Yihowaadhaaf Galata Galchuudhaan Eebba Argadhaa
“Waaqayyo gaarii waan taʼeef . . . isaaf galata galchaa!” —FAR. 106:1.
1. Yihowaadhaaf galata galchuun keenya kan isaaf malu kan taʼe maaliifi?
YIHOWAA isa ‘kennaa gaarii hundaa fi kennaa guutuu hunda’ nuu kenneef galata galchuun keenya kan isaaf malu dha. (Yaq. 1:17) Tiksee jaalala qabeessa waan taʼeef, wantoota karaa fooniis taʼe karaa hafuuraa nu barbaachisan hunda gara laafinaan kakaʼee nuu guuta. (Far. 23:1-3) Keessumaa yeroo rakkinaatti, ‘bakka itti kooluu galluu fi humna keenya’ taʼuusaa argisiiseera! (Far. 46:1) Yaada faarfatichi, “Waaqayyo gaarii waan taʼeef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!” jechuudhaan barreesse irratti guutummaatti walii galuuf sababa hedduu qabna.—Far. 106:1, NW.
Caqasa waggaa 2015: “Waaqayyo gaarii waan taʼeef . . . isaaf galata galchaa!”—Faarfannaa 106:1
2, 3. (a) Wantoota gaggaarii arganne akka laayyootti ilaaluun balaa akkamiitiif nu saaxila? (b) Mata duree kana keessatti gaaffilee kamfaa qorra?
2 Waaʼee amala galateeffannaa mariʼachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akkuma dursee dubbatame, namoonni guyyoota dhumaa kana keessa jiran caalaatti galata kan hin qabne taʼaa jiru. (2 Xim. 3:2) Wantoota gaggaarii argatan akka laayyootti ilaalu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dhiibbaa addunyaan daldalaa fi beeksisawwan isaan irraan gaʼaniin, wanta qabanitti gammaduu mannaa wanta dabalataa argachuuf carraaqu. Amalli dinqisiifannaa dhabuu akkasii nuttis darbuu dandaʼa. Akkuma Israaʼeloota durii nutis galateeffannaa dhabuudhaan, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu isa gati jabeessa taʼeef, akkasumas wantoota isa irraa arganneef dinqisiifannaa dhabuu dandeenya.—Far. 106:7, 11-13.
3 Mee rakkinni cimaan yeroo nu mudatu wanta uumamuu dandaʼu haa ilaallu. Yeroo akkasiitti, abdii kutannee wantoonni gaggaariin arganne nutti mulʼachuu dhiisuu dandaʼu. (Far. 116:3) Amala galateeffannaa horachuu fi argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti ree? Yeroo rakkinni cimaan nu mudatutti illee abdii akka hin kutanne wanti nu gargaaru maali dha? Mee haa ilaallu.
‘YAA WAAQAYYO, GOCHA KEE BAAYʼIFTEETTA’
4. Amala galateeffannaa argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Amala galateeffannaa horachuu fi argisiisuu keenya itti fufuu yoo barbaanne, wantoota gaggaarii Yihowaa biraa arganne hubachuu fi dinqisiifannaadhaan irratti xiinxaluu, akkasumas gaarummaa isaa irratti yaaduu qabna. Faarfatichi yeroo akkas godhetti, wantoonni dinqisiisoon Yihowaan hojjette isa ajaaʼibsiisaniiru.—Faarfannaa 40:5; 107:43 dubbisi.
