu gochuurra darbee bu’aa argamsiise hin qabu. Barreessitonni Macaafa Qulqulluus jecha kanatti kan hin fayyadamne kanaaf ta’uu danda’a.” Nutis hariiroon saala faallaa wajjin qabnu wanta bakkeedhaan mul’atu qofaarratti kan hundaa’e akka hin taaneef, jaalalli keenya seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin kan geggeeffamuu akka ta’u gochuu qabna. Kanaaf, ‘Jaalalaa ani hiriyaa gaa’elaa kootiif qabu jaalala dhugaarratti kan hundaa’edhaa?’ jedhii of gaafadhu.

Yeroo baay’ee, umrii dargaggummaa fedhiin saalqunnamtii cimaa itti ta’utti, dargaggoonni seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffaman qulqulluu ta’anii jiraatu. (Qol. 3:5) Gaa’elli kennaa qulqulluu Yihowaa biraa argame akka ta’etti ilaalla. Yesus namoota wal fuudhan ilaalchisee, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedheera. (Mat. 19:6) Hiriyaa gaa’elaa keenyaa wajjin kan jiraannu waan jaallannuuf qofa utuu hin ta’in, waadaa gaa’elaa keenyaaf bakka guddaa waan kenninuuf ta’uu qaba. Gaa’ela keessatti yommuu waldhabiinsi uumamu salphaadhumatti karaa itti gargar baanu barbaaduu mannaa, jireenyi maatii keenya gammachuu akka qabaatu gochuuf amalawwan Waaqayyoo calaqqisuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. Carraaqqiin akkasiimmoo gammachuu guddaa argamsiisa.—Efe. 5:33; Ibr. 13:4.

Jaalala Michoota Gidduu Jiru

Utuu michoota hin qabnu ta’ee jireenyi baay’ee nuffisiisaa ta’a ture. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu tokko, “Obboleessarra caalchisee kanjaallatu michuun jira” jedha. (Fak. 18:24, hiika bara 1899) Yihowaan michoota dhugaa akka qabaannu barbaada. Michoomni cimaan Daawitiifi Yonaataan gidduu ture namoota hedduu biratti beekamaadha. (1 Sam. 18:1) Macaafni Qulqulluun Yesus Yohannis ergamaa akka ‘jaallatu’ dubbata. (Yoh. 20:2) Jechi afaan Giriikii jaalala ykn michooma ibsu fiiliyaa jedhama. Gumii keessaa michuu nutti dhihaatu qabaachuun dogoggora miti. Haata’u malee, 2 Phexros 1:7⁠rratti, “obboloota jaallachuu” (filaadelfiyaa) irratti jaalala (agaappee) akka daballu kan jajjabeeffamne si’a ta’u, (jechi filaadelfiyaa jedhu kunis jecha afaan Giriikii fiiloos jedhuufi adeelfoos “obboleessa” jedhu walitti dabaluudhaan kan argamedha). Michooma itti fufiinsa qabu qabaachuuf, gorsa kana hojiirra oolchuu nu barbaachisa. Kanaaf, ‘Jaalalli ani michoota kootiif qabu seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimudhaa?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha.

Dubbiin Waaqayyoo hariiroo michoota keenyaa wajjin qabnuun loogiirraa akka fagaannu nu gargaara. Namoota michoota keenya ta’aniif kan yaannu, warra michoota keenya hin taaneefimmoo dantaa kan hin qabne ta’uudhaan ejjennoo garagaraa lama hin qabaannu. Michoota argachuuf jennees namoota hin saadnu. Hunda caalaammoo, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun keenya, namoota michoota keenya ta’an of eeggannoodhaan akka filannuufi ‘hiriyoota gadhee amala keenya gaarii mancaasaniirraa’ fagaachuuf nu gargaara.—1 Qor. 15:33.

Jaalala Adda Ta’e!

Dhugumayyuu, jaalalli inni Kiristiyaanota tokko taasisu addadha! Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta’u. . . . Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa.” (Rom. 12:9, 10) Dhugumayyuu Kiristiyaanonni “jaalala dhugaa (agaappee)” qabu. Jaalalli akkasii miiraan qofa kan geggeeffamu miti. Kanaa mannaa, guutummaatti seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha. Haata’u malee, Phaawulos itti fufuudhaan waa’ee “obboloota jaallachuu” (filaadelfiyaa) fi ‘ho’isanii wal jaallachuu’ (fiiloostoorjoos) kan dubbate si’a ta’u, jechi fiiloostoorjoos jedhu jecha fiiloos jedhuufi istoorjii jedhaman walitti dabaluudhaan kan argamedha). Hayyuun tokko akka ibsanitti “jaalala obbolummaa” jechuun, “jaalala cimaa, gaarummaa, oo’a argisiisuufi gargaarsa kennuu” argisiisa. Jaalalli akkasii agaappee wajjin yommuu walitti dabalamu namoota Yihowaa waaqeffatan gidduu hariiroo cimaan akka jiraatu godha. (1 Tas. 4:9, 10) Jechi garabiraan “ho’isaa wal jaalladhaa” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti kan argamu al tokko qofa si’a ta’u, hariiroo cimaa maatii keessatti argamu kan argisiisudha.

Kiristiyaanonni dhugaa tokkummaa akka qabaatan kan godhe, jaalala maatiifi jaalala michoota dhugaa waan qabaniif, hariiroon warra kaanii wajjin qabanis jaalala isa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamurratti kan hundaa’e ta’uusaati. Gumiin Kiristiyaanaa, garee namoonni warra kaanii wajjin walitti dhihaachuuf itti walitti sassaabaman ykn dhaabbata namoonni hundeessan utuu hin ta’in, maatii baay’ee walitti dhihaatuufi waaqeffannaa Yihowaatiin tokko ta’edha. Namoota hidhata amantii keenya ta’anii wajjin akka miseensa maatii tokkotti waan wal ilaalluuf obboleessaafi obboleettii jennee wal waamna. Isaan karaa hafuuraa miseensota maatii keenyaa waan ta’aniif akka michuu keenyaatti kan isaan jaallannu si’a ta’u, hariiroon isaanii wajjin qabnus yeroo hundaa seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha. Kanaaf, hundi keenya jaalala isa gumiin Kiristiyaanota dhugaa tokkummaa akka qabaatuufi warra kaanirraa adda baafamee akka beekamu taasisuuf gumaacha gochuu keenyaa itti haa fufnu.—Yoh. 13:35.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Agaappeen wantoota gadhee ta’an jaallachuu wajjin karaa wal qabateenis itti hojjetameera.—Yoh. 3:19; 12:43; 2 Xim. 4:10; 1 Yoh. 2:15-17.

^ key. 7 Jechi istoorjii jedhu, “warra jaalala of keessaa hin qabne” jedhamee kan hiikame si’a ta’u, qubeen ‘ee’ jedhuufi diddaa argisiisu maxxantuu duraa ta’ee jalqaba jechichaatti galuunsaa yaada “hin qabne” jedhu dabarsa. Roomaa 1:31 dabalataan ilaali.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 12rra jiru]

Jaalala tokkummaa akka qabaannu godhuuf gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?