Barsiisaa koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
BOQONNAA 20
Barsiisaa koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Maqaa barsiisaa jaallattu tokkoo barreessi. ․․․․․
Barsiisaa kana kan jaallattu maaliifi? ․․․․․
Maqaa barsiisaa wajjin walii galuun sitti ulfaatu tokkoo barreessi.
HIRIYOOTA kee filachuu ni dandeessa; nama si barsiisu garuu filachuu hin dandeessu. Tarii barsiisota kee hunda ni jaallatta taʼa. Dargaggeessi waggaa 18 Deevid jedhamu, “Barsiisota koo keessaa isa kamiyyuu wajjin walitti buʼee hin beeku. Ani isaan nan kabaja, isaanis na jaallatu” jedheera.
Karaa kan biraatiinimmoo, barsiisota kee ilaalchisee akkuma intala waggaa 11 Saaraa jedhamtuu sitti dhagaʼama taʼa. “Barsiistuun keenya baayʼee rakkistuudha. Wanti barsiistus homaa naaf hin galu. Yeroo nu barsiistu barumsa tokko sirriitti hin ibsitu; yeroo
tokko tokkommoo ibsa hin barbaachisne kenniti” jetteetti. Barsiisaa kee wajjin walii galuu akka dandeessuuf, jalqaba rakkina isin gidduutti uumamu adda baafachuun kee barbaachisaadha. Rakkinicha adda baafachuun kee furmaata kennuuf si gargaara. Yaada sababii kee ibsu biratti mallattoo ✔ godhi ykn sababii kee barreessi.□ Wanta barsiisaan koo dubbatu hubachuun na rakkisa
□ Qabxii olaanaa naaf kennuu akka qabu natti dhagaʼama
□ Ijoollee kaaniif akka loogu natti dhagaʼama
□ Utuu hin barbaachisin na adaba
□ Akka na jibbu natti dhagaʼama
□ Kan biraa ․․․․․
Haala isaa fooyyessuuf maal gochuu dandeessa? Tarkaanfiin jalqabaa gorsa Pheexiros ergamaan kenne hojiirra oolchuudha. Pheexiros ergamaan, “Hundi keessan yaadaan tokkummaa qabaadhaa, miira walii hubadhaa” jedhee barreesseera. (1 Pheexiros 3:8) Miira barsiisaa rakkisaa akka taʼetti yaadduu hubachuuf wanti si kakaasu maal taʼuu dandaʼa? Barsiisota ilaalchisee dhugaawwan jiran tokko tokko hubachuun kee kana gochuuf si gargaaruu dandaʼa.
Barsiisonni dogoggora ni raawwatu. Akkuma namoota kaanii barsiisonnis amala gaarii hin taane, rakkoowwan garaagaraa fi jibba halaalaa illee qabaachuu dandaʼu. Yaaqoob, “Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu dandaʼu dha” jedhee barreesseera. (Yaaqoob 3:2) Shamarreen waggaa 19 Biriyaanaa jedhamtu akkana jetteetti: “Barsiistuun herregaa keenya obsa hin qabdu; yeroo baayʼee nutti iyyiti. Kanaafuu, ishii kabajuun nutti ulfaata.” Garuu amala akkasii akka argisiistu kan ishii taasise maalidha? Biriyaanaan akkana jetteetti: “Ijoolleen daree keenyaa yeroo hundumaa jeequ; barsiistuu keenya caalaatti aarsuu waan barbaadaniif amala baayʼee gadhee taʼe argisiisu.”
Keessumaa yeroo wanti si dhiphisu jiraatutti barsiisaan kee tokko dogoggora kee calluma jedhee yeroo bira sii darbu akka gammaddu beekamaadha. Atoo barsiisaa keetiif akkas gochuu ni dandeessaa? Waaʼee wanta dhiheenyatti mana barumsaatti mudate tokkoo barreessi; wanti barsiisaa kee aarse maal taʼuu dandaʼa?
․․․․․
Barsiisonni nama caalaatti jaallatan qabu. Haala rakkisaa barsiisota kee mudaturratti yaadi: Ijoollee si wajjin baratan keessaa daree keessatti argamuu kan barbaadan meeqa? Ijoollee dareetti argamuu barbaadan keessaa saʼaatii walakkaadhaaf ykn isaa oliif mata duree tokko xiyyeeffannaadhaan barachuuf fedhii kan qabanii fi kan dandaʼan hoo meeqa? Barattoonni aarii isaanii barsiisotarratti baʼatan meeqa? Ammammoo ati hiriyoota kee keessaa ijoollee 20, 30 ykn isaa ol akka barsiistu hojiin akka siif kenname godhii yaadi; baayʼeen isaanii mata duree akka barsiistuuf sii kenname sana hin jaallatan. Maarree, ijoollee caalaatti wanta barsiistu jaallataniif xiyyeeffannaa kennuuf hin qoramtuu?
