Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Ingiliffaa Bara 2013tti Fooyyeffame

Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Ingiliffaa Bara 2013tti Fooyyeffame

WAGGOOTA darbanitti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa siʼa hedduu kan fooyyeffame siʼa taʼu, inni bara 2013tti fooyyeffame garuu hunda irra kan caalu dha. Fakkeenyaaf, yeroo ammaatti baayʼinni jechootaa isa duraa irraa harka 10 hirʼifameera. Jechoonni Kitaaba Qulqulluu ijoo taʼan tokko tokkos fooyyeffamaniiru. Boqonnaawwan tokko tokko gara walalootti kan jijjiiraman siʼa taʼan, miiljaleewwan ibsi dabalataa irratti kennamanis itti dabalamaniiru. Jijjiiramawwan godhaman hunda mata duree kana keessatti ibsuun kan hin dandaʼamne taʼus, mee sirreeffama guguddaa kitaaba kana irratti godhame muraasa haa ilaallu.

Jechoonni Kitaaba Qulqulluu ijoo taʼanii fi jijjiiraman tokko tokko kam faʼi? Akkuma mata duree darbe irratti ibsame hiikni “Siiʼol,” “Haadis,” akkasumas “lubbuu” jedhamaniif kenname fooyyeffameera. Kana malees, jechoonni kan biraan hedduun fooyyeffamaniiru.

Fakkeenyaaf, bakka “gaarummaa jaalalaa” jedhametti “jaalala amanamaa” jedhamee sirriitti hiikameera. Kunis hiika jecha yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti “amanamummaa” jedhamee itti hojjetamee wajjin kan wal simu dha.—Far. 36:5; 89:1.

Jechoonni bakka hedduutti jechuma tokkoon hiikamaa turan tokko tokko, amma akka yaada naannoo caqasichaatti hiikamaniiru. Fakkeenyaaf, jechi Afaan Ibrootaa oholaam jedhamuu fi kanaan dura “yeroo hangana hin jedhamne” jedhamee hiikamaa ture hiika “bara baraaf” jedhus qabaachuu dandaʼa. Mee kun caqasawwan Faarfannaa 90:2 fi Miikiyaas 5:2 hiikuu irratti akkamitti jijjiirama akka fidu ilaalaa.

Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii “sanyii” jedhamee hiikame, yeroo baayʼee afaan lamaanuu keessatti qonnaa wajjin haala wal qabateen, akkasumas fakkeenyaan “dhala” argisiisuuf itti hojjetameera. Maxxansawwan Hiika Addunyaa Haaraa kanaan dura baʼanis taʼan hiikkaawwan afaanota kan biraa Uumama 3:15 dabalatee guutummaatti jecha “sanyii” jedhutti fayyadamu. Haa taʼu malee, akka Afaan Ingiliffaatti jechi “sanyii” jedhu jecha “dhala” jedhuu wajjin haala wal qabateen waan itti hin hojjetamneef, hiikkaan inni fooyyaʼe Uumama 3:15 fi caqasawwan wal fakkaatan kaan irratti jecha “dhala” jedhutti fayyadameera. (Uma. 22:17, 18; Mul. 12:17) Jechi kun iddoo kan biraatti yaada naannoo isaa jiruu wajjin haala wal simuun hiikameera.—Uma. 1:11; Far. 22:30; Isa. 57:3.