5. Amala galateeffannaa horachuu ilaalchisee Phaawulos ergamaarraa barumsa akkamii arganna?
5 Galateeffannaa horachuu ilaalchisee Phaawulos ergamaa irraa barumsa hedduu arganna. Yeroo garaa garaatti galateeffannaa isaa garaadhaa kan ibse, wantoota gaggaarii argate irratti waan xiinxaluuf taʼuu qaba. Phaawulos, “maqaa balleessaa, ariʼachaa, humnaan nama irratti kaʼaa” akka ture beeka ture. Kanaaf, duraan gocha gadhee raawwachaa kan ture taʼus, Yihowaa fi Kiristos dhiifama waan isaaf godhaniif, akkasumas hojii lallabaa adaraadhaan waan isatti kennaniif galateeffateera. (1 Ximotewos 1:12-14 dubbisi.) Phaawulos Kiristiyaanota hidhata isaa taʼanis ni dinqisiifata ture; akkasumas, amala isaanii isa gaariitii fi tajaajila isaan amanamummaadhaan dhiheessaniif yeroo hunda Yihowaa ni galateeffata ture. (Filp. 1:3-5, 7; 1 Tas. 1:2, 3) Kana malees, Phaawulos haalli rakkisaan yeroo isa mudatutti, gargaarsa obboloonni isaa hafuuraa isaaf godhaniif Yihowaa ni galateeffata ture. (HoE. 28:15; 2 Qor. 7:5-7) Kanaaf Phaawulos, ‘Galateeffannaa akka qabdan argisiisaa; faarfannaawwaniin, Waaqayyoon jajachuudhaan, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfachuudhaan wal jajjabeessaa’ jechuudhaan Kiristiyaanota jajjabeessuun isaa nama hin dinqisiisu.—Qol. 3:15-17, NW.
AMALA GALATEEFFANNAA ARGISIISUU KEENYA ITTI FUFUUF XIINXALUUNII FI KADHANNAAN BARBAACHISAA DHA
6. Wantoota Yihowaan sii godhe keessaa keessumaa isa kamiif isa galateeffatta?
6 Amala galateeffannaa horachuu fi galateeffannaa keenya ibsuu ilaalchisee fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma Phaawulos, wanta Yihowaan dhuunfaatti nuu godhe irratti xiinxaluu qabna. (Far. 116:12) Utuu gaaffiin ‘Wanta Yihowaan sii godhe kam faʼiif isa galateeffatta?’ jedhu sii dhihaatee deebii akkamii kennita? Walitti dhufeenya isaa wajjin qabdu isa gati jabeessa taʼe caqastaa? Moo dhiifama cubbuu aarsaa furii Yesusitti amanuu keetiin argatte caqasta? Maqaa obboloota yeroo rakkinni cimaan si mudatetti si gargaaranii ni caqastaa? Hiriyaa gaaʼelaa kee ishee jaallatamtuu fi ijoollee kee warra iddoo guddaa kennituufis akka caqastu beekamaa dha. Yeroo fudhattee wantoota gammachiisoo Yihowaan, Abbaan kee inni jaalala qabeessi sii godhe irratti yeroo xiinxaltu, garaan kee galateeffannaadhaan waan guutamuuf, guyyaa guyyaadhaan isaaf galata galchuuf si kakaasa.—Faarfannaa 92:1, 2 dubbisi.
7. (a) Kadhannaa galataa dhiheessuu kan qabnu maaliifi? (b) Kadhannaa kee keessatti galata kee ibsuun kee faayidaa akkamii sii argamsiisa?
7 Yaadni keenyaa fi garaan keenya wantoota Yihowaan nuu godhe irratti yeroo xiyyeeffatu, Yihowaadhaaf kadhannaa galataa dhiheessuuf kakaana. (Far. 95:2; 100:4, 5) Namoonni baayʼeen kadhannaa, karaa itti wanta barbaadan Waaqayyoon itti gaafatan qofa akka taʼetti ilaalu. Nuti garuu, Yihowaan wanta qabnuuf yeroo isa galateeffannuu akka gammadu beekna. Isa Haannaa fi Hisqiyaas dhiheessan dabalatee, Macaafa Qulqulluu keessa kadhannaawwan galataa garaa namaa tuqan hedduun jiru. (1 Sam. 2:1-10; Isa. 38:9-20) Kanaaf, fakkeenya tajaajiltoota amanamoo amala galateeffannaa argisiisanii hordofi. Eeyyee, wantoota gaggaarii qabduuf kadhannaadhaan Yihowaa galateeffadhu. (1 Tas. 5:17, 18) Akkas gochuun kee faayidaa hedduu siif argamsiisa. Gammachuu ni argatta, jaalalli Yihowaadhaaf qabdu ni dabala, akkasumas yeroo kamii iyyuu caalaa isatti dhihaatta.—Yaq. 4:8.
