Faarfannaa 67:1-7
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa.
67 Waaqayyo gaarummaa nutti argisiisa, nu eebbisas;Inni fuula isaa nu irratti ibsa;+ (Seelaa)
2 Kunis, daandiin kee guutummaa lafaa irratti,Gochawwan fayyinaa kees saboota hundumaa gidduutti akka beekamuufi.+
3 Yaa Waaqayyo, namoonni si haa jajatan;Namoonni hundi si haa jajatan.
4 Ati haqaan namootaaf murtii waan kennituuf,+Saboonni haa gammadan, haa ililchanis.+
Ati saboota lafa irra jiraatan ni geggeessita. (Seelaa)
5 Yaa Waaqayyo, namoonni si haa jajatan;Namoonni hundi si haa jajatan.
6 Lafti oomisha ishii ni kenniti;+Waaqayyo, Waaqni keenya nu eebbisa.+
7 Waaqayyo nu eebbisa,Guutummaan andaara lafaas isa ni sodaata.*+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “isaaf ulfina ni kenna.”