Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Carraa Ilmaan Namootaa Ilaalchisee

Carraa Ilmaan Namootaa Ilaalchisee

Yesusirraa Maal Baranna?

Carraa Ilmaan Namootaa Ilaalchisee

Yesus ilmaan namootaa samiirra akka jiraatan abdii kenneeraa?

Eeyyee kenneera! Innumtiyyuu du’aa ka’ee Abbaasaa wajjin jiraachuuf samiitti ol ba’eera. Haata’u malee, du’aa ka’uusaa dura bartootasaa warra amanamamoo 11n, “Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay’eetu jira; . . . iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema” jedheera. (Yohannis 14:2) Ta’us namoonni gara samiitti ol ba’an muraasadha. Yesus, “Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera” jedhee bartootasaatti himuudhaan dhimma kana ifa godheera.—Luqaas 12:32.

‘Karri xinnayyoon’ samiirratti maal hojjetu?

Yihowaan, namoonni muraasni kun samiirratti Yesusii wajjin kutaa mootummaa tokkoo akka ta’an barbaada. Kana akkamitti beekuu dandeenya? Yesus erga du’aa ka’ee booda mul’ata Yohannis ergamaatti argisiiserratti, namoonni amanamoon muraasni kun, “lafa irratti mo’uuf” akka jiran ibseera. (Mul’ata 1:1; 5:9, 10) Kun misiraachoodha. Wantoota ilmaan namootaa barbaachisan keessaa inni guddaan, mootummaa gaarii argachuudha. Mootummaan Yesusiin geggeeffamu kun maal raawwata? Yesus, “biyya lafaa ishee haaraatti ilmi namaa ulfina isaatiin teessoo irra yommuu taa’u, isin warri na duukaa buutan immoo, teessota kudha lamaan irra teess[u]” jedheera. (Maatewos 19:28) Bulchiinsi Yesusiifi warra isaa wajjin bulchanii, biyya lafaa ‘haaraa’ jechuunis haala Addaamiifi Hewaan cubbuu hojjechuusaanii dura turetti kan deebisudha.

Yesus ilmaan namootaa warra kaaniif abdii akkamii kenne?

Ilmaan namootaa lafarra akka jiraataniif kan uumaman si’a ta’u, Yesus garuu samiirra akka jiraatuuf uumame. (Faarfannaa 115:16) Kanaan kan ka’es Yesus, “Isin kan goodaa kanaa ti, ani immoo kan gubbaa sanaa ti” jedheera. (Yohannis 8:23) Yesus abdii dinqisiisaa ilmaan namootaa gara fuulduraatti lafarratti argatan dubbateera. Yeroo tokko, ‘Garraamonni kan galateeffamanidha, isaan lafa ni dhaalu’oo’ jedheera. (Maatewos 5:5, hiika bara 1899) Yeroo kanatti caqasa faarfannaarratti, ‘Garraamonni garuu lafa ni dhaalu nagaa baay’eettis ni gammadu. Toloonni lafa ni dhaalu isarras barabaraan ni jiraatu’ jechuudhaan barreeffame karaa garabiraa caqasuusaa ture.—Faarfannaa 37:11, 29, hiika bara 1899.

Kanaaf jireenya barabaraa kan argatan, “karra xinnayyoo” warra gara samiitti ol ba’an qofa miti. Yesus abdii namoonni addunyaa kanarratti argamaniifi miliyoonaan lakkaa’aman argatanis dubbateera. Akkas jedhe: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”—Yohannis 3:16.

Waaqayyo rakkoowwan ilmaan namootaa kan balleessu akkamitti?

Yesus, “Yeroon firdii biyya lafa kanaa amma, inni hamaan biyya lafaa kana seerratus amma gad in gatama” jechuudhaan wantoonni rakkina uuman lama akka badan ibseera. (Yohannis 12:31) Tokkoffaa, namoonni Waaqayyo malee jiraataniifi warra kaanirratti rakkina fidan itti faradamee balleeffamu. Lammaffaa, Seexanni waan gad darbatamuuf, ilmaan namootaa gowwoomsuunsaa ni hafa.

Namoonni kanaan dura jiraataniifi waa’ee Waaqayyoos ta’e waa’ee Kiristos barachuufi isatti amanuuf utuu carraa hin argatin du’anoo maal ta’u? Yesus namicha hamaa isa biratti fannifamee tureen, “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedhee itti himeera. (Luqaas 23:43) Namichi sun, namoota miliyoonaan lakkaa’amaniifi Yesus lafa jannata taaturratti du’aa isaan kaasuu wajjin ta’uudhaan waa’ee Waaqayyoo barachuuf carraa argata. Namichi kun garraamotaafi qajeelotaa wajjin ta’uudhaan lafarratti jireenya barabaraa argata.—Hojii Ergamootaa 24:15.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal barsiisa? jedhamu boqonnaa 3fi 7 ilaali *

[Miiljalee]

^ key. 13 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

[Fakkii fuula 11rra jiru]

‘Toloonni lafa ni dhaalu isarras barabaraan ni jiraatu.’—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899