8. Wanta Yihowaan nuu godheef dinqisiifannaa akka dhabnu wanti nu godhu maal taʼuu dandaʼa?
8 Gaarummaa Yihowaatiif dinqisiifannaa akka hin dhabne of eeggachuu kan qabnu maaliifi? Amala galata dhabuu waan dhaalleefi dha. Warra keenya jalqabaa kan taʼan Adaamii fi Hewwaan jannata keessa jiraachaa turan. Wanti isaan barbaachisu hundi guutameefii ture; akkasumas bara baraaf nagaadhaan jiraachuu ni dandaʼu turan. (Uma. 1:28) Haa taʼu malee isaan wanta gaarii isaaniif kennameef dinqisiifannaa hin argisiisne. Ofittummaadhaan kakaʼanii wanta dabalataa argachuuf hawwan. Kana irraa kan kaʼes, wanta qaban hunda dhabaniiru. (Uma. 3:6, 7, 17-19) Addunyaa galata hin qabneen marfamnee waan jirruuf, nutis wanta Yihowaan nuu godheef dinqisiifannaa qabnu dhabuu dandeenya. Walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu akka laayyootti ilaaluu jalqabuu fi kutaa obbolummaa addunyaa maraa taʼuudhaaf mirga arganneef dinqisiifannaa dhabuu, akkasumas wantoota addunyaa kanaa dhiheenyatti darbaniin liqimfamuu dandeenya. (1 Yoh. 2:15-17) Kiyyoo badiisa nutti fidu kana irraa fagaachuuf, wantoota gaggaarii arganne irratti xiinxaluu fi mirga saba isaa keessaa tokko taʼuudhaaf arganneef yeroo hunda Yihowaa galateeffachuu qabna.—Faarfannaa 27:4 dubbisi.
HAALLI RAKKISAAN YEROO NU MUDATU
9. Rakkinni cimaan yeroo nu irra gaʼutti, wantoota gaggaarii qabnu irratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi?
9 Amala galateeffannaa qabaachuun rakkina cimaa nu mudatu dandaʼuuf nu gargaara. Rakkoowwan jireenya keenya jijjiiran akka tasaa yeroo nu mudatan, fakkeenyaaf yeroo hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼuu dhiisu, dhibee duʼaaf nama saaxiluun yeroo qabamnu, yeroo nama jaallannu duʼaan dhabnu ykn yeroo balaan uumamaa miidhaa cimaa nu irraan gaʼu abdii kutachuu dandeenya. Yeroo akkasiitti, wantoota gaggaarii qabnu irratti xiinxaluudhaan jajjabina argachuu ni dandeenya. Mee seenaawwan jireenyaa armaan gadii haa ilaallu.
10. Iriinaan wantoota gaggaarii argate irratti xiyyeeffachuun ishee kan ishee gargaare akkamitti?
10 Iriinaan *, isheen Ameerikaa Kaabaa keessatti qajeelchituu taatee tajaajiltu, jaarsa gumii tokkotti heerumtee turte; yeroo booda isheedhaaf amanamaa utuu hin taʼin kan hafe taʼuu isaa irra iyyuu, ishee fi ijoollee isaa dhiisee deeme. Iriinaan amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu ishee akka itti fuftu kan ishee gargaare maali dha? Akkas jetteetti: “Yihowaan dhuunfaatti kunuunsa naa gochuu isaatti isan galateeffadha. Guyyaa guyyaatti wantoota gaggaarii argadhe irratti xiyyeeffachuuf filachuu kootti, Abbaa keenya isa eegumsa nuu godhu biratti beekamuunii fi isa biratti jaallatamuun mirga guddaa taʼuu isaa hubachuu dandaʼeera. Inni yoom iyyuu akka na hin dhiisne beeka.” Iriinaan rakkinni garaa garaa kan ishee irra gaʼe taʼus, gammachuun isheen qabdu rakkina ishee mudate dandaʼuuf ishee gargaareera; akkasumas warra kaaniif madda jajjabinaa taateetti.