Hiikkaawwan kallattiidhaan kaaʼaman hedduun kan sirreeffaman maaliifi? Maxxansi 2013tti fooyyeffame Kutaa Dabalataa A1 irratti hiikkaan Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼe tokko, “kallattiidhaan hiikuun yaada jecha ykn gaalee tokkoo kan jalʼisu ykn hiika isaa kan dhoksu yeroo taʼutti, ergaa dabarfamuu barbaadame sirriitti dabarsuuf yaalii akka godhu” dubbateera. Jechoonni afaan jalqabaatiin dubbii dachaa taʼan afaan kan biraatti hiika kan qaban yoo taʼe kallattiidhaan ni hiikamu. Kanaa wajjin haala wal simuun gaaleen Mulʼata 2:23 irratti “garaa ni qora” jedhamee ibsame afaan hedduutti ergaan isaa kan namaaf galu dha. Haa taʼu malee, caqasuma kana irratti gaaleen “kaleewwan ni qora” jedhu salphaatti kan hubatamu waan hin taaneef, jechi “kaleewwan” jedhu ergaa afaan isa jalqabaa irratti ibsamuu barbaade akka ibsuuf “yaadawwan gad fagoo” jedhamee fooyyeffameera. Haaluma wal fakkaatuun, Keessa Deebii 32:14 dubbiin dachaa kallattiidhaan “cooma kalee qamadii” jedhame, “qamadii filatamaa” jedhamee karaa caalaatti ifa taʼeen hiikameera. Sababiidhuma wal fakkaatuun, gaaleen “hidhiin koo hin kittaanamne” jedhu, afaanota hedduutti akka gaalee “dubbachuun na rakkisa” jedhuutti ifatti hin hubatamu.—Bau. 6:12.

Gaaleewwan “ilmaan Israaʼel,” akkasumas “ilmaan abbaa hin qabne” jedhan, amma “Israaʼeloota,” akkasumas “ijoollee abbaa hin qabne” jedhamanii kan hiikaman maaliifi? Afaan Ibrootaatiin, waaʼeen saalaa yommuu dubbatamu yeroo baayʼee qaamni sun dhiira ykn dubartii taʼuu isaa argisiisa. Haa taʼu male, jechoonni saala dhiiraatiin ibsaman tokko tokko dhiiraa fi dubartii argisiisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, yaada naannoo caqasoota tokko tokkoo irratti gaaleen “ilmaan Israaʼel” jedhu dhiirotaa fi dubartoota kan dabalatu waan taʼeef, gaaleen kun amma iddoo baayʼeetti “Israaʼeloota” jedhamee hiikameera.—Bau. 1:7; 35:29; 2 Mot. 8:12.

Haaluma wal fakkaatuun, Uumama 3:16 maxxansa Hiikkaawwan Addunyaa Haaraa warra duraa irratti Afaan Ibrootaatiin jechi saala dhiiraatiin “ilmaan” jedhamee ture amma “ijoollee” jedhamee hiikameera. Baʼuu 22:24 irratti garuu jechumti kun hiikkaa isa fooyyeffame irratti, “Ijoolleen [Afaan Ibrootaatiin, “ilmaan”] keessanis abbaa kan hin qabne ni taʼu” jedha. Seera buʼuuraa kana iddoowwan kan biraa irrattis hojii irra oolchuudhaan, gaaleen “ilma abbaa hin qabne” jedhu “mucaa abbaa hin qabne” ykn “warra kan hin qabne” jedhamee jijjiirameera. (Kes. 10:18; Iyo. 6:27) Kunis akkaataa Saptuujantiin Giriikii itti hiikee wajjin kan wal fakkaatu dha.

Gochimni Afaan Ibrootaa hedduun karaa salphaa taʼeen kan kaaʼame maaliifi? Karaa guguddaan gochimni Afaan Ibrootaa itti ibsamu lamaan, gocha hin xumuramne kan argisiisuu fi gocha xumurame kan argisiisu dha. Maxxansawwan Hiika Addunyaa Haaraa kanaan dura turan, gochima Afaan Ibrootaa hin xumuramne ykn irra deddeebiʼamee raawwatamu argisiisuuf jecha dabalataa, kan akka “itti fufe” jedhutti fayyadamu. * Gochi tokko xumuramuu isaa argisiisuuf, jechoonni yaada tokko cimsanii ibsuuf gargaaran kanneen akka, “dhugaa dha,” “dirqama,” akkasumas “dhugumaan” jedhan itti hojjetamu turan.

