Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Humna Arrabni Keessan Qabu Wanta Gaariidhaaf Itti Fayyadamaa

Humna Arrabni Keessan Qabu Wanta Gaariidhaaf Itti Fayyadamaa

‘Yaa Waaqayyo wanti ani afaan kootiin dubbadhu, fudhatamaa anaaf haa taʼu.’—FAR. 19:14.

FAARFANNAA: 21, 35

1, 2. Ibiddi humna arrabni qabu argisiisuuf fakkeenya gaarii kan taʼe maaliifi?

JALQABA Onkoloolessa 1871tti, ibiddi seenaa Yunaayitid Isteetis keessatti badii guddaa akka geessise ibsame, daggala gogaa kaaba bahaa Wiiskoonsiinitti argamu barbadeessee ture. Ibiddichi babalʼachuu isaa yommuu itti fufu, arrabni isaa fi hoʼi cimaan isa keessaa baʼu, gara namoota 1,200 ol taʼan ajjeeseera, akkasumas mukeetii biliyoona lamaa ol taʼan gubeera. Ibiddi guddaan kun kan kaʼe qaanqee xinnoo baabura darbaa jiru irraa buʼeen taʼuu dandaʼa. Kun, yaanni Yaaqoob 3:5 irra jiruu fi “Ibiddi hammam xinnaatu illee caakkaa hammam guddatu iyyuu in guba” jedhu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa. Barreessaan Kitaaba Qulqulluu kun akkana jedhee kan dubbate maaliifi?

2 Qabxii guddaan Yaaqoob fakkeenya kanatti fayyadamee dabarsuu barbaade lakkoofsa 6 irratti ifatti kaaʼameera. Caqasichi “Arrabni ibidda” jedha. Arrabni dandeettii dubbachuuf qabnu argisiisa. Akkuma ibiddaa wanti dubbannu miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru” jedha. (Fak. 18:21) Dhugaa dha, badii geessisuu dandaʼa jennee sodaachuudhaan akkuma ibiddatti fayyadamuu hin dhiisne, wanta nama miidhu dubbanna jennee yaaddaʼuudhaan dubbachuu hin dhiisnu. Wanti murteessaa taʼe toʼachuu dandaʼuu dha. Ibidda yoo toʼanne, nyaata keenya bilcheessuuf, qaama keenya hoʼisuu fi halkan yeroo dukkanaaʼu ifa argachuuf itti fayyadamuu dandeenya. Arraba keenya yoo leenjisne, humna arrabni keenya qabu Waaqayyoof ulfina fiduu fi warra kaan fayyaduuf itti gargaaramuu dandeenya.—Far. 19:14.

3. Dubbachuu ilaalchisee wantoota akkamii sadii qorra?

3 Afaan keenyaan dubbachuudhaanis taʼe mallattoo harkaatti fayyadamuudhaan dandeettiin yaadaa fi miira keenya ibsuuf qabnu, kennaa dinqisiisaa Waaqayyo biraa arganne dha. Haa taʼu malee, kennaa kana warra kaan diiguuf utuu hin taʼin, ijaaruuf akkamitti itti fayyadamuu dandeenya? (Yaaqoob 3:9, 10 dubbisi.) Dubbachuu ilaalchisee wanta barbaachisaa taʼe sadii qorra: isaanis, yoom akka dubbannu, maal akka dubbannuu fi akkamitti akka dubbannu dha.

YOOM AKKA DUBBANNU

4. “Calluma jechuun” yoom barbaachisaa akka taʼe fakkeenya kenni.

4 Dubbachuun kutaa jireenya keenyaa keessaa tokko taʼus, yeroo hunda dubbachuu qabna jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, “Calluma jechuun yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:7) Yeroo warri kaan dubbatan calluma jechuun warra kaaniif kabaja akka qabnu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Iyo. 6:24) Wantoota iccitii taʼan akka hin dubbanne arraba keenya toʼachuun keenya, of eeggataa fi hubataa akka taane argisiisa. (Fak. 20:19) Yeroo aarrutti arraba keenya toʼachuun ogummaa dha.—Far. 4:4.

