Faarfannaa 85:1-13

  • Kadhannaa iddootti deebiʼuuf dhihaate

    • Waaqayyo warra amanamoo taʼanitti nagaa dubbata (8)

    • Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan wal argatu (10)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa. 85  Yaa Yihowaa, biyya keetti gaarummaa argisiisteetta;+Ijoollee Yaaqoob warra boojuudhaan fudhatamanii turan deebisteetta.+   Balleessaa saba keetii irra darbiteetta;Cubbuu isaanii hundumaa isaaniif dhiisteetta.*+ (Seelaa)   Aarii kee hundumaa toʼatteetta;Dheekkamsa kee isa bobaʼu irraas deebiteetta.+   Yaa Waaqa fayyinaa keenyaa, iddoo keenyatti nu deebisi,*Nutti gadduu kees dhiisi.+   Bara baraaf akka malee nutti aartaa?+ Dheekkamsi kee hoo dhalootaa hamma dhalootaatti akka itti fufu ni gootaa?   Sabni kee akka sitti gammaduuf,Deebistee nu hin bayyanachiistuu?+   Yaa Yihowaa, jaalala kee isa amanamaa nutti argisiisi,+Fayyinas nuuf kenni.   Inni saba isaa warra isaaf amanamoo taʼanitti nagaa waan dubbatuuf,+Ani wanta Yihowaan inni Waaqa dhugaa taʼe jedhu nan dhagaʼa;Garuu isaan akka malee ofitti amanamuutti hin deebiʼin.+   Ulfinni isaa biyya keenya keessa akka buufatuuf,Fayyisuun isaa warra isa sodaatanitti dhugumaan dhihoo dha.+ 10  Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan wal argatu;Qajeelummaa fi nagaan wal dhungatu.+ 11  Amanamummaan lafa keessaa ni biqila,Qajeelummaanis samiiwwan irraa gad ni ilaala.+ 12  Eeyyee, Yihowaan wanta gaarii* taʼe ni kenna,+Lafti keenyas oomisha ishii ni laatti.+ 13  Qajeelummaan isa dura ni deema,+Adeemsa isaatiifis daandii ni qopheessa.

Miiljaleewwan

Kal., “haguugdeetta.”
Ykn., “deebisii walitti nu qabi.”
Ykn., “badhaadhina.”