Fakkeenya 22:1-29

  • Maqaa gaariin qabeenya guddaa irra wayya (1)

  • Daaʼimummaatti leenjii argachuun umurii guutuu fayyada (6)

  • Namni dhibaaʼaan “leenci ala jira” jedhee sodaata (13)

  • Adabni gowwummaa balleessa (15)

  • Namni dandeettii qabu mootota tajaajila (29)

22  Qabeenya guddaa mannaa maqaa gaariin* filatamaa dha;+Ulfina argachuunis meetii fi warqii irra wayya.   Wanti sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu* kana dha: Lamaan isaanii iyyuu kan uume Yihowaa dha.+   Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata,Namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis* isa irra gaʼa.   Gad of qabuu fi Yihowaa sodaachuunBadhaadhina, ulfinaa fi jireenya argamsiisa.+   Qoree fi kiyyoon daandii nama jalʼaa irra jiru,Namni lubbuu isaatiif iddoo guddaa kennu hundi garuu isaan irraa ni fagaata.+   Daaʼima* karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;+Innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.+   Sooressi hiyyeessa ni bulcha,Namni liqeeffates nama isaaf liqeesseef garbicha dha.+   Namni jalʼina facaasu kam iyyuu badiisa haammata,+Uleen dheekkamsa isaatiis ni caba.+   Nyaata isaa hiyyeessaaf waan hiruuf,Namni arjaan* ni eebbifama.+ 10  Nama qoostuu taʼe of biraa ariʼi,Morkiinis ni bada;Falmii* fi arrabsoon ni dhaabbata. 11  Namni garaa qulqulluu jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu,Michuu mootii ni taʼa.+ 12  Ijji Yihowaa nama beekumsa qabu ni eega,Taʼus inni dubbii gantootaa ni garagalcha.+ 13  Namni dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Addabaabayii gidduutti nan ajjeefama!” jedha.+ 14  Afaan dubartoota addaggee* boolla gad fagoo dha.+ Namni Yihowaan balaaleffates achi keessatti ni kufa. 15  Gowwummaan garaa daaʼimaa* keessatti hidhamee jira,+Uleen adabaa garuu isa irraa ni fageessa.+ 16  Namni qabeenya isaa baayʼifachuuf hiyyeessa gowwoomsu,+Akkasumas namni sooressaaf kennaa kennuNi hiyyooma. 17  Garaan kee beekumsa koo hubachuu akka dandaʼuuf,+Gurra kee itti qabiitii dubbii ogeeyyii dhaggeeffadhu.+ 18  Dubbiin kun hundi yeroo hundumaa afaan kee keessaa akka hin dhabamneef,+Keessa keetti isa qabachuun kee gaarii dha.+ 19  Yihowaa irratti amanannaa akka qabaattuuf,Ani harʼa beekumsa siif nan kenna. 20  Ani kanaan dura wantoota gorsaa fi beekumsa argamsiisanSiif hin barreessinee? 21  Kunis gabaasa sirrii qabattee isa si erge sanatti akka deebituuf,Dubbii dhugaa fi amanamaa taʼe si barsiisuuf mitii? 22  Waanuma hiyyeessa taʼeef isa hiyyeessa hin saamin,+Karra magaalaa durattis rakkataa hin cunqursin,+ 23  Sababiin isaas, Yihowaan ofuma isaatiin isaaniif ni falma,+Warra isaan gowwoomsanis ni ajjeesa.* 24  Nama dafee aarutti hin michoominYookiin nama dheekkamsa jaallatuu wajjin hin taʼin; 25  Kunis, akka ati matumaa daandii isaa hin baranneefKiyyoo keessas akka of* hin galchineefi.+ 26  Warra harka rukutuudhaan waadaa galan,Warra liqiidhaaf wabii taʼan gidduutti hin argamin.+ 27  Wanta kaffaltu hin qabdu taanaan,Sireen kee si jalaa fudhatama! 28  Mallattoo daangaa bara durii isa abbootiin kee kaaʼanIddoo isaatii hin siqsin.+ 29  Nama hojii isaa irratti dandeettii qabu argiteettaa? Inni mootota dura dhaabbata;+Namoota kaan dura hin dhaabbatu.

Miiljaleewwan

Kal., “maqaan.”
Kal., “walitti fidu.”
Ykn., “adabnis.”
Ykn., “Mucaa; Dargaggeessa.”
Kal., “Inni ija gaarii qabu.”
Ykn., “Himannii.”
Kal., “keessummaa.” Fak 2:16 ilaali.
Ykn., “mucaa; dargaggeessaa.”
Ykn., “lubbuu isaanii ni fudhata.”
Ykn., “lubbuu kee.”