5. Kennaa dubbachuu Waaqayyo nuu kenneef dinqisiifannaa qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

5 Karaa gara biraa immoo Kitaabni Qulqulluun, “dubbachuunis yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:7) Michuun kee tokko kennaa bareedaa yoo siif kenne dhoksitee akka hin keenye beekamaa dha. Kanaa mannaa, akka gaariitti itti fayyadamuudhaan, dinqisiifannaa kee argisiifta. Nutis kennaa dubbachuuf qabnu akka gaariitti itti fayyadamuudhaan, dinqisiifannaa kennaa dubbachuu Yihowaan nuuf kenneef qabnu argisiifna. Kunis miira keenya ibsuu, wanta nu barbaachisu ibsuu, dubbii warra kaan jajjabeessu dubbachuu fi Waaqayyoon galateeffachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. (Far. 51:15) Maarree, ‘yeroo dubbachuuf’ caalaatti gaarii taʼe akkamitti beekuu dandeenya?

6. Kitaabni Qulqulluun dubbachuuf yeroo mijaaʼaa filachuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

6 Yaanni Fakkeenya 25:11, (NW) irra jiru, dubbachuuf yeroo sirrii taʼe filachuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsu siʼa taʼu caqasichi, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka poomii warqii qodaa meetii irra kaaʼamee ti” jedha. Poomiin warqii, mataa isaatti baayʼee bareedaa dha. Taʼus qodaa meetii irra kaaʼamuun isaa immoo caalaatti bareedina isaa isaaf dabala. Haaluma wal fakkaatuun, dubbachuu keenya dura yeroo mijaaʼaa taʼe of eeggannoodhaan filachuun keenya wanti dubbannu caalaatti kan nama hawwatuu fi buʼa qabeessa akka taʼu gochuu dandaʼa. Akkamitti?

7, 8. Obboloonni keenya Jaappaan jiran yeroo sirrii waaʼee duʼaa kaʼuu itti dubbatan filachuudhaan fakkeenya Yesus kan hordofan akkamitti?

7 Dubbiin keenya dhugumaan wanta namoota nu dhaggeeffataniif barbaachisu taʼuu dandaʼa; taʼus dubbachuuf yeroo caalaatti mijaaʼaa taʼe yoo filachuu banne wanti jechuu barbaanne dogoggoraan hubatamuu dandaʼa. (Fakkeenya 15:23 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Bitootessa 2011 kirkirri lafaa fi sunaamiin kutaawwan baha Jaappaan rukutuudhaan magaalota achi jiran hunda haxaaʼee balleessee ture. Namoonni 15,000 ol taʼanis lubbuu isaanii dhabaniiru. Yeroo kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo sana jiran, akkuma namoota naannoo isaanii jiranii kan miidhaman taʼanis, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii namoota gaddan jajjabeessuuf carraa argatan hundatti fayyadamaniiru. Haa taʼu malee, namoonni naannoo sana jiran hedduun amantii Budihistii cimsanii kan hordofan waan taʼaniif waaʼee Kitaaba Qulqulluu xinnoo xinnoo qofa beeku ykn matumaa hin beekan turan. Obboloonni keenya kana waan beekaniif, balaa sana booda namoota gaddaaf saaxilaman sanatti yeruma sana waaʼee duʼaa kaʼuu dubbachuun yeroo sirrii akka hin taane hubataniiru. Kanaa mannaa kennaa dubbachuuf qabanitti fayyadamanii, jajjabina kennuu irratti, akkasumas wantoonni gaddisiisoon akkasii namoota qulqulluu taʼan irra kan gaʼan maaliif akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa ibsa kennuu irratti xiyyeeffatan.

8 Yesus yeroo itti dubbachuu hin qabne beeka ture; haa taʼu malee, dubbachuuf yeroo sirriin isa kam akka taʼes beeka ture. (Yoh. 18:33-37; 19:8-11) Yeroo tokko barattoota isaatiin, “Ani waan baayʼee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan” jedhee ture. (Yoh. 16:12) Dhugaa Baatonni baha Jaappaan jiran fakkeenya Yesus hordofaniiru. Obboloonni kun sunaamiin erga gaʼee waggaa lamaaf walakkaa booda, tiraaktii Oduu Mootummichaa Lakk. 38 mata duree “Namoonni Duʼan Deebiʼanii Jiraachuu Dandaʼuu?” jedhu qabu addunyaa maratti raabsuu irratti hirmaataniiru. Yeroo kanatti namoonni hedduun ergaa gammachiisaa waaʼee duʼaa kaʼuu ibsu irraa jajjabina argachuuf qophaaʼoo waan turaniif, baayʼeen isaanii tiraaktii kana koppii dhuunfaa isaanii gammachuudhaan fudhataniiru. Dhugaa dha, aadaa fi amantiin namootaa garaa garummaa guddaa waan qabuuf, yeroo sirrii itti dubbachuu qabnu filachuu irratti hubannaa qabaachuun nu barbaachisa.

