Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Carraaqqii Gorsa Bu’a Qabeessa Argachuuf Godhamu

Carraaqqii Gorsa Bu’a Qabeessa Argachuuf Godhamu

Carraaqqii Gorsa Bu’a Qabeessa Argachuuf Godhamu

GORSA argachuu barbaannaan, karaawwan gorsa itti argachuu dandeessu hedduun jiru. Daldalaa namoonni akkasumas dhaabbilee hedduun irratti bobba’aaniifi saffisaan babal’achaa jiran keessaa tokko hojii gorsa ofiin of gargaaruuf qophaa’an kennuudha. Biyyoottan hedduu akka Biritaaniyaa, Laatin Ameerikaa, Jaappaaniifi Yuunaayitid Isteetis keessatti kitaabonni ofiin of gargaaruuf qophaa’an gabaarratti baay’ee barbaadamu. Viidiyoowwan, seeminaaronniifi sagantaawwan televijiinii ofiin of gargaaruurratti xiyyeeffatanis namoota biratti baay’ee jaallatamoo ta’aa jiru. Isaanis, namoonni ogeessota xinsammuu, namoota waa’ee gaa’elaarratti gorsa kennan ykn geggeessitoota amantii wajjin utuu hin mari’atin ofumasaaniitii rakkoosaanii hiikuu akka danda’an ibsu. Dhimmawwan akkamiirratti gorsa kennu?

Dhimmawwan waa’ee gammachuu, jaalalaan jiraachuufi akkaataa itti ijoollee guddisan ibsan wantoota bal’inaan beekaman keessaa muraasasaaniiti. Akkasumas waa’ee dhiphinaa, waa’ee gaddaafi miidhaa wal hiikuun geessisu akkamitti mo’uun akka danda’amu ibsan bal’inaan argamu. Kana malees, namoonni hedduun barsiifata garmalee nyaachuufi dhuguu, akkasumas araada tamboo xuuxuu mo’uuf gargaaran ilaalchisee gorsa isaan gargaaru argachuu barbaadu. Gorsi isaan argatan kun bu’aa isaaniif argamsiisaa? Yeroo tokko tokko isaan gargaaruu kan danda’u ta’us, yeroo baay’ee garuu bu’aa isaaniif hin argamsiisu. Kanaaf, gorsa Macaafa Qulqulluu akkas jedhu hordofuun ogummaadha: “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata.”—Fakkeenya 14:15.

Kitaabonni ofiin of gargaaruuf qophaa’an, kitaabota waa’ee ogummaa suura kaasuu, akkaataa herrega itti qabaniifi waa’ee afaanii barsiisanirraa baay’ee addadha. Kitaabonni akkasii, namoonni baasii hedduu utuu hin baasin ogummaa tokko karaa bu’a qabeessa ta’een akka baratan gargaaruu danda’u. Kitaabonni waa’ee hojii, waa’ee gaa’elaa, akkaataa ijoollee itti guddisan ykn waa’ee fayyaa sammuu ibsan garuu isaan kanarraa addadha. Kitaabonni ofiin of gargaaruuf qophaa’an yeroo hedduu namoonni akkaataa jireenyaa tokko ykn falaasama tokko akka hordofan jajjabeessu. Kanaaf akkas jennee of gaafachuun keenya ogummaadha: ‘Gorsa kana kan kenne eenyudha? Maddi odeeffannoo nama gorsa kennee sanaa maalidha?’

Yeroo hedduu hayyoonni kitaabota ittiin of gargaaran qopheessan gorsa kan kennan, odeeffannoo of eeggannoodhaan walitti qabamerraa ta’uu dhiisuu danda’a. Warri tokko tokkommoo, wanta namoonni dhaga’uu barbaadan dubbachuun qarshii hedduu akka isaaniif argamsiisu waan beekaniif, gorsa namoota hedduu biratti fudhatama argachuu danda’u kennu. Kan akkas godhan maaliifi? Biyya tokko keessatti qofa hojiin gama kanaan hojjetamu waggaatti galii doolaara biliyoona saddeetii ol argamsiisa!

Gorsi Kitaabonni Ofiin Of Gargaaruuf Qophaa’an Kennan Hammam Bu’a Qabeessadha?

