Leewwota 7:1-38

  • Qajeelfama aarsaawwan ilaalchisee kenname (1-21)

    • Aarsaa yakkaa (1-10)

    • Aarsaa gamtaa (11-21)

  • Coomaa fi dhiiga nyaachuun dhowwamuu isaa (22-27)

  • Qooda lubootaa (28-36)

  • Yaada xumuraa aarsaawwan ilaalchisee kenname (37, 38)

7  “‘Seerri aarsaa yakkaa+ kana dha: Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha.  Isaan idduma horii aarsaa gubamuu itti qalanitti, horii aarsaa yakkaa sana ni qalu; dhiigni+ isaas cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti haa facaafamu.+  Inni duboo isaa fi cooma marʼimaan uwwise dabalatee cooma isaa hundumaa,+  akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni dhiheessa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+  Lubichis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti akka aaran ni godha.+ Kun aarsaa yakkaa ti.  Dhiirri luba taʼe hundi isa ni nyaata;+ iddoo qulqulluu keessatti nyaatamuu qaba. Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha.+  Seerri aarsaa cubbuu ilaalchisee kenname aarsaa yakkaatiifis ni hojjeta; inni kan luba isa araara ittiin argamsiisu sanaa ni taʼa.+  “‘Lubichi nama tokkoof aarsaa gubamu yommuu dhiheessu, horii aarsaa gubamuu isa namichi lubichaaf dhiheesse sana keessaa gogaan isaa+ kan lubichaa ni taʼa.  “‘Aarsaan midhaanii iddoo ibiddaa keessatti tolfame yookiin distii keessatti yookiin eelee irratti+ qophaaʼe kam iyyuu kan luba isa isa dhiheessu sanaa ti. Kun kan isaa ni taʼa.+ 10  Aarsaan midhaanii zayitiidhaan makame+ yookiin goggogaa taʼe+ kam iyyuu garuu kan ilmaan Aaron hundumaa ni taʼa; hundi isaanii gaʼee wal qixa taʼe ni qabaatu. 11  “‘Seerri aarsaa gamtaa+ namni tokko Yihowaadhaaf dhiheessuu isa kana dha: 12  Inni galata isaa ibsuuf kan isa dhiheessu yoo taʼe,+ maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan makame, maxinoo haphii zayitii dibame, akkasumas maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa bifa amartiitiin tolfamee fi akka gaariitti zayitiidhaan makamee jiidhe aarsaa galataa sanaa wajjin ni dhiheessa. 13  Aarsaa isaa daabboo bukaaʼaa bifa amartiitiin tolfamee fi aarsaa gamtaa isa aarsaa galataa godhee dhiheessuu wajjin ni dhiheessa. 14  Innis tokkoon tokkoon aarsaawwan sanaa irraa tokko tokko gaʼee qulqulluu godhee Yihowaadhaaf ni dhiheessa; innis kan lubicha isa dhiiga aarsaawwan gamtaa facaasu sanaa ni taʼa.+ 15  Foon horii aarsaa gamtaa aarsaa galataa taʼee dhihaatu sun guyyaa inni isa dhiheessutti nyaatama. Inni hamma ganamaatti isa irraa homaa hambisuu hin qabu.+ 16  “‘Aarsaan inni dhiheessu wareega+ yookiin kennaa fedhiidhaan kennamu yoo taʼe,+ aarsaan sun guyyaa inni aarsaa isaa itti dhiheessutti haa nyaatamu; wanti isa irraa hafes guyyaa itti aanutti nyaatamuu dandaʼa. 17  Foon aarsaa sanaa hamma guyyaa sadaffaatti hafe kam iyyuu garuu ibiddaan haa gubamu.+ 18  Foon aarsaa gamtaa namichi dhiheesse irraa kam iyyuu guyyaa sadaffaatti yoo nyaatame garuu, namichi isa dhiheesse fudhatama hin argatu. Aarsichi isaaf hin lakkaaʼamu; foon kun wanta jibbisiisaa dha; namni* isa irraa nyaatus balleessaa isaatiif itti gaafatama.+ 19  Foon wanta xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe nyaatamuu hin qabu. Ibiddaan gubamuu qaba. Namni qulqulluu taʼe kam iyyuu foon qulqulluu taʼe nyaachuu ni dandaʼa. 