Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Lammata Dhalachuun Fayyina Argamsiisaa?

Lammata Dhalachuun Fayyina Argamsiisaa?

Lammata Dhalachuun Fayyina Argamsiisaa?

GAAFFII, “Lammata dhalateettaa?” jedhuuf deebii maalii kennita? Sabni Kiristiyaanaa miliyoonaan lakkaa’aman mamii malee “Eeyyee!” jedhanii deebisu. Lammata dhalachuun mallattoo Kiristiyaanonni dhugaa ittiin beekamaniifi karaa tokkicha fayyinni ittiin argamudha jedhanii amanu. Namoonni kun yaada geggeessaan amantii Rooberti Chaarlis Ispiraawul, “Namni tokko lammata dhalachuu baannaan, . . . Kiristiyaana hin jedhamu” jechuudhaan barreessee wajjin walii galu.

Atoo lammata dhalachuun karaa fayyinaatti nama geessudha jettee amantaa? Taanaan, firoonniifi michoonnikee karaa kana argatanii akka irra deddeebi’an gargaaruu akka barbaaddu beekamaadha. Kana gochuuf garuu, garaagarummaa nama lammata dhalateefi hin dhalanne gidduu jiru beekuu isaan barbaachisa. Maarree lammata dhalachuun maal jechuu akka ta’e akkamitti ibsuufii dandeessa?

Namoonni hedduun jechi “lammata dhalachuu” jedhu, nama Waaqayyoofi Kiristosiin tajaajiluuf waadaa cimaa galuudhaan hariiroo haaraa duraan hin qabne isaa wajjin uume kan argisiisudha jedhanii amanu. Galmeen jechootaa tokko akka ibsetti, namni lammata dhalate “Kiristiyaana keessumaa sirna amantii tokko booda, waadaa amantiisaatiif gale deebisee haaresse ykn akka haaraatti mirkaneessedha” jechuudhaan hiika.—Miiryaam-Weebistarsi Koollijeet Dikshinarii—Ilavanzi Eedishin.

Hiikni galmeen jechootaa kun kenne Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faallessu ta’uusaa hubachuunkee si dinqisiisuu hin oolu. Lammata dhalachuu ilaalchisee barumsa sirrii Macaafni Qulqulluun barsiisu beekuu barbaaddaa? Dhimma kana gadi fageenyaan qoruunkee faayidaa akka sii argamsiisu homaa hin shakkisiisu. Maaliif? Lammata dhalachuu ilaalchisee hubannaa sirrii argachuunkee jireenyakeefi ilaalcha gara fuulduraatiif qabdu kan tuqu waan ta’eefidha.

Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?

Jechi lammata dhalachuu jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti kan ibsame Yohannis 3:1-12⁠rratti qofa si’a ta’u, innis maree dinqisiisaa Yerusaalemitti Yesusiifi geggeessaa amantii tokko gidduutti godhamee ture kan ibsudha. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana saanduqa fuula 4⁠rratti argatta. Caqasicha xiyyeeffannaadhaan akka dubbistu si jajjabeessina.

Yesus, seenaa kana keessatti wantoota ‘haaraa dhalachuu’ wajjin walqabatan hedduu ibseera. * Mareen Yesus nama kanaa wajjin godhe gaaffiiwwan gurguddaa shaniif deebii argachuuf nu gargaara:

Haaraa dhalachuun hangam barbaachisaadha?

Haaraa dhalachuun filannoo dhuunfaarratti kan hundaa’edhaa?

Kaayyoonsaa maalidha?

Namni tokko lammata kan dhalatu akkamitti?

Lammata dhalachuun hariiroo namni tokko Waaqayyoo wajjin qaburratti jijjiirama akkamii fida?

Gaaffiiwwan kana tokko tokkoon haa qorru.

[Miiljalee]

^ key. 8 Jechi ‘haaraa dhalachuu’ jedhu 1 Phexros 1:3, 23⁠rratti argama. Jechi kunis, jecha Macaafni Qulqulluun jecha “lammata dhalachuu” jedhu ibsuuf itti fayyadamudha. Jechoonni lamaanuu jecha afaan Giriikii gochima argisiisuufi yannaa’oo jedhurraa kan argamanidha.

[Saanduqa/Fakkii fuula 4rra jiru]

“Lammata Dhalachuu Qabdu”

“Fariisota keessa, namni Niqoodemos jedhamu tokko ture; inni dura-buutuu Yihudootaa ture. Inni kun halkaniin gara Yesus dhufee, ‘Rabbii akka ati barsiisaa taatee Waaqayyo biraa dhufte nuyi beekna; homtinuu yoo Waaqayyo isaa wajjin jiraate malee milikkita ati argisiiftu kana, danda’ee hin argisiisu’ ittiin jedhe. Yesus, ‘Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii [“lammata,” NW] yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u’ jedhee deebiseef. Niqoodemos immoo, ‘Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda’a moo?’ jedhee Yesusin gaafate. Kanaaf Yesus, ‘Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u. Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura. Olii dhalachuun isiniif in ta’a [“lammata dhalachuu qabdu,” NW] siin jechuu kootiif hin dinqifatin. Qilleensi gara fedhetti in qilleensa’a, qilleensa’uu isaa in dhageessa, eessaa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana’ jedhee deebiseef. Niqoodemos deebisee, ‘Kun attamitti ta’uu danda’a?’ jedhee Yesusin gaafate. Yesus deebiseefii, ‘Ati barsiisaa Israa’el kan taate, kana hin beektuu? Dhuguma, dhuguman sitti hima, nuyi isa beeknu in dubbanna, isa argines dhugaa in baana; utuma ta’uu iyyuu isin isa nuyi dhugaa baanu hin fudhattan. Waa’ee isa biyya lafaa isinitti himnaan erga hin amantan ta’ee, waa’ee isa biyya waaqaa yoon isinitti hime immoo attamitti amantu ree?”—Yohannis 3:1-12.