Faarfannaa 4:1-8

  • Kadhannaa Waaqa amanachuu ilaalchisee dhihaate

    • “Dheekkamaa, garuu cubbuu hin hojjetinaa” (4)

    • ‘Nagaadhaan nan rafa’ (8)

Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Daawit. 4  Yaa Waaqa koo isa qajeelaa,+ yeroon si waammadhu deebii naaf kenni. Yeroo dhiphina kootti karaan itti miliqu* naaf qopheessi. Gaarummaa natti argisiisi, kadhannaa koos dhagaʼi.   Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti jijjiirtu? Wanta gatii hin qabne kan jaallattan, wanta soba taʼes kan barbaaddan hamma yoomiitti? (Seelaa)   Yihowaan isa isaaf amanamaa taʼe karaa adda taʼeen akka qabu* beekaa;Yeroon isa waammadhu Yihowaan na dhagaʼa.   Dheekkamaa, garuu cubbuu hin hojjetinaa.+ Wanta dubbattan siree keessan irra utuu jirtanii garaa keessanitti dubbadhaa; calluma jedhaas. (Seelaa)   Aarsaawwan qajeelummaa dhiheessaa,Yihowaattis amanamaa.+   Namoonni hedduun, “Eenyutu wanta gaarii nutti argisiisa?” jedhu. Yaa Yihowaa, ifni fuula keetii nu irratti haa ifu.+   Ati warra oomisha midhaanii fi wayinii haaraa hedduu galfatan caalaa,Garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteetta.   Yaa Yihowaa, tasgabbiidhaan akkan jiraadhu kan godhu si qofa waan taʼeef,+Ani nagaadhaan nan ciisa, nan rafas.+

Miiljaleewwan

Kal., “iddoo balʼaa.”
Ykn., “adda akka baasu; ofii isaatiif akka foʼatu.”