Faarfannaa 150:1-6
150 Yaahiin jajadhaa!*+
Iddoo isaa isa qulqulluu keessatti Waaqayyoon jajadhaa.+
Samii isa jabina isaa mulʼisu* keessatti isa jajadhaa.+
2 Hojiiwwan isaa warra jajjaboo taʼaniif isa jajadhaa.+
Guddina isaa isa gita hin qabneef isa jajadhaa.+
3 Sagalee xurumbaa+ dhageessisuudhaan isa jajadhaa.
Meeshaa muuziqaa ribuu qabuu fi baganaadhaan+ isa jajadhaa.
4 Dibbeedhaan,+ walitti marsitanii shubbisaas isa jajadhaa.
Meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi ululleedhaan*+ isa jajadhaa.
5 Siimbaalii* sagalee guddaa qabuun isa jajadhaa.
Siimbaalii walitti rukutamuun+ isa jajadhaa.
6 Wanti hafuura baafatu hundi Yaahiin haa jajatu.
Yaahiin jajadhaa.*+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
^ Ykn., “jabina isaatiif ragaa baʼu.”
^ Ykn., “faaggaadhaan.”
^ Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.
^ Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.