Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 7

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Bara Keenyaa Raajii Akkamii Dubbata?

“Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa . . . wantoonni kun hundi jalqaba ciniinsuu ti.”

Maatewos 24:​7, 8

“Raajonni sobaa hedduun kaʼanii namoota hedduu ni dogoggorsu; hamminni dabalaa waan deemuuf, jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa.”

Maatewos 24:11, 12

“Waraanaa fi oduu waraanaa yommuu dhageessan, hin sodaatinaa; wantoonni kun taʼuu qabu, dhumni sirnichaa garuu hin geenye.”

Maarqos 13:7

“Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa; bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi golfaan ni jiraata; wantoonni nama sodaachisan ni mulʼatu, samii irrattis mallattoowwan guguddaan ni taʼu.”

Luqaas 21:⁠11

“Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu; Waaqa kan sodaatan fakkaatu humna isaa garuu ni ganu.”

2 Ximotewos 3:​1-5