Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Umaakoo Yaadachuu’ Kanan Jalqabe Wagaa Sagaltama Duradha

‘Umaakoo Yaadachuu’ Kanan Jalqabe Wagaa Sagaltama Duradha

‘Umaakoo Yaadachuu’ Kanan Jalqabe Wagaa Sagaltama Duradha

Edwiin Riijweel akka dubbatetti

GUYYAA Waraana Addunyaa Tokkoffaa dhaabuuf walii galteerra ga’ame, jechuunis Sadaasa 11, 1918, ijoolleen mana barumsaakoo akkuma tasaa Waraana Guddaa, boodee Waraana Addunyaa Tokkoffaa jedhame, itti dhaabate kabajuuf walitti qabamanii turan. Yeroo sanatti mucaa waggaa shanii waanan tureef, wanta kabajamuuf jedhu kana guutummaatti hin hubannen ture. Ta’us, wanta warrikoo waa’ee Waaqayyoo na barsiisan waanan beekuuf sirna kanarratti hirmaachuu hin barbaanne. Gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessus, miirakoo to’achuu waanan dadhabeef boo’uuttan ka’e. Ta’us, sirna sanarratti hin hirmaanne. ‘Uumaakoo yaadachuu’ kanan jalqabe yeroo kanatti ture.—Lal. 12:1.

Maatiin keenya magaalaa Gilaasgoowu Iskotilanditti dhihoo jirtu jiraachuu kan jalqabe, haalli kun mana barumsaatti uumamuusaa ji’oota muraasa dura ture. Yeroo sanatti, Abbayyeen haasawaa sabaa mataduree, “Namoonni Amma Jiraniifi Miliyoonaan Lakkaa’aman Tasumaa Hin Du’an” jedhurratti argamee ture. Haasawaan kun jireenyasaarratti jijjiirama fideera. Abbayyeefi Harmeen Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqaban si’a ta’u, yeroo baay’ees waa’ee Mootummaa Waaqayyoofi eebbawwan inni fidurratti mari’achuu jaallatu turan. Yeroo sanaa kaasee, warrikoo Yihowaa akkan jaalladhuufi akkan isatti amanamu godhanii waan na guddisaniif Waaqayyoon guddaan galateeffadha.—Fak. 22:6.

Tajaajila Yeroo Guutuun Jalqabe

Yeroo umriinkoo 15 ta’u, barumsa sadarkaa olaanaa barachuuf carraa argadhus, fedhiinkoo inni guddaan tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu ture. Abbayyeen baay’ee mucaa akkan ta’e waan isatti dhaga’ameef, yeroo muraasaaf waajjira tokkotti qacaramee hojjechuun jalqabe. Haata’u malee, fedhiin tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf qabu baay’ee cimaa waan tureef, gaaf tokko J. F. Raazarfordi, isa yeroo sanatti hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu olaantummaan to’achaa turetti xalayaan barreesse. Karoora ani baafadheef ilaalcha akkamii akka qabun isa gaafadhe. Innis akkas jedhee deebisee naa barreesse: “Qacaramtee hojjechuuf erga umriinkee sii heyyamee, tajaajila Gooftaarratti hirmaachuus ni dandeessa. . . . Amanamummaadhaan Isa tajaajiluuf carraaqqii gochuukee yoo itti fufte Gooftaan akka si eebbisu nan amana.” Xalayaan Bitootessa 10, 1928 naa barreeffame kun maatii keenyarratti jijjiirama guddaa fideera. Utuma baay’ee hin turin, Abbayyeen, Harmeen, obboleettiinkoo angafaafi ani tajaajiltoota yeroo guutuu taanee tajaajiluu jalqabne.

Bara 1931 walga’ii koonyaa Landanitti godhamerratti, Obboleessi keenya Raazarfordi namoota biyyoota alaatti misraachoo labsuuf fedhii qabaniif afeerrii dhiheesse. Anis kanan of dhiheesse si’a ta’u, obboleessa Andiree Jaak jedhamuu wajjin Kaawunas magaalaa guddittii Litweeniyaa turtetti ramadamne. Yeroo kanatti waggaa 18 ture.