Gorsawwan ofiin of gargaaruuf qophaa’an kan barbaaddu, yaada si gargaaruu danda’u argachuuf jettee akka ta’e beekamaadha. Ta’us, yeroo tokko tokko gorsa argattu hojiirra oolchuun rakkisaa ta’uu danda’a. Yeroo baay’ee gorsa akkas jedhu kennu: ‘Yaada ni ta’a jedhu yoo qabaatte rakkoo keetiif furmaata argachuu dandeessa. Wanti ati barbaaddu qarshiis ta’u, fayyaa ykn warra kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu, yaada ni ta’a jedhu qabaannaan wantoota kana argachuu ni dandeessa.’ Dhugumaan gorsi akkasii bu’a qabeessadha? Rakkoowwan jireenya keessatti si mudatanii wajjin akka qabsooftuufi haalawwan rakkisoo mo’uuf si gargaaru danda’aa?

Kitaabota waa’ee hariiroo namootaa wajjin qabnu, akkasumas waa’ee gaa’elaa ibsaniifi bal’inaan argaman akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Namoonni maatii gammachuufi tasgabbii qabu akka argatan gargaaraniiruu? Yeroo hundaa ni gargaaru jechuun hin danda’amu. Hayyuun tokko, Laatin Ameerikaa keessatti nama kitaabota ofiin of gargaaruuf oolaniifi waa’ee jaalalaa ibsan qopheessu, yeroo muraasa gidduutti baay’ee jaallatamaa ta’e ilaalchisee, “dubbistoonni hariiroo gaarii qabaachuufi ilaalcha sirrii ofiif qabaachuuf kan danda’an akkamiitti akka ta’e ibsa” jechuudhaan dubbatteetti. Namni kitaaba kana qopheesse akka ibsetti, nama tokkoo wajjin hariiroo gaarii utuu hin qabaatin jiraachuun of ganuu wajjin tokkodha. Kunimmoo, wanti caalaatti barbaachisaa ta’e namni tokko rakkoowwan qabu hubatee furmaata barbaaduuf carraaqqii gochuu mannaa wanta isa gammachiisu gochuusaati jechuudha.

Kitaabonni ofiin of gargaaruuf qophaa’an, gorsawwan gaarii tokko tokko qabaachuu akka danda’an haaluun hin danda’amu. Haata’u malee gorsi isaan kennan balaa kan geessisu ta’uus ni danda’a. Hayyuun tokko dhimma tokkorratti yaadawwan gaarii kennuu danda’us, gorsi inni dhimma garabiraarratti kennu garuu rakkoo sana itti caalchisuu danda’a. Kanaaf, yaadawwan kitaabonni ofiin of gargaaruuf qophaa’an hedduun kennaniifi yeroo baay’ee wal faallessan keessaa inni gaariin kam akka ta’e filachuun rakkisaa ta’a. Gorsa eenyu kennu amantee fudhachuu dandeessaree? Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namni gorsa kana kenne of eeggannoodhaan erga qorannoo godhee boodamoo, ilaalcha mataasaarratti hundaa’eeti? Fedhiin abbaan barruu kun qabeenyaaf ykn beekamummaaf qabu gorsasaarratti hangam dhiibbaa godheera?’

Gama kanaan Macaafni Qulqulluun gorsa yeroon isa hin daangessine qabaachuunsaa mirkaneeffameera. Dhimmawwan kitaabonni ofiin of gargaaruuf qophaa’an irratti yaada kennan qofa utuu hin ta’in, dhimmawwan hedduu kaanirrattis gorsa bu’a qabeessa ta’e kenna. Macaafni Qulqulluun namoonni miliyoonaan lakkaa’aman gorsa, “Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa! Namummaa haaraa . . . uffadhaa!” jedhu hojiirra akka oolchan kakaaseera. (Efesoon 4:23, 24) Macaafni Qulqulluun wantoota rakkoo keenyaaf sababii ta’an sirriitti akka hubannu nu gargaaruusaarrayyuu, rakkoo kana akkamitti hiikuu akka dandeenyu nu barsiisa. Hunda caalaattimmoo, wanta sirrii ta’e gochuuf sababii amansiisaafi bu’a qabeessa ta’e nuu kenna. Matadureen ittaanu dhimma kanarratti ibsa kenna.