Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dinqiidhaan Fayyisuun Hundi Waaqayyorraa Qofa Kan Argamudhaa?

Dinqiidhaan Fayyisuun Hundi Waaqayyorraa Qofa Kan Argamudhaa?

Gaaffii Dubbistootaa

Dinqiidhaan Fayyisuun Hundi Waaqayyorraa Qofa Kan Argamudhaa?

Yihowaan fayyisuuf dandeettii akka qabu beekamaadha. Tajaajiltootasaatiifis humna akka kennu homaa hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, bara ergamootaatti dinqiidhaan fayyisuun kennaawwan addaa hafuura qulqulluun kennaman keessaa tokko ture. Phaawulos ergamaan akkas jedhe barreesseera: “Karaan kennaan hafuuraa adduma addaan nama keessaa mul’atu, hundumaaf bu’aa akka ta’uuf kenname. Isa tokkoof ogummaadhaan dubbachuutu hafuuraan kennameef, . . . isa kaaniif immoo kennaa warra dhukkubsatan fayyisuutu hafuura tokkicha sanaan kennameef, . . . isa kaaniif raajii dubbachuu, . . . isa kaaniif afaan hin beekamneen dubbachuutu . . . kennameef!”—1 Qorontos 12:4-11.

Haata’u malee, Phaawulos ergaama warra Qorontosiif barreesse kanarratti, kennaan hafuura qulqulluu dinqiidhaan fayyisuu akka dhaabatus ibseera. Akkas jedhe: “Kennaa raajii dubbachuu yoo ta’e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta’e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta’e, hafuuf jira.”—1 Qorontos 13:8.

Jaarraa jalqabaatti, dinqiidhaan namoota kan fayyisan Yesusiifi ergamootasaa turan. Yeroo sana gumiin Kiristiyaanaa haaraa waan tureef, dinqiidhaan fayyisuu dabalate kennaawwan hafuura qulqulluu raawwachuun, Waaqayyoof ulfina kan fidu ta’uusaa, gumiin sun Yihowaa biratti fudhatama argachuusaafi ebbisamuusaa argisiisuuf ture. Haata’u malee, gumiin Kiristiyaanaa erga ga’eessa ta’ee ykn erga guddatee booda kennaan dinqii waan hafeef, gumiin Kiristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatama argachuusaa ragaan mul’isu kennaa addaa utuu hin ta’in, amantii cimaa, abdii qabaniifi jaalala isaan argisiisan ta’e. (Yohannis 13:35; 1 Qorontos 13:13) Kanaaf, Dh.K.B. bara 100 kaasee dinqiidhaan fayyisuun, mallattoo gumiin sun Waaqayyo biratti fudhatama argachuusaa mirkaneessu ta’uunsaa hafeera. *

Haata’u malee, ‘Namoonni dinqiidhaan fayyan akka jiran kanan dhaga’u maalifiree?’ jettee gaafatta ta’a. Fakkeenyaaf, gaazexaan tokko waa’ee namicha kaansariitiin qabamee ibsee ture. Namichi kun mataasaa, kaleesaafi lafeesaa keessattillee xannachi ba’ee akka ture dubbata. Ittuma fufee hamma Waaqayyoo dinqiidhaan isatti “dubbatetti” homaa abdii akka hin qabaane ibseera. Gaazexichi, guyyoota muraasa booda garuu namichi kun dhukkubasaarraa akka fayye gabaaseera.

Seenaawwan akkasii yommuu dhageessu akkas jettee of gaafachuunkee gaariidha: ‘Gabaasni kun dhugaadha? Waan namichi kun jedhe ragaa mana yalaattiin mirkaneessuun ni danda’amaa? Namni kun kan fayye fakkaatus, Macaafni Qulqulluun wantoonni dinqiidhaan akka fayye fakkeessan hundi Waaqayyorraa qofa kan argamanidha jedhee barsiisaa?

Keessumaa deebii gaaffii isa dhumaatiif kennameef xiyyeeffannaa kennuu nu barbaachisa. Yesus duuka buutotasaa akkas jedhee akeekkachiiseera: “Raajota sobduu irraa of eeggadhaa . . . Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay’een, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay’ee hojjenneerra mitii?’ anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti, ‘Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mul’inatti isaanitti hima.”—Maatewos 7:15, 21-23.

Caqasa kanarra akkuma hubannutti, dinqiidhaan fayyisuun Waaqayyoo bira qofa utuu hin ta’in qaama biraarras dhufu danda’a. Namoonni maqaa Waaqayyootiin dinqiiwwan raawwanna jedhan akka nu gowwoomsineef, beekumsa sirrii Waaqayyoorraa argamu argachuu, dandeettii yaaduu Waaqayyo nu kennetti fayyadamuufi namoota fedha Waaqayyoo gochaa jiran akkamitti adda baafachuu akka dandeenyu barachuu qabna.—Maatewos 7:16-19; Yohannis 17:3; Roomaa 12:1, 2.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Kanaarra hubachuu akka danda’amutti, ergamoonni yeroo du’anitti dandeettii kennaawwan dinqii dabarsuus kan dhaabate fakkaata; namoonni dinqiidhaan fayyisuuf kennaan addaa kennameef hundi yeroo du’animmoo, kennaawwan hafuura qulqulluu adda ta’an kun guutummaatti hafaniiru.