Tiitoodhaaf 2:1-15
2 Ati garuu wanta barumsa gaarii* wajjin wal simu dubbachuu kee itti fufi.+
2 Dhiironni maanguddoon barsiifata madaalamaa kan qaban, itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, sirriitti kan yaadan, amantii cimaa kan qaban, jaalala kan qabanii fi jabaatanii kan dhaabbatan haa taʼan.
3 Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonni maanguddoon amala Waaqayyoof ulfina fidu kan qaban, maqaa namaa kan hin balleessine, daadhii wayinii hedduudhaaf garboota kan hin taanee fi wanta gaarii kan barsiisan haa taʼan;
4 kana yoo godhan, dubartoonni umurii dargaggummaa irra jiran abbootii manaa isaanii fi ijoollee isaanii akka jaallatan gorsuu,*
5 akkasumas sirriitti kan yaadan akka taʼan, qulqullummaadhaan akka jiraatan, mana keessatti akka hojjetan,* gaarii akka taʼanii fi abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman+ gorsuu dandaʼu; kunis dubbiin Waaqayyoo akka hin arrabsamne godha.
6 Haaluma wal fakkaatuun, dhiironni dargaggoota taʼan sirriitti kan yaadan+ akka taʼan gorsi;
7 hojii gaarii hojjechuudhaan karaa hundumaatiin fakkeenya taʼuu kee argisiisi. Wanta qulqulluu taʼe dhimmii barsiisi;+
8 kana yeroo gootus dubbii gaarii* komatamuu hin dandeenyetti fayyadami;+ kunis warri nu morman dogoggora waaʼee keenya dubbatan dhabanii akka qaanaʼaniifi.+
9 Warri garboota taʼan karaa hundumaatiin gooftolii isaaniitiif haa bitaman;+ kanas isaan gammachiisuuf yaaluudhaan, isaan falmuu dhiisuudhaan,
10 akkasumas isaan jalaa hatuu mannaa+ guutummaatti amanamoo taʼuudhaan haa argisiisan; akka kanaan, barumsi Waaqa isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa karaa hundumaatiin akka miidhagu gochuu dandaʼu.+
11 Sababiin isaas, gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan inni akaakuu namootaa hundumaatiif fayyina argamsiisu mulʼifameera.+
12 Innis wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa+ irraa akka fagaannu, sirna* ammaa kana keessatti+ sirriitti yaaduudhaan, qajeelummaadhaan, akkasumas Waaqayyoof buluudhaan akka jiraannu nu leenjisa;
13 akka kanaan abdii gammachiisaa,+ akkasumas mulʼachuu Waaqa keenya isa guddichaa fi mulʼachuu Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eegganna;
14 inni wantoota seeraan ala taʼan hunda jalaa bilisa nu baasuuf,*+ akkasumas saba qabeenya dhuunfaa isaa taʼee fi hojii gaariidhaaf hinaafu+ ofii isaatiif qulqulleeffachuuf dabarsee of kenneera.+
15 Wantoota kana ilaalchisee aangoo guutuudhaan dubbachuu, gorsuu* fi balleessaa hubachiisuu kee itti fufi.+ Eenyu iyyuu akka si tuffatu hin heyyamin.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “faayida qabeessa.”
^ Ykn., “leenjisuu.”
^ Ykn., “mana isaanii sirriitti akka qaban.”
^ Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”
^ Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kal., “nu furuuf.”
^ Ykn., “jajjabeessuu.”