Ximotewos Tokkoffaa 4:1-16

  • Akeekkachiisa barumsa jinniiwwanii ilaalchisee kenname (1-5)

  • Tajaajilaa Kiristoos isa gaarii taʼuu (6-10)

    • Leenjii qaamaa fi Waaqayyoof buluu (8)

  • Barumsa barsiistuuf xiyyeeffannaa kenni (11-16)

4  Haa taʼu malee, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame,* baroota boodaatti namoonni tokko tokko dubbiiwwan nama dogoggorsan warra geggeessaa hafuuraatiin dubbatamaniif,*+ akkasumas barumsa jinniiwwaniitiif xiyyeeffannaa kennuudhaan amantii keessaa akka baʼan ifatti dubbata;  kunis kan taʼu, soba namoonni fakkeessitoota taʼan+ warri qalbiin isaanii akka sibiila diimessaadhaan gubameetti hadoode dubbataniin kan kaʼe dha.  Namoonni kun gaaʼela dhaabbachuu dhowwu;+ akkasumas nyaata namoonni amantii qabanii+ fi dhugaa sirriitti hubatan galateeffatanii akka nyaatan Waaqayyo uume+ akka lagatan ajaju.+  Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha;+ galateeffannaadhaan yoo nyaatame wanti gatamu hin jiru;+  sababiin isaas, karaa dubbii Waaqayyoo fi kadhannaadhaan qulqulleeffameera.  Ati gorsa kana obbolootaaf kennuudhaan, tajaajilaa Kiristoos Yesuus isa gaarii akka taate, akkasumas dubbii amantii fi barumsa gaarii baʼeessa gootee hordofte sana akka sooratte ni argisiista.+  Haa taʼu malee, seenaa sobaa Waaqayyoon mormu, isa akka dubartoonni dullooman dubbatanii irraa fagaadhu.+ Kanaa mannaa, Waaqayyoof buluu galma godhachuudhaan of leenjisi.  Sababiin isaas, leenjiin qaamaa* wanta muraasaaf fayyada; Waaqayyoof buluun garuu, jireenya ammaatiifis taʼe jireenya isa dhufuuf abdii waan qabuuf, wanta hundumaatiif fayyada.+  Dubbiin kun amanamaa fi guutummaatti fudhatamuu kan qabu dha. 10  Nuti jabaannee kan hojjennuu fi carraaqqii cimaa kan goonu kanaafi;+ sababiin isaas, Waaqa jiraataa isa akaakuu namootaa hundumaatiif,+ keessumaa immoo warra amanamoo taʼaniif Fayyisaa+ taʼe abdanna. 11  Ajaja kana kennuu fi barsiisuu kee itti fufi. 12  Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin. Kanaa mannaa, warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantiidhaan, akkasumas qulqullummaadhaan fakkeenya taʼi. 13  Hamman dhufutti uummataaf dubbisuuf,+ gorsuu* fi barsiisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi. 14  Kennaa si keessa jiru isa yeroo qaamni jaarsolii harka isaa si irra kaaʼetti raajiidhaan siif kenname sana hin dagatin.+ 15  Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni. 16  Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.+ Wantoota kanatti cimi; kana yoo goote ofis taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita.+

Miiljaleewwan

Kal., “hafuurri.”
Kal., “hafuurota dogoggorsanii.”
Ykn., “sochiin qaamaa.”
Ykn., “jajjabeessuu.”