GAAFFII 14
Qabeenya Keetti Ogummaadhaan Fayyadamuu kan Dandeessu Akkamitti?
“Namni bashannana jaallatu ni hiyyooma; namni daadhii wayinii fi zayitii jaallatus hin sooromu.”
“Namni liqeeffates nama isaaf liqeesseef garbicha dha.”
“Isin keessaa namni tokko gamoo ijaaruu yoo barbaade, dura taaʼee maallaqa gaʼaa ittiin ijaaree xumuru qabaachuu isaa beekuuf baasii isaa kan hin shallagne eenyu? Kun taʼuu baannaan garuu, inni buʼuura isaa erga ijaaree booda gamoo sana xumuruu dadhaba; warri ilaalan hundis isatti qoosuu jalqabu; ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee xumuruu dadhabe’ jedhu.”
“Erga namoonni sun nyaatanii quufanii booda, barattoota isaatiin, ‘Wanti tokko illee akka lafatti hin badneef, hambaa irraa hafe hunda walitti qabaa’ jedhe.”