9. Dubbachuuf yeroo sirrii filachuun keenya, wanti dubbannu caalaatti buʼa qabeessa akka taʼu kan godhu haala akkamii keessatti dha?

9 Yeroo sirrii itti dubbannu akka filannu haalawwan nu dirqisiisan akka jiran beekamaa dha. Fakkeenyaaf, namni tokko wanti inni yaada gaariidhaan kakaʼee dubbate illee nu mufachiisuu dandaʼa. Taʼus gama keenyaan dhimma sana ilaalchisee deebii kennuun keenya barbaachisaa taʼuu fi dhiisuu isaa yeroo fudhannee irratti yaaduun keenya hubannaa akka qabnu argisiisa. Dirqama deebii kennuun kan nu barbaachisu yoo taʼe, utuu aarree jirruu tarii immoo ariitiidhaan nama nu mufachiise sanatti dubbachuun keenya ogummaa miti. (Fakkeenya 15:28 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun, waaʼee dhugaa yeroo firoottan keenya Dhugaa Baatota hin taanetti dubbannu hubannaa qabaachuun keenya barbaachisaa dha. Yihowaa akka beekan kan barbaannu taʼus, obsaa fi hubannaa qabaachuu qabna. Dubbii sirrii taʼe yeroo sirrii taʼetti dubbachuun keenya garaa isaanii akka banan gargaaruu dandaʼa.

MAAL AKKA DUBBANNU

10. (a) Jechoota sirrii filachuuf of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi? (b) Dubbii nama miidhu ilaalchisee fakkeenya tokko kenni.

10 Jechoonni, miidhuufis taʼe fayyisuuf humna qabu. (Fakkeenya 12:18 dubbisi.) Addunyaa Seexanaa keessatti jechootatti fayyadamanii nama miidhuun baramaa dha. Bashannanni, namoonni hedduun ‘arraba isaanii akka billaa akka qaratan, dubbii hadhaaʼaas akka xiyyaa iddaatti’ akka akeekkatan isaan kakaasa. (Far. 64:3) Kiristiyaanni tokko gocha miidhaa geessisu kana irraa fagaachuun isa barbaachisa. “Dubbii hadhaaʼaa” keessaa inni tokko cigoo siʼa taʼu, innis dubbii nama waraanuuf akkasumas warra kaan salphisuuf ykn ceephaʼuuf yaadamee dubbatamu dha. Cigoon yeroo baayʼee qoosaadhaaf kan dubbatamu taʼus, utuma baayʼee hin turin dubbii nama salphisuu fi arrabsootti jijjiiramuu dandaʼa. Cigoo hamaan gosa arrabsoo Kiristiyaanonni ‘of irraa fageessuu’ qaban keessaa tokko dha. Qoosaan dubbii keenyaaf miʼaa dabaluu kan dandaʼu taʼus, dubbii nama cabsuu fi cigoo warra kaan miidhu ykn salphisu dubbannee namoota kolfisiisuuf yaaluu irraa fagaachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagaʼuufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin baʼin!” jechuudhaan nu gorsa.—Efe. 4:29, 31.

11. Jechoota sirrii filachuu irratti garaan keenya gaʼee akkamii qaba?

11 Yesus, “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jedhee barsiiseera. (Mat. 12:34) Kanaaf jecha sirrii taʼe filachuun garaa keessaa jalqaba. Dubbiin keenya yeroo baayʼee waaʼee warra kaanii maaltu akka nutti dhagaʼamu argisiisa. Garaan keenya jaalalaa fi gara laafinaan kan guutame yoo taʼe, dubbiin keenya gaarii fi kan nama ijaaru taʼuun isaa hin oolu.