11. Kiyoon-suuk dhibee cimaa ishee mudate dandaʼuuf maaltu ishee gargaare?
11 Kiyoon-suuk, isheen Eeshiyaa keessa jiraattu waggaa 20 oliif abbaa manaa ishee wajjin qajeelchituu taatee tajaajilteetti. Akka tasaa, dhibee kaansarii sombaatiin akka qabamtee fi kana booda jiraachuu kan dandeessu jiʼa sadii hanga jaʼaatti qofa akka taʼe isheetti himame. Ishee fi abbaan manaa ishee rakkina gurguddaa fi xixinnaa hedduu keessa kan darban taʼus, fayyaan isaanii baayʼee gaarii akka taʼe isaanitti dhagaʼama ture. Akkas jetteetti: “Rakkinni fayyaa kun baayʼee na miidhe, wanta hunda akkan dhabe natti dhagaʼamee, akkasumas baayʼee sodaadheen ture.” Rakkina ishee mudate dandaʼuuf kan ishee gargaare maali dha? Akkas jetteetti: “Galgala yeroo hunda rafuu koo dura bantii mana keenyaa irra baʼeen wantoota gaggaarii Yihowaan guyyaa sana keessatti naa godhe shaniif sagalee koo ol kaaseen kadhannaadhaan isa galateeffadha. Sana booda jajjabinan argadha, akkasumas jaalalan Yihowaadhaaf qabu ibsuufan kakaʼa.” Kiyoon-suuk kadhannaa galgala galgala dhiheessitu irraa faayidaa akkamii argatte? “Yihowaan haala rakkisaa nu mudatu dandaʼuuf akka nu gargaaruu fi wantoonni gaggaariin jireenya keessatti argannu rakkoowwan nu irra gaʼan irra baayʼee kan caalan taʼuusaa hubadheera” jetteetti.
12. Jeesan haadha manaa isaa duʼaan erga dhabee booda jajjabina kan argate akkamitti?
12 Jeesan inni waajjira damee Afriikaa keessatti argamu tokko keessa tajaajilaa jiru, tajaajila yeroo guutuu keessatti waggaa 30 ol dabarseera. Akkas jedheera: “Waggaa torba dura haati manaa koo kan duute siʼa taʼu, gaddi natti dhagaʼame baayʼee cimaa ture. Yeroo kaansariidhaan qabamtee turtetti rakkina isheen dabarsite irra deddeebiʼee yaaduun koo baayʼee na miidhee ture.” Haala kana dandaʼuuf wanti isa gargaare maali dha? Akkas jedheera: “Yeroo tokko, yeroo gammachiisaa anii fi haati manaa koo waliin dabarsineen yaadadhe; sana booda yeroo gammachiisaa sanaafin Yihowaa galateeffadhe. Achii, miirri tasgabbii kan natti dhagaʼame siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee yeroo gammachiisaa ani dabarseef yeroo hunda Yihowaa galateeffachuun jalqabe. Amalli galateeffannaa ilaalcha koo irratti jijjiirama guddaa fide. Amma iyyuu ishee dhabuu kootti gaddi natti dhagaʼama; taʼus, jireenya gaaʼelaa gaarii dabarsuu koo fi nama garaadhaa isa jaallatuu wajjin Yihowaa tajaajiluuf mirga argachuu kootti isa galateeffachuun koo ilaalcha koo fooyyesseera.”
“Yihowaan Waaqa koo taʼuu isaatti baayʼeen galateeffadha.”—Sheeral
13. Sheeral miseensonni maatii ishee baayʼeen isaanii kan jalaa duʼaan taʼus abdii akka hin kutanne kan ishee gargaare maali dha?
