Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Uumamni Waaqa Isa Jiraataa Mul’isa

Uumamni Waaqa Isa Jiraataa Mul’isa

‘Ati waan hundumaa waan uumteef, Waaqayyo keenyaa! ulfina fudhachuun siif in ta’a.’​—MUL. 4:11.

1. Amantiin keenya jabaa ta’uusaa mirkaneessuuf maal gochuu qabna?

NAMOONNI baay’een wanta ijaan argan qofatti akka amanan dubbatu. Namoonni akkasii Yihowaatti akka amanan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Macaafni Qulqulluun, “Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine” jedha. (Yoh. 1:18) Kanaaf, amantiin Yihowaa ‘isa ijaan hin argamnerratti’ qabnu jabaa ta’uusaa mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti? (Qol. 1:15) Tarkaanfiin inni jalqabaa, barumsawwan dhugaa waa’ee Yihowaa dubbatu jal’isan addaan baasnee beekuudha. Achiis wanta “ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf dura dhaabatu” kamiiyyuu diiguuf, Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuu qabna.​—2 Qor. 10:4, 5.

2, 3. Barumsawwan lamaan namoonni waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa akka hin barre godhan kamfa’i?

2 Barumsi jijjiirama tirannaa barumsa sobaa babal’atee jiruufi namoonni waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa akka hin beekne godhu keessaa isa tokkodha. Barumsi kun, Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faallessuufi namoonni abdii akka hin qabaanne kan godhudha. Barumsi jijjiirama tirannaa, lubbu qabeeyyiin hundi akka tasaa kan dhufan akka ta’an dubbata; kunimmoo jireenyi ilmaan namootaa kaayyoo kan hin qabne akka ta’e kan ibsudha.

3 Karaa garabiraammoo, cimsitoonni amantii Saba Kiristiyaanaa, lafaafi lubbu qabeeyyii isheerra jiran hunda dabalatee, hawaan erga uumamee waggoota kuma muraasaan lakkaa’aman qofa akka ta’e barsiisu. Namoonni barumsa akkasii barsiisan, kiri’eeshiniizim kan jedhaman si’a ta’u, Macaafa Qulqulluudhaaf iddoo guddaa kan kennan ta’us, Waaqayyo wantoota hunda kan uume waggoota kuma muraasa dura, guyyoota sa’aatii 24 qaban ja’a keessatti akka ta’e amanu. Namoonni kun ragaa qabatamaa saayinsiin dhiheessuufi ilaalchasaanii wajjin wal faallessu hin fudhatan. Kanaaf, barumsi namoonni akkasii barsiisan, Macaafa Qulqulluudhaaf ulfina hin kennu, akkasumas yaanni macaafa kanaa dhugaafi sirrii akka ta’etti hin ilaalu. Namoonni barumsa akkasii babal’isan, namoota jaarraa tokkoffaatti turaniifi “akka hubannaa dhugaatti” ta’uu baatus, Waaqayyoof hinaaffaa qaban tokko tokko nu yaadachiisu. (Rom. 10:2) Barumsa jijjiirama tirannaafi kiri’eeshiniizimii isa “da’oo jajjabaa” ta’e ykn hidda cimaa godhate diiguuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? * Kana gochuu kan dandeenyu barumsa dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu baruuf carraaqqii cimaa yoo goone qofadha.

AMANTIIN RAGAA AMANSIISAARRATTI KAN HUNDAA’EDHA

4. Amantiin keenya maalirratti kan hundaa’e ta’uu qaba?

4 Macaafni Qulqulluun beekumsa akka horannu nu barsiisa. (Fak. 10:14) Yihowaan falaasama namootaa ykn duudhaawwan amantiirratti utuu hin ta’in, ragaa qabatamaa ta’erratti hundoofnee akka isatti amannu barbaada. (Ibroota 11:1 dubbisi.) Yihowaarratti amantii cimaa qabaachuuf, jalqaba inni akka jiru amanuu qabna. (Ibroota 11:6 dubbisi.) Amanuu kan dandeenyummoo, hawwiidhaan utuu hin ta’in, dhugaa jiru qoruufi “dandeettii yaaduu” keenyatti fayyadamuudhaani.​—Rom. 12:1, NW.