Ergaa Mootummichaa Biyyoota Fagootti Lallabuu

Yeroo sanatti, Litweeniyaan biyya namoonni qonnaan bulaniifi hiyyeeyyii ta’an itti baay’atan waan turteef, bakka baadiyyaatti lallabuun rakkisaa fakkaata ture. Mana jireenyaa argachuun baay’ee rakkisaa waan tureef, bakkawwan yeroo dheeraaf jiraachaa turre tasumaa hin irraanfannu. Fakkeenyaaf, gaaf tokko galgala aniifi Andireen nutti toluu dinnaan hirribaa dammaqne. Kurraazii keenya qabsiifannee yeroo kaanu, sireen keenya geergoodhaan guutamee ture. Mataa keenyaa hanga miilla keenyaatti nutti nam’anii turan! Yeroo hundumaa ganamaan ka’ee, laga nutti dhihoo jiru tokko dhaqee bishaan diilallaa’aa keessa hanga mormakootti gadi lixee dhagnakoo qabaneeffadha ture. Ta’us, tajaajila keenyatti itti fufuuf murteessinee turre. Yeroo muraasa booda, hiriyoota gaa’elaa umrii dargagummaarra jiran qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yommuu jalqabsiisnu, rakkoon mana jireenyaa nu mudatee ture furmaata argate. Manasaanii ishee dhiphoofi qulqulluu taa’etti nu fudhatan. Siree geergoo qaburra ciisuu mannaa, nagaadhaan lafa ciisuun boqonnaa guddaa nuuf argamsiisee ture!

Yeroo sanatti Litweeniyaan Luboota Kaatolikii Roomaafi Ortodoksii Ruusiyaa jalatti bulti turte. Macaafa Qulqulluu bitachuu kan danda’an namoota sooreyyii qofa turan. Kaayyoon keenya inni guddaan, hamma dandeenye naannoo tajaajilaa keenya waliin ga’uufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an baay’inaan namoota fedhii qabaniif kennuu ture. Jalqaba, magaalaa tokko yommuu geenyu mana jireenyaa barbaanna turre. Achiis, naannoowwan magaalicharraa fagaatanii jiranitti of eeggannoodhaan erga lallabnee booda, magaalattii keessattis saffisaan lallabna. Haala kanaan, luboonni magaalicha keessa jiran utuu jeequmsa nurratti hin kaasin hojii keenya xumurra turre.

Jeequmsi Ka’us Beekamummaa Argachuu

Bara 1934, Andireen waajjira damee Kaawunasitti argamutti akka hojjetu yommuu ramadamu, obboleessi Joon Seempee jedhamu anaa wajjin tajaajiluu jalqabe. Muuxannoowwan hin irraanfatamne waliin dabarsineerra. Gaaf tokko biiroo abbaa alangaa magaalaa xinnoo keessatti argamtu tokkon dhaqe. Namichi waan aareef, shugguxiisaa natti baafatee biiroosaa gadhiisee akkan ba’u na ajaje. Garaakootti kadhannaa kanaan dhiheesse si’a ta’u, gorsa Macaafa Qulqulluu isa, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa” jedhun yaadadhe. (Fak. 15:1) Kanaaf, “Ani akka michuu tokkootti ergaa misiraachoo tokko sitti himuun dhufe; natti waan hin dhukaasneef guddaan si galateeffadhan” jedheen. Yeroo namichi qubasaa arraba shugguxisaarraa kaasu, of eeggannoodhaan gara duubaatti adeemeen biiroosaa keessaa ba’e.

Yeroo Joonii wajjin wal arginu, innis haalli dhiphisaan isarra ga’e akka ture natti hime. Dubartii lallabeefii ture jalaa qarshii baay’ee hatteetta jedhamee sobaan waan himatameef gara buufata poolisiitti geeffame. Achittis uffatasaa humnaan irraa baasanii isa sakatta’an. Qarshicha kan fudhate isa hin turre. Booda garuu nama hate sana qabaniiru.

Haalawwan kun lamaan namoonni akka kaka’an taasisanis, karaa biraatiin utuma nuyi hin lallabin ergaan keenya akka beekamu godhaniiru!

Dhoksaadhaan Hojjechuu

Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an, Laatiiviyaa biyya ollaa keenyatti argamtuufi hojiin lallabaa keenya itti dhorkametti galchuun hojii balaaf nama saaxilu ture. Ji’atti takkaa, halkaniin baaburaan gara Laatiiviyaa adeemna turre. Al tokko tokko, barreeffamoota gara Istooniyaatti erga geessinee booda, Laatiiviyaa dhaqnee barreeffamoota fuunee deebina turre.