20  “‘Haa taʼu malee, namni* qulqulluu hin taanee fi foon aarsaa gamtaa isa kan Yihowaa taʼe nyaatu kam iyyuu saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*+ 21  Namni* tokko wanta qulqulluu hin taane kam iyyuu, jechuunis xuraaʼummaa namaa+ yookiin horii xuraaʼaa+ yookiin wanta jibbisiisaa xuraaʼaa taʼe kam iyyuu yoo+ tuqee fi foon aarsaa gamtaa isa kan Yihowaa taʼe irraa yoo nyaate, namni* sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.’”* 22  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 23  “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Isin cooma qotiyyoo yookiin cooma xobbaallaa hoolaa yookiin cooma reʼee kam iyyuu hin nyaatinaa.+ 24  Coomni horii duʼee argamee yookiin coomni horii horii biraan ajjeesee kaayyoo kan biraa kamiif iyyuu ooluu ni dandaʼa; haa taʼu malee, isin matumaa isa hin nyaatinaa.+ 25  Namni cooma horii isa aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee dhiheesse sanaa nyaatu kam iyyuu saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.* 26  “‘Iddoowwan jireenyaa keessan keessaa isa kamitti iyyuu dhiiga simbirrootaas taʼe dhiiga horii kamii iyyuu hin nyaatinaa.+ 27  Namni* dhiiga akkamii iyyuu nyaatu hundi saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.’”*+ 28  Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: 29  “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni Yihowaadhaaf aarsaa gamtaa dhiheessu kam iyyuu, aarsaa gamtaa+ isaa irraa hamma tokko Yihowaadhaaf haa fidu. 30  Aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu akka taʼuufis cooma sana handaraafa isaa wajjin harka isaatiin ni fida;+ achiis asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee ni dhiheessa.+ 31  Lubichi coomni isaa iddoo aarsaa irratti akka aaru godha;+ handaraafni isaa garuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa.+ 32  “‘Aarsaawwan gamtaa keessan keessaa luka mirgaa gaʼee qulqulluu gootanii lubichaaf ni kennitu.+ 33  Ilmi Aaron inni dhiiga aarsaawwan gamtaa sanaa fi cooma sana dhiheessu luka mirgaa gaʼee isaa godhee ni fudhata.+ 34  Ani aarsaawwan gamtaa isa Israaʼelonni dhiheessan irraa handaraafa horii aarsaa sochoofamu taʼee dhihaatee fi luka isa gaʼee qulqulluu taʼee dhihaate nan fudhadha; Israaʼelotaaf dambii dhaabbataa akka taʼuufis Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+ 35  “‘Guyyaa inni Yihowaadhaaf luboota taʼanii akka tajaajilan isaan dhiheessetti+ lubootaaf, jechuunis Aaronii fi ilmaan isaatiif akka adda baafamuuf gaʼeen aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu irraa fudhatame isa kana. 36  Yihowaan guyyaa isaan dibetti+ gaʼeen kun Israaʼelota irraa fuudhamee akka isaaniif kennamu ajajeera. Kun dhaloota isaanii keessatti dambii dhaabbataa taʼe dha.’” 37  Aarsaa gubamu,+ aarsaa midhaanii,+ aarsaa cubbuu,+ aarsaa yakkaa,+ aarsaa muudamaa+ fi aarsaa gamtaa+ ilaalchisee seerri kenname kana dha; 38  seerri kun, isa Yihowaan guyyaa Israaʼelonni aarsaawwan isaanii lafa onaa Siinaa keessatti Yihowaadhaaf akka dhiheessan ajajetti+ Gaara Siinaa irratti Musee ajaje sana dha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”