5. Sababni Waaqayyo akka jiru amanuuf nu gargaaru tokko maalidha?

5 Phaawulos ergamaan Waaqayyoon ijaan arguu baannullee akka inni jiru amanuu kan dandeenyu maaliif akka ta’e sababa tokko dhiheesseera. Yihowaa ilaalchisee, “Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda’a” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 1:20) Nama Waaqayyo akka jiru shakku, yaanni Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesse kun dhugaa ta’uusaa akka amanu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Ragaawwan uumamarratti mul’atan, humnaafi ogummaa Waaqayyoo mul’isaniifi armaan gad jiran tokko tokko caqasuu dandeenya.

HUMNI WAAQAYYOO UUMAMARRATTI MUL’ATEERA

6, 7. Wantoonni balaa nurraa ittisaniifi humni Yihowaa irratti mul’ate lamaan kamfa’i?

6 Humni Yihowaa wantoota balaa nurraa ittisan lamarratti, jechuunis qilleensa naannoo lafaafi dirree maagneetii lafaarratti mul’ateera. Fakkeenyaaf, qilleensi naannoo lafaa, argansuuf nu gargaarurra darbees faayidaa garabiraa qaba. Wantoonni caccaboon hawaa keessaa dhufan hedduun balaa akka nurraan hin geenye dhowwa. Caccabaan dhagaa balaa guddaa geessisuu danda’u yommuu gara qilleensa naannoo lafaa seenu gubatee kan badu si’a ta’u, yeroo dukkanaatti samii keessatti ifa bareedaa ta’e uuma.

7 Dirreen maagneetii lafaas balaarraa nu eega. Ittisni kun lafa keessaa kan maddudha. Handhuura lafaa keessaa inni gara alaa, dhagaa baqeefi humna dirree maagneetawaa isa lafaafi naannooshee uwwisee jiru maddisiisu of keessaa qaba. Dirreen maagneetii carallaa biiftuurraa madduufi balaa ho’a guddaa aduun maddisiistu geessisurraa nu eega. Dirreen maagneetii lafaa utuu hin jiru ta’ee ho’i cimaan kun lubbu qabeeyyiin tokkollee lafarra akka hin jiraanne godha ture. Dirreen maagneetii ho’a kana of keessatti hambisa ykn ol deebisa. Eegumsa dirreen maagneetii nuu godhu, naannoo bantii Kaabaafi Kibbaatti halluu garaagaraa halkan samiirratti mul’aturraa arguun ni danda’ama. Dhugumayyuu, Yihowaan Waaqa “humna-qabeessa” ta’edha.​—Isaayaas 40:26 dubbisi.

OGUMMAAN WAAQAYYOO UUMAMARRATTI MUL’ATEERA

8, 9. Ogummaan Yihowaa marsaawwan jireenyi akka itti fufu godhanirratti kan mul’ate akkamitti?

8 Ogummaan Yihowaa marsaawwan jireenyi lafarra jiru akka itti fufu godhanirratti mul’ateera. Fakkeenyaaf: Waa’ee magaalaa dallaa qabduufi namoonni hedduun keessa jiraatan, akkasumas ujummoo bishaan qulqulluu ittiin galchanis ta’e balfaa ittiin baasan hin qabnee yaadaa. Magaalaan akkasii balfaadhaan waan guutamtuuf jireenyaaf mijooftuu hin taatu. Laftis magaalaa dallaa qabdu kanaa wajjin hamma tokko wal fakkaatti. Lafti bishaan qulqulluu ga’aa ta’e kan qabdu ta’us, wantoota balfaa ta’an naannoo lafaatii alatti baasnee gatuu hin dandeenyu. Lafti ‘magaalaa dallaadhaan marfametti’ fakkeeffamte kun, uumamawwan biliyoona hedduutti lakkaa’aman dhalootaa dhalootatti jiraachisti. Akkamitti? Dandeettii dinqisiisaa wantoota jireenyaaf barbaachisan deebistee haaromsuu waan qabduufidha.