Hiikkaa isa bara 2013tti fooyyaʼe irratti jechoonni dabalataa akkasii hiika sana irratti jijjiirama kan fidan yoo taʼan malee itti hin hojjetamne. Fakkeenyaaf, Waaqayyo irra deddeebiʼee “Ifni haa taʼu!” jedheera jedhanii ibsuun barbaachisaa miti; kanaaf hiikkaa isa fooyyaʼe irratti jechi gocha hin xumuramne argisiisuu fi “jedha” jedhu karaa itti fufiinsa argisiisuun hin hiikamne. (Uma. 1:3) Haa taʼu malee, haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Yihowaan irra deddeebiʼee Addaamiin waan waameef, Uumama 3:9 irratti “irra deddeebiʼee waamuudhaan” jedhamee hiikameera. Walumaa galatti, gochimni Afaan Ibrootaatiin ibsame tokko kan xumurame ykn kan hin xumuramne taʼuu isaa irratti xiyyeeffachuu mannaa gochi isaa karaa salphaa taʼeen ibsameera. Kun immoo yaada Afaan Ibrootaatiin dubbatame hamma dandaʼame gabaabaadhumatti hubachuuf nu gargaara.

Boqonnaawwan hedduun akkaataa bifa walalootiin jalqaba ittiin barreeffamanii wajjin haala wal simuun amma gara walalootti jijjiiramaniiru

Boqonnaawwan hedduun akkaataa walalootiin kan hiikaman maaliifi? Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun jalqaba akkaataa walalootiin barreeffaman. Afaan yeroo ammaatti dubbatamuun walaloon kan beekamu yeroo baayʼee sagalee wal fakkaatuun xumuramuu isaatiini; walaloon Afaan Ibrootaa garuu caalaatti kan beekamu wanta wal fakkaatuu fi wanta wal hin fakkaanne wal bira qabee ibsuudhaani. Afaan Ibrootaatiin walaloon kan barreeffamu jechoota sagalee wal fakkaatu qabaniin xumuruudhaan utuu hin taʼin, akkaataa duraa duuba yaadni isaa itti ibsamuuni dha.

Hiikkaawwan Addunyaa Haaraa kanaan dura baʼan, Kitaabni Iyoobii fi Kitaabni Faarfannaa, afaan jalqaba ittiin barreeffamaniin akka faarfataman ykn salphaatti akka yaadatamuu dandaʼanitti haala walalootiin kan qopheeffaman akka turan argisiisa. Haala kanaan kan qopheeffaman, haala walalootiin qopheeffamuu isaanii argisiisuu fi salphaatti akka yaadataman gochuufi dha. Maxxansa 2013 irratti Kitaabni Fakkeenyaa, Kitaabni Weedduu Weedduu Caaluu fi boqonnaawwan kitaabonni raajii hedduun yeroo ammaa haala walalootiin barreeffamaniiru; kunis kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kun jalqaba irratti haala walalootiin akka barreeffaman, akkasumas wantoota wal fakkaatan ykn wal faallessan akka turan addeessuuf gargaara. Akka fakkeenyaatti Isaayaas 24:2, tokkoon tokkoon toora isaa wantoota wal hin fakkaanne wal bira qabee kan ibsu siʼa taʼu, toorri inni tokko toora isatti aanu irratti murtii Waaqayyoo jalaa eenyu iyyuu milquu akka hin dandeenye ibsa. Caqasawwan akkasii haala walalootiin barreeffamuun isaanii namni dubbisu tokko, namni Kitaba Qulqulluu kana barreesse waanuma tokko irra deddeebiʼee dubbachuuf akka hin taane isa hubachiisu; kanaa mannaa bifa walalootti fayyadamee ergaa Waaqayyoo addeessuuf jedhee ti.

Garaa garummaan barreeffama Afaan Ibrootaa walaloo taʼee fi walaloo hin taane gidduu jiru yeroo hunda ifa taʼuu dhiisuu dandaʼa; kanaaf caqasawwan haala walalootiin barreeffaman ilaalchisee hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu gidduu garaa garummaan jira. Caqasawwan haala walalootiin barreeffaman ilaalchisee murtoon namni hiiku tokko godhu jijjiirama fidu dandaʼa. Caqasawwan tokko tokko haala walaloo hin taaneen kan barreeffaman taʼanis, yaada tokko ibsuuf waan tokkotti fakkeessuudhaan, hiika jechoonni qaban adda addaatti fayyadamuudhaan, akkasumas wantoota lama wal bira qabuudhaan barreessu.