12. Dandeettii jechoota sirrii taʼan filachuuf qabnu akkamitti guddifachuu dandeenya?

12 Jechoota sirrii filachuun sammuu keenya hojjechiisuu fi murtoo sirrii gochuus kan dabalatu dha. Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe illee, ‘dubbii nama gammachiisuu fi dubbii dhugaa barreessuuf’ ‘itti yaadee fi qoree’ ture. (Lal. 12:9, 10) Yeroo baayʼee ‘dubbii nama gammachiisu’ argachuun ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Taanaan, jechoota dabalataa beekuun si barbaachisuu dandaʼa. Karaan kana itti gochuu dandeessu inni tokko, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya keessatti jechoonni akkamitti akka itti hojjetaman hubachuu dha. Jechoota baramaa hin taane hiika isaanii baradhu. Hunda caalaa immoo karaa warra kaan gargaaruun jechoota akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessu baradhu. Walitti dhufeenya Yihowaa fi Ilma isaa isa hangafa gidduu jiru ilaalchisee yaada, “Ani [Yesus] warra dadhabanitti dubbadhee akkan isaan jajjabeessuuf, Waaqayyo gooftaan dubbii barbaachisu dubbachuu na barsiise” jedhu dubbisna. (Isa. 50:4) Yeroo fudhannee wanta dubbachuuf jennu irratti xiinxaluun keenya, jecha sirrii argachuuf nu gargaara. (Yaq. 1:19) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jechoonni kun dhugumaan wanta ani dubbachuu barbaade ni dabarsuu? Jechoonni ani filadhu nama na dhaggeeffatu irratti dhiibbaa akkamii geessisu?’

13. Dubbii salphaatti hubatamu dubbachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

13 Israaʼel keessatti malakanni namoota walitti qabuuf, gargar bittimsuuf, akkasumas loltoota lolaaf kakaasuuf gargaara ture. Kitaabni Qulqulluun malakata afuufuu, dubbii salphaatti hubatamu dubbachuun barbaachisaa taʼuu isaa argisiisuuf fakkeenyaan fayyadamuun isaa sirrii dha. Sagaleen malakataa ergaan isaa hin beekamne raayyaa waraanaa moʼichaan fuulduratti deemaa jiru tokko irra miidhaa geessisuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wanti dubbannu matumaa ifa kan hin taane ykn bira qabamee kan dubbatame yoo taʼe, nama burjaajessuu ykn dogoggorsuu dandaʼa. Dhugaa dha, dubbii keenya gabaabaa fi ifa gochuuf jennee akkuma afaan keenyatti dhufetti ykn tooftaa malee dubbachuu hin barbaannu.—1 Qorontos 14:8, 9 dubbisi.

14. Yesuus dubbii salphaatti hubatamu dubbachuu isaa ilaalchisee fakkeenya tokko kenni.

14 Yesus jecha sirrii filachuu irratti hunda caalaa fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Mee gaggabaaboo taʼanis jechoota humna qabanii fi Yesus Maatewos boqonnaa 5 hanga 7 irratti dubbate haa ilaallu. Yesus jecha nama ajaaʼibsiisu ykn karaa garaa garaa hubatamuu dandaʼuttis taʼe, jecha hamaa ykn nama miidhutti hin fayyadamne. Kanaa manaa, garaa dhaggeeffattoota isaa tuquuf, jechoota ifaa fi salphaa taʼan filateera. Fakkeenyaaf, yaaddoo namoonni nyaata guyyaa guyyaadhaaf isaan barbaachisu argachuuf qaban salphisuuf, Yihowaan simbirroota samii akkamitti akka sooru dubbateera. Achiis, namoota isa dhaggeeffatan simbirrootaa wajjin wal bira qabuudhaan, “Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?” jedhee gaafate. (Mat. 6:26) Kun dubbii jecha salphaa, hubatamuu dandaʼuu fi garaa namaa tuquun dubbatame mitii? Mee amma immoo wanta dubbii keenya keessatti barbaachisaa taʼe isa sadaffaa haa qorru.