9 Mee marsaa oksijiinii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Uumamni biliyoonaan lakkaa’aman oksijiinii gara keessaatti fudhatanii kaarboon daayooksaayidii gara alaatti baasu. Ta’us oksijiiniin lafarraa hin dhumu; qilleensi naannoos kaarboon daayooksaayidiidhaan guutummaatti hin ‘faalamu.’ Maaliif? Malli dinqisiisaan fotoosiintasis jedhamu waan jiruufidha. Biqiltoonni magariisa ta’an mala kanatti fayyadamuudhaan kaarboon daayooksaayidii, bishaan, ifa aduufi albuudota ofitti fudhachuudhaan kaarboohaayidreetiifi oksijiinii oomishu. Marsaan kun kan xumuramu yommuu nuti oksijiinii ofitti fudhannudha. Kallattiidhaan yommuu ilaallu Yihowaan “sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa” kennuuf biqiltootatti fayyadama. (HoE. 17:25) Kun ogummaa dinqisiisaa ta’edha.

10, 11. Ogummaan Yihowaa billaacha moonark baterfilaay jedhamuufi gosa sonsaa diraagonfilaay jedhamturratti kan mul’ate akkamitti?

10 Ogummaan Yihowaa uumamawwan lafarra jiran hedduurrattis mul’ateera. Uumamni gosa miliyoona 2 hanga 100 ta’an lafarra akka jiran tilmaamama. (Faarfannaa 104:24 dubbisi.) Mee ogummaan Yihowaa diizaayinii uumamawwan kanaarratti kan mul’ate akkamitti akka ta’e hubadhaa.

Ogummaan Waaqayyoo haala iji diraagonfilaay itti hojjetamerratti mul’ateera; fakkichi ijisaa yeroo guddifamu maal akka fakkaatu argisiisa (Keeyyata 11 ilaali)

11 Fakkeenyaaf, gosti billaachaa moonark baterfilaay jedhamtu sammuu hanga ija xaafii ga’u qabdi. Haata’u malee, Kaanaadaadhaa kaatee bosona Meeksikootti argamu tokko ga’uuf, aduutti fayyadamuudhaan karaa gara kiilomeetira 3,000 fagaatu balali’uu dandeessi. Aduun yeroo dhihuhoo maal gooti? Yihowaan, gosti billaachaa kun sammuu xinnoo kanatti fayyadamtee sochii aduun gootuu wajjin haala walsimuun socho’uu akka dandeessu godhee uume. Mee waa’ee ija gosa sonsaa diraagonfilaay jedhamuummoo haa ilaallu. Uumamni kun ija kompaawundii qabda. Tokkoon tokkoon ija sonsa kanaa leensii gara 30,000 qaba. Sammuun diraagonfilaay baay’ee xinnoo ta’us, wantoota naannoosaatti argamaniifi leensota kanarra buufatan dabalatee sochiiwwan xixinnoo naannoosaatti uumaman hubachuu ni danda’a.

12, 13. Akkaataa Yihowaan seelota qaamni keenya irraa ijaarame itti qindeesse ilaalchisee kan si tuqe maalidha?

12 Hunda caalaammoo akkaataan Yihowaan seelota jireenyi lubbu qabeeyyii akka itti fufu godhan itti qindeesse kan nama ajaa’ibsiisudha. Fakkeenyaaf, qaamni tokkoon tokkoon keenyaa seelota gara tiriliyoona 100 ta’anirraa kan ijaaramedha. Tokkoon tokkoon seelota kanaa keessammoo caasaa akka funyoo qal’oo ta’aniifi DNA (dii’oksiriibonukiliik asiid) jedhamutu argama. DNAn odeeffannoo akkaataa qaamni keenya ittiin ijaaramu kan qabatedha.

13 DNAn odeeffannoo hangamii qabata? Mee dandeettii DNAn giraamiin tokko odeeffannoo qabachuuf qabu, dandeettii siidii tokkoo wajjin walbira haa qabnu. Siidiin tokko odeeffannoo galmeen jechootaa tokko qabate hunda baachuu kan danda’u yommuu ta’u, kunimmoo dandeettii mi’i xinnoon laastikiirraa hojjetame kun qabu akka dinqisiifannu kan godhudha. Haata’u malee, DNAn giraamiin tokko odeeffannoo siidiin gara tiriliyoonii tokko ta’u qabatu qabachuu danda’a! DNAn fal’aana shaahii tokko, odeeffannoo ga’aa namoota yeroo har’aa addunyaarra jiran si’a 350 argamsiisuu danda’u qabachuu danda’a!

