Faarfannaa 74:1-23

  • Kadhannaa Waaqni saba isaa akka yaadatu dhihaate

    • Gochawwan fayyinaa Waaqaa yaadachuu (12-17)

    • ‘Arrabsoo diinaa yaadadhu’ (18)

Maaskiil.* Faarfannaa Asaaf.+ 74  Yaa Waaqayyo, bara baraaf maaliif nu gatte?+ Aariin kee hoo hoolota iddoo dheedichaa keetii irratti maaliif bobaʼa?*+   Saba* bara dheeraa dura argatte,+Gosa dhaala kee gootee furte yaadadhu.+ Gaara Xiyoon isa keessa jiraatte sana yaadadhu.+   Adeemsa kee gara iddoo guutummaatti diigameetti qajeelchi.+ Diinni wanta iddoo qulqulluu keessa jiru hundumaa balleesseera.+   Diinonni kee iddoo walgaʼii* kee keessatti baroodaniiru.+ Faajjiiwwan isaaniis akka mallattootti achi dhaabaniiru.   Isaan akka namoota bosona yabbuu irratti qottoo kaasanii ti.   Bocawwan+ sana hundumaa qottoo fi danqaraa sibiilaatiin caccabsaniiru.   Iddoo qulqulluu kee ibiddaan gubaniiru.+ Godoo qulqulluu maqaa kee itti waamamu lafatti gatanii xureessaniiru.   Isaanis taʼan sanyiin isaanii garaa isaaniitti,“Iddoowwan walgaʼii Waaqayyoo* warri biyyattii keessa jiran hundi gubachuu qabu” jedhu.   Mallattoon arginu hin jiru;Kana booda raajiin hin jiraatu,Nu keessaa namni wanti kun yeroo hammamiitiif akka turu beekus hin jiru. 10  Yaa Waaqayyo, hamajaajiin hamma yoomiitti qoosa?+ Diinni hoo bara baraaf maqaa kee salphisaa jiraataa?+ 11  Harka kee, eeyyee harka kee mirgaa maaliif dachaasta?+ Harka kee bobaa kee* jalaa baasiitii isaan balleessi. 12  Waaqayyo garuu bara duriitii jalqabee Mootii kooIsa lafa irratti gochawwan fayyinaa raawwatu dha.+ 13  Ati jabina keetiin galaana sochoosteetta;+Mataa uumamawwan galaanaa guguddaa bishaanota keessatti caccabsiteetta. 14  Mataawwan Lewaataan* caccabsiteetta,Isas namoota gammoojjii keessa jiraataniif nyaata gootee kenniteetta. 15  Burqaawwanii fi lageeniif afaan tolchiteetta;+Lageen yeroo hunda yaaʼan gogsiteetta.+ 16  Guyyaanis taʼe halkan kan kee ti. Ifas* taʼe aduu tolchiteetta.+ 17  Daangaawwan lafaa hundumaa keesseetta;+Bonaa fi ganna tolchiteetta.+ 18  Yaa Yihowaa, arrabsoo diinaa fiGowwoonni hammam maqaa kee akka salphisan yaadadhu.+ 19  Lubbuu gugee bosonaa keetii bineensota bosonaatti dabarsitee hin kennin. Lubbuu saba kee warra cunqurfamaniis bara baraaf hin irraanfatin. 20  Iddoowwan dukkanaa lafa irratti argaman hamminaan waan guutamaniif,Kakuu sana yaadadhu. 21  Inni caccabe abdii kutatee duubatti hin deebiʼin;+Rakkataa fi hiyyeessis maqaa kee haa jajatan.+ 22  Yaa Waaqayyo kaʼi, dhimma seeraa kee irrattis falmi. Inni gowwaan guyyaa guutuu hammam akka si arrabsu yaadadhu.+ 23  Wanta diinonni kee jechaa jiran hin irraanfatin. Wacni warra si tuffataniis utuu wal irraa hin citin ol baʼaa jira.

Miiljaleewwan

Kal., “aara.”
Kal., “Yaaʼii kee isa.”
Ykn., “yaaʼii.”
Ykn., “Iddoowwan Waaqayyo itti waaqeffatamu.”
Ykn., “dachaʼaa uffata kee.”
Ykn., “Madda ifaas.”