Kutaa haaraan Qabiyyee Kitaabichaa jedhu, walaloo durii keessatti keessumaa immoo Kitaaba Weedduu Weedduu Caalu keessatti, eenyummaa namoota dubbatanii fi saffisaan jijjiiramanii beekuuf gargaara.

Barreeffamoota afaan jalqabaa harkaan garagalfaman qoʼachuun hiikkaa kana irratti jijjiirama akkamii fideera? Hiikni Addunyaa Haaraa inni jalqabaa, barreeffama Maasooreetotaa isa afaan Ibrootaatiin barreeffamee fi barreeffamoota Afaan Giriikii beekamoo Weestikootii fi Hoorti jedhaman irratti kan hundaaʼe dha. Qoʼannaan Kitaabota Qulqulluu bara duriitti harkaan barreeffaman irratti godhamu guddachaa deemuun isaa, caqasawwan Kitaaba Qulqulluu afaan jalqabaatiin barreeffaman tokko tokko caalaatti akka hubataman godheera. Barreeffamoonni Maraa Galaana Soogiddaas argamaniiru. Barreeffamoota Afaan Giriikii harkaan barreeffaman dabalataa irratti qoʼannaan godhameera. Ragaaleen harkaan barreeffaman haaraan akkasii kompiitara keessatti kan argaman taʼuun isaanii, barreeffama Afaan Ibrootaa ykn Afaan Giriikii inni kam caalaatti fudhatama akka qabu garaa garummaa isaa sirriitti beekuuf akka salphatu godheera. Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa argannoowwan kanatti fayyadamee, caqasawwan muraasa irratti qoʼannaa gochuudhaan jijjiirama tokko tokko godheera.

Fakkeenyaaf, 2 Saamuʼel 13:21 irratti, Saptuujantiin Giriikii yaada, “Haa taʼu malee Amnoon ilma isaa isa angafa waan taʼee fi baayʼee waan isa jaallatuuf isa mufachiisuu hin barbaanne” jedhu kan qabate ture. Yaanni kun barreeffama Maasooreetotaa irra waan hin jirreef hiikkawwan Hiika Addunyaa Haaraa kanaan dura baʼan yaada kana itti hin daballe. Haa taʼu malee, Maraan Galaana Soogiddaa yaada kana waan qabuuf, amma isa bara 2013tti fooyyeffame irratti yaanni kun itti dabalameera. Sababiidhuma wal fakkaatuun, maqaan Waaqayyoos Kitaaba Saamuʼel Isa Duraa irratti bakka shanitti iddoo isaatti deebifameera. Qoʼannaan barreeffama Afaan Giriikii irratti godhames, duraa duubni yaada Maatewos 21:29-31 irratti argamu akka jijjiiramu godheera. Kanaaf, jijjiiramawwan tokko tokko kan godhaman barreeffama Afaan Giriikii tokko qofa irratti hundaaʼuudhaan utuu hin taʼin, ragaalee barreeffamoota fudhatama qabanii fi harkaan barreeffaman irratti hundaaʼanii ti.

Jijjiiramawwan olitti ibsaman kun, namoonni Hiikni Addunyaa Haaraa kennaa Waaqayyo isa namootaaf yaada isaa ibsu biraa dhufe akka taʼe godhanii ilaalan, dubbisaa fi hubannaa isaanii akka fooyyeffatan isaan gargaaran keessaa muraasa isaanii ti.

^ KEY. 10 Hiika Addunyaa Haaraa Odeeffannoo Qoʼannaadhaaf Gargaaru Qabu (Ingiliffa) Kutaa Dabalataa 3C mata duree “Gochima Afaan Ibrootaa Gocha Raawwatamaa Jiru Yookiin Gocha Hin Xumuramne Argisiisan” jedhu ilaali.