Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Tajaajilan Leenjisaa

Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Tajaajilan Leenjisaa

“Namni Waaqayyoo . . . mucaa dhalatu sana attamitti akka guddifnu nutti haa himu.”—ABO. 13:8.

FAARFANNAA: 41, 6

1. Maanoʼaan abbaa taʼuuf akka jedhu ennaa dhagaʼu maal godhe?

HAATI MANAA namichaa oduu baayʼee nama dinqisiisu tokko itti himte. Hiriyoonni gaaʼelaa kun isheen dhala godhachuu akka hin dandeenye beeku turan. Haa taʼu malee, ergamaan Yihowaa isheetti mulʼatee wanti waan hin dandaʼamne fakkaatu tokko taʼuuf akka jedhu, jechuunis isheenii fi abbaan manaa ishee Maanoʼaan ilma qabaachuuf akka jedhan itti hime! Maanoʼaan baayʼee akka gammade hin shakkisiisu; garuu immoo itti gaafatamummaa guddaan akka isa irra jirus hubatee ture. Innii fi haati manaa isaa saba hamaa gidduutti, ilmi isaanii Waaqayyoon akka tajaajilu leenjisuu kan dandaʼan akkamitti? Maanoʼaan, “‘Namni Waaqayyoo [ergamaan Waaqayyoo] inni ati ergitee turte sun deebiʼee gara keenya dhufee, mucaa dhalatu sana attamitti akka guddifnu nutti haa himuuf sin kadhadha’ jedhee Waaqayyoon kadhate.”—Abo. 13:1-8.

2. Mucaa keessan leenjisuun maal dabalata? (Saanduqa “ Qayyabannaawwan Kitaaba Qulqulluu Hunda Irra Caalan” jedhus ilaali.)

2 Isinis warra yoo taatan, kadhannaa Maanoʼaa garaadhaa madde irratti akka walii galtan hin shakkisiisu. Mucaan keessan Yihowaa akka beekuu fi akka jaallatu gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaa qabdu. (Fak. 1:8) Warri Kiristiyaanota taʼan kana galmaan gaʼuuf jecha, Waaqeffannaa Maatii gaarii taʼee fi fooyyaʼiinsa gochaa deemu godhatu. Ijoolleen keessan dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf, qayyabannaa maatii torbaniin godhattaniin alattis wanti gochuu qabdan akka jiru beekamaa dha. (Keessa Deebii 6:6-9 dubbisi.) Keessa deddeebitanii mucaa keessan dhugaa barsiisuu kan dandeessan akkamitti? Mata dureen kunii fi inni itti aanu, warri fakkeenya Yesus hordofuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsu. Yesus abbaa kan hin turre taʼus, bartoota isaa kan barsiisee fi kan leenjise jaalalaan, gad of qabuu fi hubannaadhaan waan taʼeef, warri karaa inni itti barsiise irraa faayidaa argachuu ni dandaʼu. Mee amaloota kana tokko tokkoon haa qorru.

MUCAA KEESSAN JAALLADHAA

3. Yesus bartoota isaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

3 Yesus akka isaan jaallatu bartoota isaatti himuu irraa duubatti hin jenne. (Yohannis 15:9 dubbisi.) Akkasumas, irra deddeebiʼee isaanii wajjin yeroo dabarsuudhaan akka isaan jaallatu argisiiseera. (Mar. 6:31, 32; Yoh. 2:2; 21:12, 13) Yesus barsiisaa isaanii qofa utuu hin taʼin michuu isaanii ture. Kanaafuu, dhugumaan akka isaan jaallatu mirkanaaʼoo turan. Karaa Yesus itti barsiise hordofuu kan dandeessan akkamitti?