AKKAMITTI AKKA DUBBANNU

15. Dubbii gaarii dubbachuu kan qabnu maaliifi?

15 Akkaataan wanta tokko itti dubbannu, akkuma wanta dubbannu sanaa barbaachisaa dha. Yesus mana sagadaa bakka dhalootaa isaa Naazireet jiru keessatti yommuu dubbate, namoonni sun, ‘dubbii gaarii afaan isaa keessaa baʼu dinqifatanii’ turan. (Luq. 4:22) Dubbii gaariin garaa namaa kan gammachiisu taʼuu isaa irra iyyuu, karaa kamiin iyyuu humna arrabni keenya qabu hin busheessu. Dhugaa dubbachuuf dubbii gaariin wanti dubbannu caalaatti namoota akka amansiisu gochuu dandaʼa. (Fak. 25:15) Nutis nama gaarii taʼuu, nama kabajuu fi miira warra kaaniitiif yaaduudhaan, dubbii gaarii dubbachuu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya. Yesus tuutni namootaa sun isa dhaggeeffachuuf carraaqqii gochuu isaanii ilaalee isaaniif gadduudhaan, “waan baayʼees isaan barsiisuutti kaʼe.” (Mar. 6:34) Yesus yeroo arrabsametti illee, dubbii nama miidhu dubbachuuf hin yaalle.—1 Phe. 2:23.

16, 17. (a) Miseensota maatii keenyaa fi michoota keenya gumii keessa jiranii wajjin yommuu dubbannu fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Fakkeenya dubbii gaarii dubbachuun faayidaa akka qabu argisiisu tokko dubbadhu.

16 Namni wajjin dubbannu sun nama akka gaariitti beeknu yoo taʼe, garraamummaa fi malaan dubbachuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Akka barbaannetti dubbachuuf bilisummaa akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Miseensa maatii keenyaa ykn michuu keenya gumii keessa jiruu wajjin yeroo dubbannu akkana gochuu dandeenya. Yesus barattoota isaa wajjin walitti dhihaachuun isaa karaa nama miidhuun dubbachuuf bilisummaa akka isaaf kennu itti dhagaʼamee turee? Matumaa! Duuka buutonni isaa warri isatti dhihaatan, isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmuu isaanii yommuu itti fufan, Yesus mucaa xinnoo tokko fakkeenya gochuudhaan, akkasumas gaarummaadhaan isaan sirreesseera. (Mar. 9:33-37) Jaarsoliin, “hafuura garraamummaatiin” gorsa kennuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandaʼu.—Gal. 6:1.

17 Yommuu namni tokko wanta nama aarsu nutti dubbatutti illee, jecha gaariidhaan deebii kennuun buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. (Fak. 15:1) Fakkeenyaaf, ilmi umurii waggoota kurnanii keessatti argamuu fi haadha qeentee taate qabu tokko jireenya bifa lamaa jiraata ture. Obboleettiin tokko yaada gaariidhaan kakaatee haadha isaa sanaan, “Ilma kee leenjisuu dadhabuun kee baayʼee nama gaddisiisa” jette. Haati isaas xinnoo erga yaaddee booda akkana jettee deebiste: “Yeroo ammaatti haalli isaa gaarii akka hin taane beekamaa dha; taʼus, leenjiin ani isaaf kennu amma iyyuu hin xumuramne. Armaagedoon booda na gaafadhu; yeroo sana waaʼee isaa sirriitti beekna” jettee ishiidhaaf deebiste. Deebiin gaarummaadhaan kenname kun nagaan obboleettota kana gidduu jiru akka hin boorofne kan gargaare taʼuu isaa irra iyyuu, ilma ishii isa haasaa isaanii dhaggeeffachaa ture jajjabeesseera. Mucichi haati isaa akka abdii isatti hin kutanne hubateera. Kun immoo michoota gadhee qabu akka dhiisu isa kakaaseera. Yeroo booda kan cuuphame siʼa taʼu, achiis Betʼel galee tajaajileera. Obboloota keenya, maatii keenyas taʼe namoota hin beeknee wajjin yommuu taanu dubbiin keenya yeroo hunda, ‘gurratti kan tolu, soogiddaanis kan miyaaʼe’ akka taʼu gochuu qabna.—Qol. 4:6.

18. Dubbachuu irratti fakkeenya Yesus hordofuun keenya, humna arrabni keenya qabu wanta gaariidhaaf itti fayyadamuuf kan nu gargaaru akkamitti?

18 Dandeettiin yaadaa fi miira keenya jechaan ibsuuf qabnu dhuguma iyyuu dinqisiisaa dha. Egaa yeroo sirrii taʼe filachuu, jechoota sirrii filachuu fi dubbii gaarii dubbachuuf carraaqqii gochuudhaan fakkeenya Yesus haa hordofnu. Kana yoo goone, humni arrabni keenya qabu namoota nu dhaggeeffatan kan jajjabeessuu fi Yihowaa isa dubbachuu akka dandeenyu kennaa dinqisiisaa nuuf kenne kan gammachiisu taʼa.