Baʼuu 22:1-31

  • Seerawwan Israaʼelotaaf kennaman (1-31)

    • Waaʼee hannaa (1-4)

    • Waaʼee midhaan mancaʼee (5, 6)

    • Waaʼee bakka buusuu fi abbaa qabeenyummaa (7-15)

    • Waaʼee gowwoomsuu (16, 17)

    • Waaʼee waaqeffannaa fi haqaa (18-31)

22  “Namni tokko qotiyyoo yookiin hoolaa hatee yoo qale yookiin yoo gurgure, inni bakka qotiyyoo sanaa qotiyyoo shan, bakka hoolaa sanaa immoo hoolaa afur kiisii haa kaffalu.+  (“Hattuun+ tokko utuu cabsee seenuu rukutamee yoo duʼe, namni dhiiga isaatiin itti gaafatamu hin jiraatu.  Wanti kun erga aduun baatee booda yoo raawwatame garuu, namni isa ajjeese dhiiga isaatiin itti gaafatama.) “Inni kiisii kaffaluu qaba. Homaa hin qabu taanaan, wanta hate sana kaffaluuf innumti haa gurguramu.  Qotiyyoos taʼe harree yookiin hoolaa wanti inni hate sun qabeenya isaa keessatti lubbuudhaan yoo argame, namichi wanta sana dachaa godhee kiisii haa kaffalu.  “Namni tokko horiiwwan isaa maasii yookiin maasii wayinii keessa utuu dheechisuu, maasii nama kan biraa akka dheedan yoo godhe, namichi maasii isaa yookiin maasii wayinii isaa irraa isa hundumaa caalu kennuudhaan kiisii haa kaffalu.  “Ibiddi kaʼee harangamaa* qabatee babalʼachuudhaan bissiin* midhaanii yookiin midhaan hin haamamne yookiin maasiin tokko akka gubatu yoo godhe, namichi ibidda qabsiise sun wanta gubate sanaaf kiisii haa kaffalu.  “Namni tokko namni kan biraan maallaqa yookiin miʼa akka isaaf kaaʼu yoo itti kennatee fi wantoonni kun mana namichaa keessaa yoo hataman, hattuun sunis yoo argame, wanta hate sana dachaa lama godhee kiisii haa kaffalu.+  Hattuun sun yoo argamuu baate garuu, abbaan manichaa harka isaa miʼawwan namichaa irra kaaʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf, Waaqa dhugaa duratti haa dhiheeffamu.+  Qabeenya seeraan ala fudhatame hundumaa, jechuunis qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookiin wanta bade kam iyyuu ilaalchisee namni tokko, ‘Kun kan koo ti!’ yoo jedhe, lamaan isaanii iyyuu dhimma isaanii Waaqa dhugaa duratti haa dhiheeffatan.+ Namni Waaqayyo yakkamaa akka taʼe itti murteesses wanta bade sana dachaa godhee namichaaf kiisii haa kaffalu.+ 10  “Namni tokko harree yookiin qotiyyoo yookiin hoolaa yookiin beelada kam iyyuu akka isaaf eegu nama kan biraatti yoo kennatee fi horiin sun yoo duʼe yookiin baayʼee yoo miidhame yookiin namni tokko illee utuu hin argin oofamee yoo fudhatame, 11  namichi qabeenya nama sanaa irra harka isaa akka hin keenye Yihowaa duratti isaaf haa kakatu; abbaan qabeenyaa sunis wanta inni jedhe haa amanu. Namichis kiisii hin kaffalu.+ 12  Horiin sun isa jalaa yoo hatame garuu, namichi abbaa horii sanaatiif kiisii haa kaffalu. 13  Horii sana bineensi yoo ciccire immoo, namichi ragaadhaaf akka taʼutti isa haa fidu. Wanta bineensi ciccireef kiisii hin kaffalu. 14  “Haa taʼu malee, namni tokko nama kan biraa irraa horii tokko yoo ergifatee fi abbaan horii sanaa utuu bira hin jiraatin horiin sun miidhaa cimaan yoo irra gaʼe yookiin yoo duʼe, namichi isa ergifate sun kiisii kaffaluu qaba. 15  Abbaan horii sanaa isa bira yoo jiraate garuu, namichi kiisii hin kaffalu. Horiin sun kiraadhaan yoo fudhatame, gatiin kiraa sun kiisii taʼee kaffalama. 16  “Namni tokko durba hin kaadhimatamne sossobee ishii wajjin yoo ciise, ishiin haadha manaa isaa akka taatuuf gabbara haa kaffalu.+ 17  Abbaan ishii matumaa ishii isaaf kennuu yoo dide, namichi gatii gabbaraa sana haa kaffalu. 18  “Falfaltuun lubbuudhaan akka jiraattu hin godhin.+ 19  “Namni horii wajjin saalqunnamtii raawwatu kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ 20  “Yihowaadhaaf qofa malee namni waaqolii akkamiitiif iyyuu aarsaa dhiheessu hundi haa balleeffamu.+ 21  “Isinis biyya Gibxii keessatti nama biyya ormaa waan turtaniif,+ ati nama biyya ormaa irratti daba hin raawwatin yookiin isa hin cunqursin.+ 22  “Dubartii abbaan manaa irraa duʼe yookiin mucaa abbaa hin qabne* kam iyyuu hin cunqursinaa.+ 23  Ati yoo isa cunqursitee fi innis gara kootti yoo iyye, ani dhugumaan iyya isaa nan dhagaʼa;+ 24  aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaan isin nan ajjeesa; haadhotiin manaa keessan dubartoota abbaan manaa irraa duʼe ni taʼu; ijoolleen keessanis ijoollee abbaa hin qabne ni taʼu. 25  “Saba koo keessaa nama hiyyeessa* taʼee fi sii wajjin jiraatu tokkoof maallaqa yoo liqeessite, akka nama dhalaan liqeessuu isatti hin taʼin. Dhala isa hin kaffalchiisinaa.+ 26  “Nama wanta tokko si irraa liqeeffateef qabsiisa gootee uffata isaa yoo qabatte,+ yommuu aduun lixxu uffaticha isaaf deebisi. 27  Sababiin isaas, uffanni inni of* irra buufatu kanuma qofa dha; taʼuu baannaan inni maal uffatee rafa?+ Ani gara laafessa* waanan taʼeef, inni yommuu gara kootti iyyu, dhugumaan isa nan dhagaʼa.+ 28  “Waaqayyoon hin abaarin;+ geggeessaa* saba kee gidduu jirus hin abaarin.+ 29  “Oomisha kee isa hedduu taʼee fi cuunfaa* kee isa irraa hafee dhangalaʼu irraa kennaa dhiheessuuf duubatti hin jedhin.+ Ilmaan kee keessaa isa angafaa anaaf ni kennita.+ 30  Qotiyyoo fi hoolaa kee ilaalchisee akkana godhi:+ Guyyaa torbaaf haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaattis anaaf ni kennita.+ 31  “Isin anaaf saba qulqulluu taʼaa;+ foon horii bineensi dirree keessatti ciccire kam iyyuu hin nyaatinaa.+ Foonicha sarootaaf darbadhaa.

Miiljaleewwan

Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
Jechuunis, nadoon ykn ladoon.
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Ykn., “rakkataa.”
Kal., “gogaa.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “bulchaa.”
Jechuunis, cuunfaa zayitii fi cuunfaa wayinii.