4. Ijoolleen kee akka isaan jaallattu mirkanaaʼaa akka taʼan gochuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Ijoollee keessanitti akka isaan jaallattan itti himaa; akkasumas yeroo hunda iddoo guddaa hammamii akka isaaniif kennitan akka hubatan godhaa. (Fak. 4:3; Tit. 2:4) Saamuʼel inni Awustiraaliyaa jiraatu akkana jedheera: “Yommuun mucaa xinnoo turetti, abbaan koo guyyaa hunda galgala galgala kitaaba Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu naaf dubbisa ture. Gaaffiin isa gaafadhu naaf deebisa, na hammata, akkasumas galgala rafuu koo dura na dhungata ture. Yeroo booda abbaan koo kan guddate maatii wal hammachuunii fi wal dhungachuun itti barame keessatti akka hin taane yeroon beeku baayʼeen dinqisiifadhe! Taʼus, jaalala anaaf qabu ibsuuf carraaqqii guddaa godheera. Kanaan kan kaʼes, isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa kanan qabaadhe siʼa taʼu, gammachuu fi nageenyatu natti dhagaʼame.” Ijoollee keessaniin “Sin jaalladha” jechuudhaan isaanis akkuma Saamuʼel akka itti dhagaʼamu gargaaraa. Jaalala guddaa isaaniif qabdan ibsaafii. Isaanii wajjin haasaʼaa, wajjin nyaadhaa, akkasumas wajjin taphadhaa.

5, 6. (a) Yesus namoota jaallatuuf maal godha? (b) Adabni sirrii taʼe ijoolleen nageenya akka qabaatanii fi akka jaallataman akka itti dhagaʼamu kan godhu akkamitti akka taʼe ibsi.

5 Yesus, “Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mulʼisa, barsiisuudhaafis nan adaba” jedheera. * (Mul. 3:19) Yesus bartoonni isaa irra deddeebiʼanii isaan keessaa eenyu akka caalu wal mormaa kan turan taʼus, abdii isaanitti hin kutanne. Gorsa inni isaanii kenne yeroo dagatanittis callisee bira hin dabarre. Jaalalaa fi garraamummaadhaan kakaʼee yeroo fi iddoo mijataa taʼetti sirreeffama akka godhan isaan gorseera.—Mar. 9:33-37.

6 Ijoollee keessan adabuudhaan jaalala isaaniif qabdan ibsaafii. Yeroo tokko tokko sababii wanti tokko sirrii ykn dogoggora itti taʼe ibsuun qofti gaʼaa dha. Yeroo kan biraa immoo mucaan keessan wanta itti himtan hojii irra hin oolchu taʼa. (Fak. 22:15) Haalli akkasii yeroo uumamu fakkeenya Yesus hordofaa. Yeroo fi iddoo sirrii taʼetti, obsaan qajeelfama, leenjii fi sirreeffama isaaf kennuudhaan karaa jaalalaa fi garraamummaa argisiisuun mucaa keessan adabaa. Obboleettiin Afriikaa Kibbaatti argamtuu fi Iilaan jedhamtu akkana jetteetti: “Warri koo adabbii kennuu wajjin haala wal qabateen yaada isaanii hin jijijjiiran turan. Amala hin taane argisiisuun maal akka na irraan gaʼu erga na akeekkachiisanii booda, yeroo hunda wanta jedhan hojii irra oolchu. Taʼus, aariidhaan ykn sababan itti adabamu utuu naaf hin ibsin na hin adaban. Kun immoo nageenyi akka natti dhagaʼamu godheera. Daangaa koo beekeera; wanti na irraa eegamu maal akka taʼes hubadheera.”

AMALA GAD OF QABUU ARGISIISAA

7, 8. (a) Yesus kadhannaa isaa irratti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (b) Kadhannaan isin dhiheessitan ijoolleen keessan Waaqayyotti akka amanaman kan barsiisu akkamitti?

