Leewwota 24:1-23

  • Zayitii ibsaawwan godoo qulqulluu (1-4)

  • Bixxillee daabboo ilaalchaa (5-9)

  • Namichi maqaa Waaqayyoo arrabse ni ajjeefame (10-23)

24  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe:  “Yeroo hundumaa ibsaawwan sun akka ifaniif,+ zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamuu fi ibsaadhaaf taʼu akka sii fidan Israaʼelota ajaji.  Aaron dunkaana walgaʼii keessatti, golgaa Dhugaa Baatuu sanaa irraa gara alaatti ibsaawwan sun galgalaa jalqabee hamma ganamaatti Yihowaa duratti akka ifan ni godha. Kun, guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha.  Inni yeroo hunda Yihowaa duratti ibsaawwan sun baattuu ibsaa+ warqii qulqulluu irraa tolfame irra tarree galanii akka taaʼan haa godhu.  “Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii maxinoo bifa amartiitiin tolfame 12 tolchi. Tokkoon tokkoon maxinoo sanaa daakuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lamaan* haa tolfamu.  Achiis toora tokko irra jaʼa godhiitii+ toora lamaan minjaala warqii qulqulluu irraa tolfame irra Yihowaa dura isaan kaaʼi.+  Toora lamaan maxinoo sanaa irras ixaana adii qulqulluu kaaʼi; innis aarsaa isa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu taʼee maxinoo sana kan bakka buʼu ni taʼa.+  Inni Sanbata Sanbata, yeroo hunda Yihowaa duratti tarree galchee isaan haa kaaʼu.+ Kun, Israaʼelotaaf kakuu dhaabbataa taʼe dha.  Inni kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa;+ aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu keessaas isaaf hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef, isaan iddoo qulqulluu keessatti isa ni nyaatu.+ Kun, dambii dhaabbataa taʼe dha.” 10  Namichi haati isaa nama biyya Israaʼel taatee fi abbaan isaa nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼelota gidduu jiraata ture;+ achiis innii fi namichi biyya Israaʼel tokko buufaticha keessatti wal lolan. 11  Ilmi dubartii nama biyya Israaʼel sanaa Maqicha* arrabsuu fi abaaruu jalqabe.+ Kanaafuu, gara Museetti isa fidan.+ Maqaan haadha isaa Shelomiit yeroo taʼu, ishiin intala Dibrii isa gosa Daan taʼe sanaa turte. 12  Murtiin Yihowaa hamma isaanitti himamutti, inni eegumsa jala akka turu godhan.+ 13  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 14  “Isa maqaa Waaqayyoo abaare sana buufatichaa alatti baasaa; namoonni isa dhagaʼan hundi harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; achiis guutummaan yaaʼichaa dhagaadhaan tumee isa haa ajjeesu.+ 15  Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni kam iyyuu Waaqa isaa yoo abaare cubbuu isaatiif itti gaafatama. 16  Kanaafuu, namichi maqaa Yihowaa arrabse sun mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Guutummaan yaaʼichaa dhagaadhaan tumee isa haa ajjeesu. Namni biyya ormaas Maqicha yoo arrabse akkuma lammii biyyattiitti haa ajjeefamu. 17  “‘Namni tokko lubbuu namaa yoo balleesse,* mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ 18  Namni beelada* rukutee ajjeese kam iyyuu bakka lubbuu lubbuu kennuudhaan kiisii isaa haa kaffalu. 19  Namni tokko nama kaan yoo miidhe, wanti inni godhe isa irrattis haa raawwatamu.+ 20  Bakka cabaa caba, bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan gochuudhaan miidhaan isa inni geessisee wajjin wal fakkaatu isa irrattis haa raawwatamu.+ 21  Namni horii tokko rukutee ajjeese kiisii isaa haa kaffalu;+ namni nama rukutee ajjeese garuu haa ajjeefamu.+ 22  “‘Nama biyya ormaatiifis taʼe lammii biyyattiitiif heerri tokko hojii irra haa oolu;+ ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’” 23  Achiis Museen Israaʼelotatti ni dubbate; isaanis isa maqaa Waaqayyoo abaare sana buufatichaa alatti baasanii dhagaadhaan tumanii ajjeesan.+ Akka kanaan Israaʼelonni akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhan.

Miiljaleewwan

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama 4.4 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kun akkuma lakk. 15 fi 16 irratti ibsametti maqaa Yihowaa jedhu argisiisa.
Ykn., “lubbuu nama kamii iyyuu rukutee yoo ajjeese.”
Ykn., “lubbuu horii qeʼee.”