14. Wantoonni saayintiistonni bira ga’an waa’ee Yihowaa maal akka sitti dhaga’amu godhaniiru?

14 Daawiti Mootichi, odeeffannoo qaama ilmaan namootaa ijaaruuf gargaaru kana akka waan kitaabarratti barreeffameetti fakkeenyaan ibseera. Yihowaa ilaalchisee, “Nama ta’uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaa’amuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman” jechuudhaan dubbateera. (Far. 139:16) Daawit akkaataa qaamnisaa itti uumame erga hubatee booda Yihowaa jajachuuf kaka’eera. Wantoota saayintiistonni dhiheenyatti bira ga’anirratti xiinxaluun keenya dinqisiifannaan akkaataa Yihowaan itti nu uumerratti qabnu akka dabalu godha. Wanti isaan bira ga’an kun, yaada faarfatichi Yihowaa ilaalchisee, “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka” jechuudhaan dubbatee wajjin akka walii gallu kan godhudha. (Far. 139:14) Uumamawwan naannoo keenya jiran ragaa Waaqayyo dhugumaan akka jiru mirkaneessanidha!

NAMOONNI KAAN WAAQA ISA JIRAATAADHAAF ULFINA AKKA KENNAN GARGAARAA

15, 16. (a) Barreeffamoonni keenya dinqisiifannaa dandeettii Yihowaan waa uumuuf qabu akka guddifannu kan nu gargaaran akkamitti? (b) Barumsa mataduree “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhuun dhihaate keessaa baay’ee kan si tuqe kamidha?

15 Barruun Dammaqaa!, namoonni miliyoonaan lakka’aman uumamni waa’ee Waaqayyoo maal akka ibsu akka beekan waggoota hedduudhaaf gargaaraa tureera. Fakkeenyaaf, maxxansi Fulbaana 2006 (Amaariffa) mataduree, “Uumaan Jiraa?” jedhu qaba. Maxxansi kun namoota barumsa jijjiirama tirannaafi kiri’eeshiniizimiitti amanan gargaaruuf kan qophaa’e ture. Obboleettiin tokko maxxansa addaa kana ilaalchisee waajjira damee Yuunaayitid Isteetisiif akkas jettee barreessiteetti: “Duulli maxxansa addaa kana raabsuuf godhame baay’ee gaarii ture. Dubartiin tokko koppii 20 na gaafatteetti. Dubartiin kun barsiistuu baayooloojii si’a taatu, kana kan goote barattootasheetiif hiruu waan barbaaddeef ture.” Obboleessi tokkos, “Dhuma bara 1940⁠nii kaasee tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachaa kanan ture si’a ta’u, amma umriinkoo waggaa 75 ta’uuf jedha; haata’u malee, akka ji’a maxxansi addaa Dammaqaa! kun itti raabsameetti tajaajilli na gammachiisee hin beeku” jechuudhaan barreesseera.

16 Barruun Dammaqaa! yeroo dhihoodhaa kaasee mataduree, “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhu qabatee ba’aa jira. Yaadawwan gaggabaaboon mataduree kana jalatti dhihaatan, wantoota dinqisiisoo uumamarraa mul’ataniifi karaa namoonni uumamawwan Uumaa Guddichi uume fakkeessanii hojjechuuf itti fayyadaman ibsa. Bara 2010⁠tti birooshura namoonni Waaqayyoof ulfina akka kennan gargaaruufi mataduree, Lubbuun Uumamaan Argamee? (Amaariffa) jedhu qabu argannee turre. Suuraawwan babbareedooniifi diyaagiraamonni birooshuricharratti kennaman, dinqisiifannaa dandeettii Yihowaan waa uumuuf qabu akka guddifannu gargaaruuf kan qophaa’anidha. Gaaffiiwwan xumura kutichaa hunda jala jiran, namni dubbisu sun barumsicha akka hubatu kan gargaaranidha. Birooshura kanatti fayyadamuudhaan manaa gara manaa, bakka namoonni itti baay’atan ykn karaa alidilee ta’een lallabdanii beektuu?