7 Bartoonni Yesus kadhannaa inni, “Yaa abbaa ko wanti hundumtuu siif in dandaʼama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa taʼu malee, waan ani jaalladhu miti” jechuudhaan yeroo dhumaatiif dhiheesse ennaa dhagaʼan ykn yeroo booda ennaa beekan maaltu akka itti dhagaʼame yaadi. * (Mar. 14:36) Jechi Afaan Giriikii “Abbaa ko” jedhamee hiikame jecha ijoolleen bara Yesusitti abbaa isaanii waamuuf itti fayyadamaa turanii fi jaalalaa fi ulfina abbaa isaaniitiif qaban kan argisiisu dha. Duuka buutonni isaa Ilmi Waaqayyoo inni mudaa hin qabne gad of qabee gargaarsa Waaqayyoo argachuuf erga kadhatee isaanis akkas gochuu akka qaban kadhannaa Yesus dhiheesse irraa barumsa akka argatan hin shakkisiisu.

8 Ijoolleen keessan kadhannaa isin dhiheessitan irraa maal baratu? Dhugaa dha, kaayyoon inni guddaan gara Yihowaatti kadhannaa itti dhiheessitan ijoolleen keessan akka irraa barataniif miti. Haa taʼu malee, bakka isaan jiranitti gad of qabuudhaan kadhannaa ennaa dhiheessitan, ijoolleen keessan Yihowaatti amanamuu akka qaban baratu. Aanaan isheen Biraaziil jiraattu akkana jetteetti: “Warri koo rakkinni yommuu uumamu, fakkeenyaaf akaakayyuun ykn akkoon koo ennaa dhukkubsatan jabina haala isaa dandaʼuuf isaan gargaaruu fi ogummaa murtoo gaarii gochuuf isaan dandeessisu akka isaaniif kennu Yihowaa kadhatu. Haalli baayʼee nama dhiphisu ennaa isaan mudatu illee, rakkoowwan isaan mudatan harka Yihowaatti gatanii dhiisu. Kana irraa Yihowaatti amanamuu baradheera.” Ijoollee keessanii wajjin ennaa kadhattan isaaniif qofa hin kadhatinaa. Isiniinis akka gargaaru Yihowaa kadhadhaa; tarii yommuu hogganaa keessan walgaʼii naannootiif boqonnaa gaafattan akka isin gargaaru, yommuu namootaaf lallabdan ija jabina akka isinii kennu ykn karaa kan biraatiin akka isin gargaaru kadhachuu dandeessu. Gad of qabuudhaan Waaqayyotti akka amanamtan argisiisaa; yoo akkas gootan ijoolleen keessanis akkas gochuu baratu.

9. (a) Yesus warra kaan gad of qabuudhaan akka tajaajilan bartoota isaa kan barsiise akkamitti? (b) Warra kaan tajaajiluuf fedhii yoo qabaattan, ijoolleen keessan maal baratu?

9 Yesus dubbiidhaanis taʼe fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, gad of qabuudhaan warra kaan akka tajaajilan bartoota isaa leenjiseera. (Luqaas 22:27 dubbisi.) Tajaajila Yihowaa irrattii fi walitti dhufeenya hidhattoota amantii isaanii wajjin qaban irratti, amala fedhii ofii aarsaa gochuu akka argisiisan ergamoota isaa barsiiseera. Isinis ijoollee keessaniif fakkeenya taʼuudhaan isaan barsiisuu dandeessu. Haadha ijoollee lamaa kan taate Deebiin akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo jaarsa taʼuu isaatiin warra kaanii wajjin ennaa yeroo dabarsu hinaaffaan natti dhagaʼamee hin beeku. Yeroo maatiin keenya xiyyeeffannaa isaa barbaadu kamitti iyyuu xiyyeeffannaa akka nuu kennu nan beeka.” (1 Xim. 3:4, 5) Abbaan manaa ishee Piraanaas itti dabaluudhaan, “Yeroo booda ijoolleen keenya walgaʼiiwwan gurguddaa irrattii fi hojii ijaarsaa tiʼookraasii irratti gargaarsa kennuuf fedhii qabaataniiru. Gammachuu kan qabanii fi hiriyoota gaarii kan qaban turan; akkasumas obbolootaa wajjin taʼuun itti tola ture” jedheera. Yeroo ammaatti guutummaan maatichaa tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuudhaan Yihowaa tajaajilaa jira. Gad of qabuunii fi fedhii ofii aarsaa gochuun keessan, ijoolleen keessan warra kaan tajaajiluun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe akka baratan gochuu dandaʼa.