Al tokko, hojjetaan gumruuk tokko waa’ee hojii keenyaa waan dhaga’eef, baaburicharraa buunee barreeffamoota keenya hogganaasaatti akka geessinu nu ajaje. Aniifi Joon Yihowaan akka nu gargaaruuf kadhannaa dhiheessine. Kan nama dhibu garuu, namichi kun wanta nu harka jirru hoggantichatti himuu mannaa, “Namoonni kun lamaan mi’a galmeessisan qabu” jedhe. Anis, barreeffamoota namoonni mana barumsaafi kolleejjii baratan wanta yeroo sanatti addunyaa jeeqaa jiruuf sababii ta’e hubachuuf gargaaran akkan qabadhe itti himuudhaan nan “galmeessise.” Hoggantichis akka deemnu waan nuu heyyameef, barreeffamoota keenya nagaadhaan geessuu dandeenyee turre.

Haalli siyaasaa Biyyoota Baaltiik manca’aa yommuu adeemu, namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa gar malee mormuu kan jalqaban si’a ta’u, Litweeniyaattis hojiin lallabaa keenya ni dhowwame. Andireefi Joon biyyaa kan baafaman si’a ta’u, haalawwan Waraanni Addunyaa Lammaffaan jalqabuusaa argisiisan waan turaniif, namoonni lammii Biritaaniyaa ta’an hundi biyyattii gadhiisanii akka ba’an itti himame. Anis gaddaan biyyattii gadhiiseen ba’e.

Mirgaawwaniifi Eebbawwan Kaaba Ayerlaanditti Argadhe

Yeroo kanatti warrikoo Kaaba Ayerlaanditti galanii waan turaniif, anis bara 1937⁠tti isaanittan makame. Haala waraanichaa wajjin wal qabateen tasgabbiin waan hin turreef Kaaba Ayerlaandittis barreeffamoonni keenya ittifamanii turan; haata’u malee yeroo waraanni ture hundatti lallabuu keenya hin dhaabne. Waraana Addunyaa Lammaffaa booda, dhowwaa tokko malee hojii keenya raawwachuu dandeenyee turre. Qajeelchaan Haaroldi Kiingi jedhamuufi muuxannoo qabu haasawaa sabaa dirreerratti kennaa, akkasumas qindeessaa kan ture si’a ta’u, boodas misiyoonii ta’ee Chaayinaatti tajaajileera. “Sanbadduraa isa kana haasawaa sabaa isa jalqabaa dirreerratti dhihaatu anatu kenna” jedhe. Achiis garakoo ilaalaa, “Sanbadduraa dhufummoo situ haasawaa dhiheessa” naan jedhe. Anis yeroon akkas naan jedhu baay’een na’e.

Haasawaan jalqaba dhiheesse akka gaariittan yaadadha. Namoonni dhibbaan lakkaa’aman argamanii turan. Haasawicha meeshaa sagalee guddisu malee saanduqarra dhaabadheen dhiheesse. Haasawichi erga xumuramee booda, namichi tokko garakoo dhufee harka na qabuudhaan Biil Ismiiz akka jedhamu natti hime. Namoota baay’ee walitti qabaman argee wanta raawwatamaa jiru ilaaluuf akka dhufe natti hime. Biil kanaan dura Abbayyee wajjin wal argee kan ture si’a ta’u, yeroo booda Abbayyeefi haati buddeenaakoo qajeelchitoota ta’anii tajaajiluuf gara Dabliin yommuu dhaqan wal jalaa badan. Isaa wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabne. Yeroo booda, miseensota maatii Biil keessaa namoonni sagal tajaajiltoota Yihowaa ta’aniiru.

Boodas gamoowwan gurguddaa naannoo Beelfaasti jiranitti yommuun lallabu, dubartii Raashiyaa Litweeniyaa jiraattu wajjinan wal arge. Barreeffamoota muraasa yeroon isheetti argisiisu, kitaaba tokkotti quba qabdee akkas naan jette: “Kitaaba sana qaba. Wasiilakoo isa yuunivarsiitii Kaawunasitti piroofeesara ta’etu naa kenne.” Kitaaba Kiri’eeshin jedhamuufi afaan Poolishiin qophaa’ee natti argisiiste. Bakki duwwaa kitaabicharra jiru hundi irratti barreeffamee ture. Yommuun Kaawunas turetti wasiilasheetiif jalqaba kitaabicha kan kenne ana ta’uukoo yeroo hubattu baay’ee dinqisiifattee turte!—Lal. 11:1.

Joon Sempeen gara Kaaba Ayerlaand akkan dhaqu yommuu dhaga’u, obboleettiinsaa quxisuu Neelii jedhamutu Dhugaa Macaafa Qulqulluuf hamma tokko fedhii waan qabduuf akkan ishee haasofsiisu natti hime. Obboleettiikoo Koonii wajjin Macaafa Qulqulluu ishee qayyabsiisuu jalqabne. Neeliin saffisiisaan guddina argisiisuudhaan Yihowaaf of murteessite. Yeroo booda wal qorannee gaa’ela dhaabbanne.