17, 18. (a) Warri, ijoolleen keessan gaaffii amantiisaanii ilaalchisee isaanii dhihaatuuf ofitti amanannaadhaan deebii akka kennan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? (b) Waaqeffannaa maatiirratti birooshura waa’ee uumamaa ibsu kan fayyadamtan akkamitti?

17 Warra kan taatan, birooshura namatti tolu kanatti fayyadamuudhaan waaqeffannaa maatiirratti ijoollee keessanii wajjin mari’attanii beektuu? Akkas yoo gootan, dinqisiifannaa Waaqayyoof qaban akka guddifatan isaan gargaaruu dandeessu. Kana malees ijoollee mana barumsaa sadarkaa lammaffaadhaa baratan qabdu ta’a. Ijoolleen sadarkaa kanaa baratan, namoota jijjiirama tirannaa isa barumsa sobaa ta’e barsiisaniif kan saaxilamanidha. Saayintistoonni, barsiistonni, fiilmiiwwan waa’ee uumamaa ibsan, bashannanawwaniifi fiilmiiwwan televijiiniidhaan dhihaatanillee yaada ‘jijjiiramni tirannaa dhugaadha’ jedhu babal’isu. Ijoolleen keessan olola akkasii akka mo’an gargaaruuf birooshura kan biraa bara 2010⁠tti ba’eefi Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shanan (Amaariffa) jedhamutti fayyadamuu dandeessu. Akkuma birooshura Lubbuun Uumamaan Argamee? jedhamuu, birooshurri kunis dargaggoonni dandeettii “hubannaa” akka guddifatan isaan gargaara. (Fak. 2:10, 11) Birooshurri kun barumsi isaan mana barumsaatti baratan sirrii ykn dogoggora ta’uusaa akka qoran isaan gargaara.

Warra kan taatan, ijoolleen keessan amantiisaanii ilaalchisee deebii quubsaa akka kennan isaan qopheessaa (Keeyyata 17 ilaali)

18 Birooshurri Madda Jireenyaa jedhamu, barattoonni wanta saayintistoonni waa’ee hambaa lafa keessaa bira hin ga’amne ilaalchisee gabaasan qoruudhaan xumura mataasaaniirra akka ga’an gargaaruuf kan qophaa’edha. Birooshurri kun, namni uumama sadarkaa gadaanaa ta’erraa jijjiirama tirannaatiin kan dhufe ta’uufi dhiisuusaa ofumasaaniitiin qoranii akka bira ga’an jajjabeessa. Akkasumas yaada saayintiistonni lubbuun akka tasaa kan argame ta’uusaa laaboraatoriisaanii keessatti akka mirkaneessan dubbataniif akkamittiin deebii kennuu akka danda’an isaan barsiisa. Warra kan taatan, birooshura kanatti fayyadamuudhaan dandeettii ijoolleen keessan gaaffii Uumaasaanii ilaalchisee isaaniif dhihaatuuf deebii quubsaa kennuuf qaban akka guddifatan isaan gargaaruu dandeessu.​—1 Phexros 3:15 dubbisi.

19. Hundi keenya mirga akkamii qabna?

19 Barreeffamni qorannoo cimaan irratti godhamee karaa jaarmiyaa Yihowaa nuu qophaa’e kun, amalawwan gaggaarii Yihowaan qabuufi uumamawwan naannoo keenya jiranirraa mul’atu hubachuuf nu gargaara. Ragaan amansiisaa ta’e kun Waaqa keenya jajachuuf kan nu kakaasudha. (Far. 19:1, 2) Yihowaa isa Uumaa wantoota hundumaa ta’eef ulfinaafi kabaja isaaf malu kennuun mirga guddaadha!​—1 Xim. 1:17.

^ key. 3 Namoota waa’ee kiri’eeshiniizimii babal’isaniif ragaa dhiheessuuf, birooshura Lubbuun Uumamaan Argamee? jedhamu fuula 24 hanga 28 ilaali. (Amaariffa)