HUBANNAA QABAADHAA

10. Yesus yeroo namoonni hedduun isa bira dhufanitti hubannaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

10 Yesus wanta ifatti mulʼatu duuba maaltu akka jiruu fi namoonni wanta tokko kan godhan maaliif akka taʼe beekuudhaan hubannaa akka qabu argisiiseera. Yeroo tokko namoota Galiilaa keessatti isa dhaggeeffachaa turan keessaa tokko tokko isa duukaa buʼuuf fedhii kan qaban fakkaata ture. (Yoh. 6:22-24) Haa taʼu malee, Yesus inni garaa namaa beekuu dandaʼu, namoonni sun isa duukaa buʼuu kan barbaadan wanta inni isaan barsiiseen kakaʼanii utuu hin taʼin waan nyaatan waan isaanii kenneef akka ture hubate. (Yoh. 2:25) Wanta dogoggora taʼe kan arge siʼa taʼu, obsaan sirreeffama isaaniif kenneera, akkasumas akkamitti jijjiirama gochuu akka dandaʼan isaaniif ibseera.—Yohannis 6:25-27 dubbisi.

Mucaan keessan tajaajila irratti hirmaachuun isa gammachiisaa? (Keeyyata 11 ilaali)

11. (a) Hubannaan mucaan keessan tajaajilatti kan gammadu taʼuuf dhiisuu isaa beekuuf akkamitti isin gargaaruu akka dandaʼu fakkeenya argisiisu dubbadhu. (b) Mucaan keessan tajaajilatti akka gammadu gochuu kan dandeessan akkamitti?

11 Garaa namaa beekuu kan hin dandeenye taʼus, hubannaa akka qabdan argisiisuu fi mucaan keessan tajaajilaaf miira akkamii akka qabu beekuu ni dandeessu. Warri hedduun ijoolleen isaanii akka aara galfatanii fi akka bashannanan gochuuf tajaajila isaanii gidduutti yeroo gabaabaa fudhatanii shaayii dhugu. Haa taʼu malee, ‘Mucaan koo tajaajilattis ni gammada moo boqonnaa qofatti gammada?’ jettanii of gaafachuudhaan wanta ifatti mulʼatu duuba wanta jiru hubachuu ni dandeessu. Ijoolleen keessan tajaajilatti baayʼee akka hin gammadne yoo hubattan caalaatti akka isaan gammachiisu gochuuf yaalaa. Hiriyaa tajaajilaa keessan isaan godhachuudhaan tajaajila irratti guutummaatti akka hirmaatan mala adda addaatti fayyadamuudhaan isaan gargaaraa.

12. (a) Yesus bartoota isaa waaʼee maalii akeekkachiise? (b) Akeekkachiisni kun bartoota Yesus kan barbaachisu maaliif ture?

12 Yesus dogoggora cubbuutti nama geessu ibsuudhaan hubannaa akka qabu argisiiseera. Fakkeenyaaf, duuka buutonni isaa halalummaan dogoggora akka taʼe beeku turan. Haa taʼu malee, Yesus tarkaanfiiwwan gara halalummaatti geessan ilaalchisee akeekkachiisa akkana jedhu isaaniif kenneera: “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera. Iji kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of keessaa baasii gati.” (Mat. 5:27-29) Bartoonni Yesus namoota Roomaa halalee taʼanii fi taphawwan gocha saalqunnamtii fi dubbiiwwan gadhee taʼaniin guutaman ilaaluu jaallatan gidduu jiraatu turan. Kanaafuu, Yesus jaalalaan kakaʼee wanta waan sirrii taʼe raawwachuun akka itti ulfaatu godhu kam iyyuu ilaaluu irraa akka fagaatan bartoota isaa akeekkachiiseera!

13, 14. Bashannana qulqulluu hin taane irraa ijoollee keessan eeguu kan dandeessan akkamitti?