Aniifi Neeliin waggaa 56 tajaajila Yihowaarratti kan waliin dabarsine si’a ta’u, namoonni dhibbaa ol ta’an dhugaa Macaafa Qulqulluu akka beekan gargaaruuf mirga arganneerra. Armaagedooniin darbinee addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessa waliin jiraachuuf kan abdannu ta’us, duuti inni diina hamaa ta’e bara 1998⁠tti na jalaa butee ishee fudhate. Kun qorumsawwan jireenyakoo keessatti na mudatan hunda caalaa kan na miidhe ture.

Biyyoota Baaltikitti Deebi’uu

Neeliin duute gara waggaa tokko booda, mirga addaa tokkon argadhe. Waajjira damee Taaliin, Istooniyaa keessa jiru akkan daawwadhun afeerame. Xalayaan obboloonni Istooniyaa naa barreessan akkas jedha: “Obboloota dhuma bara 1920fi jalqaba bara 1930⁠tti Biyyoota Baaltikitti akka tajaajilaniif ramadamanii turan kudhan keessaa amma lubbuudhaan kan jiru si’i qofadha.” Itti fufuudhaanis waajjirri damee sun seenaa hojii lallabaa Istooniyaa, Laatiiviyaafi Litweeniyaa qopheessaa akka jiru erga ibsee booda, “Dhufuu ni dandeessaa?” gaaffii jedhu naa dhiheessee ture.

Muuxannoowwan aniifi obboloonni yeroo sana anaa wajjin tajaajilaa turan dabarsan dubbachuuf carraa argachuunkoo mirga guddaadha! Waajjira damee isa jalqabaa Laatiiviyaatti itti gargaaramaa turre, baaxii barreeffamoota keenya keessa dhoksaa turreefi poolisoonni tasumaa arguu hin dandeenye obbolootatti argisiiseera. Litweeniyaatti, gara magaalaa xinnoo Shaawulaa jedhamtuufi bakka ani qajeelchaa ta’ee itti tajaajilaa turetti na geessan. Walga’ii achitti godhamerratti obboleessi tokko akkas naan jedhe: “Waggoota hedduu dura aniifi haatikoo magaalaa kana keessaa mana bitannee turre. Baaxii mana keenya utuu qulqulleessinu kitaabota Za Divaayin Pilaan oov za Eejis jedhamuufi Za Haarpi oov Good jedhamu argine. Kitaabota kana yeroon dubbisu, dhugaa argachuukoon hubadhe. Waggoota hedduu dura kitaabota kana mana sana keessatti kan irraanfate si ta’u hin oolu!”

Walga’ii aanaa magaalaan qajeelchaa ta’ee itti tajaajilaa turetti godhamerrattis argameen ture. Walga’ii aanaa asitti godhamerratti kanan argamee waggaa 65 duradha. Yeroo sanatti, namoonni walga’icharratti argaman 35 qofa turan. Amma garuu, namoonni 1,500 ol ta’an walitti sassaabamanii arguunkoo baay’ee na gammachiiseera! Yihowaan hojiicha guddaa eebbiseera!

‘Yihowaan Na Hin Dhiisne’

Dhiheenya kana obboleettiin Bee jedhamtu gaaffiin fuudhaaf isheef dhiheesse tole jechuunshee eebban utuu hin yaadin argadhe naa ta’eera. Achiis, Sadaasa 2006 gaa’ela dhaabbanne.

Dargaggeessa jireenyasaa keessatti maal gochuu akka qabu yaadu kamiifiyyuu, gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameefi ‘bara dargaggummaakeetti Uumaakee yaadadhu’ jedhu hojiirra oolchuunsaa ogummaa hundaarra caalu akka ta’e mirkaneessuufii nan danda’a. Anis amma akkuma Faarfatichaa akkas jechuu nan danda’a: “Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; ani immoo amma iyyuu gocha kee isa dinqisiisaa nan labsa; irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo ta’e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!”—Far. 71:17, 18.

[Kaartaa fuula 25rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

Barreeffamoota gara Laatiiviyaatti geessuun hojii balaaf nama saaxilu ture

ISTOONIYAA

TAALIIN

Galoo Galaana Riigaa

LAATIVIYAA

RIIGAA

LIITWEENIYAA

VIILNIIYAS

Kaawunas

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Kolpooltarii (qajeelchaa) ta’ee Iskootlaanditti tajaajiluu kanan jalqabe waggaa 15⁠tti ture

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Guyyaa cidha keenyaa, bara 1942⁠tti Neelii wajjin