Faarfannaa 75:1-10
-
Waaqni haqaan murteessa
-
Hamoonni xoofoo Yihowaa ni dhugu (8)
-
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
75 Galata siif galchina, yaa Waaqayyo, galata siif galchina;Maqaan kee nu bira jira,+Namoonnis hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan ni labsu.
2 Ati akkana jetta: “Murtiidhaaf ergan yeroo ramadee booda,Haqaan murtii nan kenna.
3 Laftii fi jiraattonni ishii hundi yommuu baqanitti,Utubaawwan ishii kan cimse ana dha.” (Seelaa)
4 Isa of jajuun, “Of hin jajin” nan jedha.
Isa hamaadhaanis akkanan jedha: “Jabina* kee ol hin kaasin.
5 Jabina* kee gara gubbaatti ol hin kaasinYookiin of tuulummaadhaan hin dubbatin.
6 Sababiin isaas, ulfinni namaaBaha irraa yookiin dhiha irraa yookiin kibba irraa hin dhufu.
7 Waaqayyo Abbaa Murtii ti.+
Inni nama tokko gad ni buusa, isa kan biraa immoo ol ni kaasa.+
8 Xoofoon tokko harka Yihowaa keessa jira;+Daadhiin wayinii hoomacha baasaa jira, guutummaattis kan walitti makame dha.
Inni dhugumaan isa ni dhangalaasa,Hamoonni lafa irra jiraatan hundis siicoo isaa wajjin isa ni dhugu.”+
9 Ani garuu bara baraaf isa nan labsa;Waaqa Yaaqoobiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*
10 Sababiin isaas inni, “Jabina* hamootaa hundumaa nan kuta,Jabinni* nama qajeelaa garuu ol ni kaafama” jedheera.
Miiljaleewwan
^ Kal., “Gaanfa.”
^ Kal., “Gaanfa.”
^ Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
^ Kal., “Gaanfa.”
^ Kal., “Gaanfa.”