13 Hubannaan wanta karaa hafuuraa isaan hubu irraa ijoollee keessan eeguuf isin gargaaruu dandaʼa. Yeroo kam iyyuu caalaa yeroo harʼaatti ijoolleen xinnummaa isaaniitii jalqabanii pornoograafii fi wantoota halalummaa babalʼisan kaaniif saaxilamuu dandaʼu. Warri Kiristiyaanota taʼan, bashannanawwan xuraaʼoo taʼan sirrii akka hin taane ijoollee isaaniitti akka himan beekamaa dha. Haa taʼu malee, hubannaa yoo qabaattan pornoograafiin xiyyeeffannaa mucaa keessanii harkisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe beekuuf isin gargaara. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Mucaan koo pornoograafii akka ilaalu wanti isa qoru maal taʼuu dandaʼa? Balaa guddaa kan qabu maaliif akka taʼe beekaa? Tarii yoo pornoograafii ilaaluuf qorame akkan isa gargaaruuf sodaa malee natti dhihaachuun isaaf ni salphataa?’ Ijoolleen keessan baayʼee xixinnoo yoo taʼan illee akkana isaaniin jechuu dandeessu: “Weebsaayitiin halalummaa argisiisu yoo si mudate ykn ilaaluuf yoo qoramte adaraa natti himi. Qaanaʼuu hin qabdu. Si gargaaruun barbaada.”

14 Hubannaan bashannana yeroo filattan akka of eeggattanis isin gargaara. Piraanaas inni olitti caqasame akkana jedheera: “Filannaan nuti warri haadhaa fi abbaa taane muuziqaa, fiilmii ykn kitaabotaa wajjin haala wal qabateen goonu maaticha irratti dhiibbaa qaba. Waaʼee wantoota hedduu waan baayʼee dubbachuu dandeessu; taʼus, ijoolleen keessan wanta raawwattan ilaaluudhaan fakkeenya keessan hordofu.” Ijoolleen keessan yeroo isin bashannana of eeggannoodhaan filattan yommuu argan, isaanis akkuma keessan gochuuf kakaʼuu dandaʼu taʼa.—Rom. 2:21-24.

WAAQNI DHUGAAN ISIN DHAGAʼA

15, 16. (a) Waaqayyo ijoollee keessan akka leenjistan akka isin gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeessan maaliifi? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

15 Maanoʼaan akkaataa ilma isaa itti guddisu ilaalchisee gargaarsa yeroo gaafatetti maaltu taʼe? “Waaqayyo kadhata Maanoʼaa in dhagaʼe.” (Abo. 13:9) Yihowaan isiniinis ni dhagaʼa. Kadhannaa keessan dhagaʼee, ijoollee keessan leenjisuu irratti isin gargaara. Jaalalaan, gad of qabuudhaan, akkasumas hubannaadhaan yoo isaan leenjistan milkaaʼina argachuu ni dandeessu.

16 Yihowaan yeroo warri ijoollee isaanii xixinnoo taʼan leenjisan akkuma isaan gargaaru, ijoollee isaanii warra dargaggoota taʼan yeroo leenjisanis isaan gargaaruu ni dandaʼa. Mata duree itti aanu irratti, ijoolleen keessan warri umurii waggoota kurnanii keessatti argaman, Yihowaa akka tajaajilan yeroo leenjistan akkuma Yesus jaalala, amala gad of qabuu fi hubannaa qabaachuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ KEY. 5 Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti jechi caqasa kana irratti adaba jedhamee hiikame karaa aarii irraa walaba taʼeen qajeelfama, leenjii fi sirreeffama kennuu, yeroo tokko tokko immoo jiilchuu kan dabalatu dha.

^ KEY. 7 Kitaabni Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Iinsaayikloppiidiyaa jedhamu akkana jedheera: “Jechi bara Yesusitti hojii irra oolaa turee fi aabbaa jedhu keessumaa walitti dhufeenya ijoolleen abbaa isaanii wajjin qabanii fi kabaja isaaf qaban kan ibsu dha.”