Wangeela Luqaas 4:1-44
4 Sana booda Yesuus hafuura qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kan deebiʼe yeroo taʼu, lafa onaa keessattis hafuuraan geggeeffamaa+
2 guyyaa 40f achi ture; yeroo kanattis Diyaabilosiin ni qorame.+ Guyyoota kanatti wanta tokko illee waan hin nyaanneef, guyyoonni kun yeroo xumuraman ni beelaʼe.
3 Yeroo kanatti Diyaabilos, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagaan kun daabboo akka taʼu ajaji” isaan jedhe.
4 Yesuus garuu, “‘Namni nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’ kan jedhu barreeffameera”+ jedhee isaaf deebise.
5 Kanaafuu, Diyaabilos gaara tokkotti ol isa baasee liphsuu ijaa gidduutti mootummoota addunyaa hundumaa isatti argisiise.+
6 Achiis akkana isaan jedhe: “Aangoo kana hundumaa fi ulfina isaanii siif nan kenna; sababiin isaas, wantoonni kun anaaf kennamaniiru;+ anis abbaan barbaadeef nan kenna.
7 Kanaafuu, siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoonni kun hundi kan kee taʼu.”
8 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe.
9 Achiis gara Yerusaalemitti isa geessee fiixee* gamoo mana qulqullummaa irra isa dhaabbachiisee akkana isaan jedhe: “Ilma Waaqayyoo yoo taate mee as irraa gad of darbadhu;+
10 sababiin isaas, akkana jedhamee barreeffameera: ‘Akka si eeganiif, inni maleekota isaa siif ni ajaja,’
11 akkasumas, ‘Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef isaan harka isaaniitti si baatu.’”+
12 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* hin qorin’+ jedhameera” isaan jedhe.
13 Diyaabilosis qorumsicha hunda erga xumuree booda, hanga yeroo mijaaʼaa kan biraa argatutti isa dhiisee deeme.+
14 Sana booda Yesuus humna hafuuraatiin gara Galiilaatti deebiʼe.+ Oduu gaggaariin waaʼee isaa dubbatamus biyya naannoo sana jiru hundumaa keessatti ni babalʼate.
15 Kana malees, inni mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiisuu jalqabe; namoonni hundis ulfina isaaf kennu turan.
16 Achiis Naazireet+ bakka itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataattis akkuma barsiifata isaa mana sagadaa+ seenee dubbisuuf kaʼee dhaabbate.
17 Kanaafuu, maraan kitaaba Isaayyaas raajichaa isaaf ni kenname; innis maraa kitaabaa sana diigee bakka akkana jedhamee barreeffame argate:
18 “Hafuurri Yihowaa* ana irra jira; sababiin isaas, inni hiyyeeyyiidhaaf misiraachoo akkan labsu na dibeera. Warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu, warra ijji isaanii jaameefis qaroon isaanii akka isaaniif deebiʼu akkan labsu, akkasumas warra cunqurfaman bilisa akkan baasuu+ fi
19 waggaa Yihowaa* biratti fudhatama qabu akkan labsu na ergeera.”+
20 Sana booda maraa kitaabaa sana maree deebisee tajaajilaa sanatti kennee taaʼe; namoonni mana sagadaa sana keessa turan hundis hubatanii isa ilaalu turan.
21 Achiis, “Dubbiin Kitaaba Qulqulluu amma dhageessan kun harʼa raawwatameera”+ isaaniin jedhe.
22 Hundi isaaniis waaʼee isaa wanta gaarii dubbachuu jalqaban; kana malees, jechoota gaggaarii afaan isaa keessaa baʼan+ dinqisiifatanii, “Kun ilma Yoseef mitii?”+ jedhu turan.
23 Innis, “Isin mammaaksa, ‘Yaa abbaa qorichaa of fayyisi’ jedhu akka natti mammaaktan hin shakkisiisu; ‘Wanta Qifirnaahomitti+ hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ naan jettu” isaaniin jedhe.