13 Obomboleettiin Suuppar Taayifuun Haayaan jedhamu dhuma bara 2013tti Filippiinsiin yeroo rukutetti Sheeral intala waggaa 13 kan turte siʼa taʼu, balaa kanaan wanta qabdu hunda dhabdeetti jechuun ni dandaʼama. “Mana koo fi miseensota maatii koo keessaa baayʼee isaanii dhabeera” jetteetti. Abbaan ishee, haati ishee fi obbolaan ishee sadii balaa kanaan duʼaniiru. Utuu abdii hin kutatin haala gaddisiisaa kana dandaʼuuf kan ishee gargaare maali dha? Amala galateeffannaa argisiisuu ishee kan itti fufte siʼa taʼu, wantoota gaggaarii qabdu irratti xiyyeeffatteetti. “Obboloonni warra gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu fi jajjabeessuuf wanta godhan hunda argeera. Obboloonni addunyaa mara irra jiran naa kadhachaa akka turan beekan ture. Yihowaan Waaqa koo taʼuu isaatti baayʼeen galateeffadha. Inni yeroo hundumaa wanta nu barbaachisu nuu kenna” jetteetti. Eeyyee, wanta gaarii qabnu irratti xiyyeeffachuun keenya, gaddaan akka hin liqimfamne nu gargaara. Amala dinqisiifannaa qabaachuun keenya, haalli rakkisaan yeroo nu mudatu abdii akka hin kutanne nu gargaara.—Efe. 5:20; Filiphisiiyus 4:6, 7 dubbisi.
“ANI WAAQAYYOTTI NAN GAMMADA”
14. Abdii gammachiisaa akkamiitu nu eeggata? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
14 Seenaa dhala namaa keessatti, sabni Yihowaa wanta gaarii argatanitti gammadaa turan. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni Galaana Diimaatti Faraʼonii fi loltoota isaa jalaa bilisa erga baʼanii booda, gammachuu isaanii faarfannaadhaan Yihowaa jajachuu fi galateeffachuudhaan ibsaniiru. (Bau. 15:1-21) Yeroo harʼaatti, wantoota gaggaarii arganne keessaa inni tokko, abdii amansiisaa haalawwan rakkinaa fi dhiphina nuti fidan hunda irraa bilisa akka baanu dubbatu dha. (Far. 37:9-11; Isa. 25:8; 33:24) Mee Yihowaan diinota isaa hunda balleessee, addunyaa haaraa nageenyaa fi qajeellummaadhaan guutametti yeroo nu galchu miira nutti dhagaʼamu yaadaa. Yeroo sanatti Yihowaadhaaf galata guddaa galachina!—Mul. 20:1-3; 21:3, 4.
15. Bara 2015tti maal gochuuf murteessiteetta?
15 Bara 2015tti Yihowaa irraa eebbawwan hafuuraa hedduu arganna. Rakkinni garaa garaa nurra gaʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. Wanti akkamii iyyuu yoo nu mudate, Yihowaan yoom iyyuu akka nu hin dhiisne beekna. (Kes. 31:8; Far. 9:9, 10) Wanta amanamummaadhaan isa tajaajiluuf nu barbaachisu hunda nuu guutuu isaa itti fufa. Kanaaf, ilaalcha Anbaaqom raajichaa isa akka armaan gadii jedhee barreessee qabaachuuf murtoo haa goonu: “Mukti harbuu yoo daraaruu dhaabaate iyyuu, mukti waynii, mukti ejersaas yoo ija godhachuu dhaabaatan iyyuu, maasiin midhaan yoo baasuu dhaabaate iyyuu, hoolonni goorantoo keessa, saawwanis dallaa keessa yoo jiraachuu dhaabaatan iyyuu, ani Waaqayyotti nan ililcha [“gammada,” NW] Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada.” (An. 3:17, 18) Eeyyee, waggaa kana keessatti, wantoota gaggaarii arganne irratti xiinxaluudhaan gorsa caqasa waggaa bara 2015 hojii irra oolchuuf haa kakaanu. Caqasichi akkas jedha: “Yihowaan gaarii waan taʼeef, isaaf galata galchaa.”—Far. 106:1, NW.
^ KEY. 10 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.