Faarfannaa 105:1-45
-
Gochawwan Yihowaan saba isaatiif raawwate
105 Yihowaadhaaf galata galchaa,+ maqaa isaa waammadhaa;Gochawwan isaas saboota gidduutti beeksisaa!+
2 Isa faarfadhaa, faarfannaa galataa isaaf dhiheessaa;*Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo taʼan hundumaa irratti yaadaa.*+
3 Maqaa isaa isa qulqulluudhaan boonaa.+
Garaan warra Yihowaa barbaaddatanii haa gammadu.+
4 Yihowaa fi jabina isaa barbaaddadhaa.+
Yeroo hunda fuula isaa barbaaddadhaa.
5 Hojiiwwan dinqisiisoo inni raawwate,Dinqiiwwan isaa fi murtiiwwan inni dabarse yaadadhaa;+
6 Isin warri sanyii tajaajilaa isaa Abrahaam taatan,+Isin ilmaan Yaaqoob warri isaaf filatamtan+ kana yaadadhaa.
7 Inni Waaqa keenya Yihowaa dha.+
Murtiiwwan isaas guutummaa lafaa irratti ni mulʼatu.+
8 Inni kakuu isaa bara baraaf,Waadaa gales* dhaloota kumaaf ni yaadata;+
9 Inni kakuu Abrahaamii wajjin gale,+Kakaa Yisihaaqiif kakates ni yaadata;+
10 Isa Yaaqoobiif labsii godhee,Israaʼeliifis kakuu dhaabbataa godhee hundeesse ni yaadata;
11 Inni, “Ani biyya KanaʼaanDhaala siif ramadame godhee siif nan kenna” jedheera.+
12 Kanas kan dubbate yeroo lakkoofsi isaanii xinnoo turetti,+Eeyyee, yeroo baayʼee xinnoo turettii fi yeroo isaan biyyattii keessatti namoota biyya ormaa turanitti dha.+
13 Isaan saba tokko irraa gara saba kaaniitti,Mootummaa tokko irraas gara uummata kaaniitti jooran.+
14 Inni namni kam iyyuu akka isaan cunqursu hin heyyamne;+Kanaa mannaa, isaaniif jedhee mootota ni akeekkachiise;+
15 “Warra ani dibe hin tuqinaa;Raajota koo irrattis wanta hamaa tokko illee hin raawwatinaa” jedhe.+
16 Biyyattii irratti beelli akka buʼu godhe;+Karaa nyaata ittiin argatan ni cufe.*
17 Nama tokko isaan dura ni erge,Innis Yoseef isa garbicha akka taʼuuf gurgurame sana dha.+
18 Isaanis miila isaa hidhaa sibiilaatiin hidhan,*+Morma isaas sibiila gidduu galchan;*
19 Hamma yeroon dubbiin isaa itti raawwatamu gaʼutti,+Wanti Yihowaan dubbate isa qulqulleesse.
20 Isa hiiksisuuf mootiin dhaamsa ni erge,+Bulchaan uummataa bilisa isa baase.
21 Innis mana isaa irratti gooftaa,Qabeenya isaa hundumaa irrattis bulchaa isa godhe.+
22 Kunis kan taʼe, akkuma barbaadetti* bulchitoota isaa irratti aangoo akka qabaatuuf,*Maanguddoota isaas ogummaa akka barsiisuufi.+
23 Achiis Israaʼel gara Gibxii ni dhufe,+Yaaqoobis nama biyya ormaa taʼee biyya Kaam keessa jiraate.
24 Waaqayyo sabni isaa baayʼee akka horan godhe;+Diinota isaanii caalaas jajjaboo akka taʼan godhe;+
25 Tajaajiltoota isaa irratti mala akka qopheessaniif,Garaan diinota isaanii jijjiiramee saba isaa akka jibbu godhe.+
26 Inni tajaajilaa isaa Musee,Aaron isa filate sanas ni erge.+
27 Isaanis mallattoowwan isaa isaan gidduutti,Dinqiiwwan isaas biyya Kaam keessatti ni raawwatan.+
28 Inni dukkana ni erge, biyyattiinis ni dukkanoofte;+Isaan dubbii isaa irratti hin fincille.
29 Bishaan isaanii gara dhiigaatti jijjiireeQurxummiiwwan isaanii ajjeese.+
30 Kutaawwan mana mootii illee dabalateeBiyyi isaanii raachaan ni guutamte.+
31 Akka isaan weeraraniif qarxaasaawwan,Naannoowwan isaanii hundumaa keessattis bookeewwan ni erge.+
32 Bokkaa isaanii gara cabbiitti jijjiire;Biyya isaanii irrattis bakakkaa* erge.+
33 Mukeetii wayinii fi mukeetii harbuu isaanii ni rukute,Mukeetii naannoo isaanii keessa jiranis ni caccabse.
34 Awwaannisni, awwaannisni xixinnoon lakkoofsa hin qabnes,Akka isaan weeraran ajaje.+
35 Isaanis biqiltoota biyyattii keessatti argaman hundumaa,Oomisha lafattiis nyaatanii fixan.
36 Achiis angafoota biyya isaanii keessa jiran,Warra firii jalqaba jabina isaanii taʼan hundumaa ni rukute.+
37 Sabni isaa meetii fi warqii fudhatanii akka baʼan godhe;+Gosoota isaanii keessaa kan gufate tokko illee hin turre.
38 Warri Gibxii akka malee Israaʼelota* sodaatanii waan turaniif,+Yommuu isaan baʼan baayʼee gammadan.
39 Isaan golguuf duumessa isaan irratti diriirse,+Halkanis ifa isaaniif kennuuf ibidda erge.+
40 Yommuu isaan foon gaafatan, simbirroo* isaaniif kenne;+Samii irraa nyaata isaaniif kennuudhaanis isaan quubsa ture.+
41 Qarsaa ni bane, bishaanis ni yaaʼe;+Bishaanichi lafa onaa keessa akka lagaatti ni yaaʼe.+
42 Kanas kan godhe, waadaa qulqulluu isa tajaajilaa isaa Abrahaamiif gale sana waan yaadateefi.+
43 Kanaafuu, sabni isaa gammachuudhaan,Warri isaaf filatamanis ililchuudhaan akka baʼan godhe.+
44 Biyya sabootaa isaaniif ni kenne;+Isaanis wanta namoonni kaan itti dadhabanii oomishan ni dhaalan;+
45 Kanas kan godhe heerawwan isaa akka eeganiif,+Seerawwan isaatiifis akka ajajamaniif ture.
Yaahiin jajadhaa!*
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “hundumaa dubbadhaa.”
^ Ykn., “muuziqaa isaaf qopheessaa.”
^ Kal., “Dubbii ajajes.”
^ Kal., “Ulee daabboo isaanii ni cabse.” Tarii kun uleewwan daabboo kuusuuf oolan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
^ Kal., “ni cunqursan.”
^ Ykn., “Lubbuun isaa sibiila keessa gale.”
^ Ykn., “akkuma lubbuu isaatti toletti.”
^ Kal., “bulchitoota isaa akka hidhuuf.”
^ Ykn., “labooba ibiddaa.”
^ Kal., “isaan.”
^ Simbira xinnoo furdoo taatee fi 18 cm dheerattu. Foon ishii kan nyaatamu.
^ Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.