24 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, raajiin kam iyyuu biyya isaatti fudhatama hin argatu.+
25 Fakkeenyaaf, ani dhuguman isiniin jedha, Bara Eeliyaasitti yeroo waggaa sadii fi jiʼa jaʼaaf samiin cufamee guutummaa biyyattiitti beelli guddaan buʼetti,+ dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼan hedduun Israaʼel keessa jiru turan.
26 Eeliyaas garuu gara dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi Saraaptaa ishii biyya Siidoonitti+ argamtutti ergame malee, dubartoota sana keessaa gara ishii kamiitti iyyuu hin ergamne.
27 Bara Eelsaaʼi raajichaattis namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman hedduun Israaʼel keessa jiru turan; taʼus Naʼamaan isa biyya Sooriyaa+ sana qofa malee, isaan keessaa tokko illee hin fayyine.”*
28 Namoonni mana sagadaa sana keessa turan hundi yommuu kana dhagaʼan baayʼee aaran;+
29 achiis kaʼanii hatattamaan magaalattii keessaa erga gad isa baasanii booda, gad isa darbachuuf gara fiixee gaara magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan.
30 Inni garuu isaan gidduu darbee karaa isaa itti fufe.+
31 Achiis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaatti gad buʼe. Guyyaa Sanbataattis isaan barsiisa ture;+
32 inni aangoodhaan waan dubbatuuf, isaan akkaataa inni itti barsiisu baayʼee dinqisiifatan.+
33 Yeroo kanatti namni hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa sana keessa jira ture; inni sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye:+
34 “Yaa Yesuus nama Naazireet,+ nuyii fi ati maal wal irraa qabna? Nu balleessuu dhuftee? Ati Qulqullicha Isa Kan Waaqayyoo taʼuu kee sirriittan beeka.”+
35 Yesuus garuu, “Cal jedhi, isa keessaas baʼi” jedhee isa ifate. Kanaafuu, jinniin sun namicha gidduu isaaniitti kuffisee utuu isa hin miidhin isa keessaa baʼe.
36 Yeroo kanatti hundi isaanii dinqisiifatanii, “Kun dubbii akkamii ti? Inni aangoo fi humnaan hafuurota xuraaʼoo ajaja; isaanis ni baʼu!” waliin jedhan.
37 Kanaafuu, oduun waaʼee isaa dubbatamu biyya naannoo sana jiru keessatti kallattii hundumaatiin ni babalʼate.
38 Mana sagadaa sana keessaa erga baʼee booda gara mana Simoonitti seene. Yeroo kanatti amaatiin Simoon dhaqna gubaa cimaadhaan dhiphachaa waan turteef, akka ishii gargaaru isa gaafatan.+
39 Kanaafuu, inni ishiitti gad jedhee dhaqna gubaa sana ifate; dhaqna gubaan sunis ishii gadhiise. Ishiinis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
40 Yommuu aduun lixxu immoo, namoonni warra dhukkuba adda addaatiin qabaman gara isaatti fidan. Innis harka isaa tokkoon tokkoon isaanii irra kaaʼee isaan fayyise.+
41 Kana malees jinniiwwan, “Ati Ilma Waaqayyoo ti”+ jedhanii iyyaa namoota hedduu keessaa baʼan. Inni garuu isaan ifate; isaan Kiristoos taʼuu isaa waan beekaniif akka dubbatan isaaniif hin heyyamne.+
42 Yommuu bariʼu garuu achii kaʼee gara iddoo namni hin jirre tokkoo dhaqe.+ Namoonni sun garuu cimsanii isa barbaaduu jalqaban; iddoo inni jiru yommuu dhufanis akka inni isaan irraa adda baʼee hin deemne isa dhowwuuf yaalan.
43 Inni garuu, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame”+ isaaniin jedhe.
44 Kanaafuu, manneen sagadaa Yihudaa keessatti lallabuu isaa itti fufe.
Miiljaleewwan
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “ittisa.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kal., “hin qulqulloofne.”