Barsiisonni ifatti yeroo loogan arguun si aarsuu akka dandaʼu beekamaadha. Nataashaan barsiisaa ishii tokko ilaalchisee akkana jetteetti: “Barsiisaan keenya assaayimantii yeroo nuuf kennu guyyaa hojjennee itti xumurru nutti hima. Guyyaa sanarra akka dabarsinu nuuf hin heyyamu; ijoollee kubbaa miilaa taphataniif garuu yeroo hundumaa heyyama. Kana kan godhu gargaaraa leenjisaa garee kubbaa miilaa waan taʼeef qofadha.” Atis haalli akkasii yoo si mudate, ‘Barumsa koorratti wanti natti hirʼate jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Wanti sitti hirʼate hin jiru taanaan, aaruun ykn hinaafuun kee sirriidhaa?
Wanta barsiisaan kee barsiisu akka jaallattu argisiisuuf maal gochuu akka dandeessu barreessi.
․․․․․
Barsiisonni barattoota dogoggoraan ni hubatu. Yeroo tokko tokko atii fi barsiisaan kee amala garaagaraa qabaachuun keessan ykn karaa taʼe tokkoon dogoggoraan si hubachuun isaa akka walitti buutan gochuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko namni gaaffii gaafachuu jaallatu akka nama mormuu jaallatutti ilaalamuu dandaʼa; namni warra kaan wajjin qoosummoo akka nama kabaja hin qabneetti ykn akka gowwaatti ilaalamuu dandaʼa.
Barsiisaan kee dogoggoraan kan si hubatu taanaan maal gochuu dandeessa? Kitaabni Qulqulluun, “Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa. . . . Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa” jedha. (Roomaa 12:17, 18) Kanaafuu, barsiisaa kee akka hin aarsine of eeggachuuf yaali. Utuu hin barbaachisin falmii keessa hin seenin. Wanta barsiisaa kee gaddisiisu hin godhin. Kanaa mannaa itti dhihaachuuf yaali. ‘Dhihaachuu? Isatti moo?’ jettee yaadda taʼa. Yeroo gara dareetti seentu kabajaan nagaa isa gaafachuudhaan naamusa gaarii argisiisuu dandeessa. Yeroo hunda kabaja kan argisiistuu fi darbee darbee kan seeqxu yoo taʼe ilaalchi inni siif qabu jijjiiramuu dandaʼa.—Roomaa 12:20, 21.
Fakkeenyaaf, Keen barsiisonni tokko tokko dogoggoraan isa hubatu turan. Keen, “Baayʼee waanan saalfadhuuf barsiisota haasofsiisee hin beeku” jedheera. Maarree rakkinichaaf furmaata kan kenne akkamitti? Akkana jedheera: “Yeroo baayʼee
barsiisonni koo na gargaaruuf fedhii akka qaban yeroo booda hubadheera. Kanaafuu, barsiisota koo hundumaatti dhihaachuuf galman baafadhe. Akkas ergan godhee booda qabxiin koo baayʼee fooyyaʼe.”Barsiisaa keetti dhihaachuu fi isa haasofsiisuuf kan yaaltu taʼus ilaalchi inni siif qabu jijjiiramuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus obsa qabaadhu. Solomoon Mootichi, “Obsuudhaan ajajaan waraanaa [ykn barsiisaan] ni moʼama, arrabni laafaanis lafee cabsuu dandaʼa” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 25:15) Wanti sirrii hin taane akka sirratti raawwatame yeroo sitti dhagaʼamutti tasgabbaaʼi, akkasumas garraamummaadhaan dubbadhu. Tarii barsiisaan kee ilaalcha siif qabu jijjiiruu dandaʼa.—Fakkeenya 15:1.
Barsiisaan kee dogoggoraan yoo si hubate ykn karaa sirrii hin taaneen yoo si qabe jalqabarratti deebii akkamii kennita?
․․․․․
Deebiin gaarii taʼe isa kami?
․․․․․
Furmaata Kennuu
Rakkina sii fi barsiisaa kee gidduutti uumameef furmaata kennuuf hanqina barsiisaan kee qabu hubachuun qofti gaʼaa miti. Maarree, furmaata kennuuf maal gochuu dandeessa? Fakkeenyaaf, rakkoowwan armaan gadiitiif furmaata kennuu kan dandeessu akkamitti?
Qabxii koo dabaluu qaba. Kaatriinaan akkana jetteetti: “Qabxiin koo yeroo hundumaa olaanaadha. Waggaa tokkotti garuu barsiisaan saayinsii na kuffise. Qabxii gaarii argachuun qaba ture. Warri koo daayireektaricha haasofsiisanii turan. Taʼus xinnuma naa dabale; baayʼee aareen ture.” Atis haalli akkasii yoo si mudate barsiisaa kee hin komatin. Kanaa mannaa, nama Naataan jedhamuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamerraa barachuuf yaali. Naataan cubbuu cimaa Daawit Mootichi hojjete akka itti himu itti gaafatamummaan isaaf kennamee ture. Naataan yeroo gara masaraa mootummaa seenetti balleessaa Daawit 2 Saamuʼel 12:1-7.
raawwate sagalee isaa guddisee hin dubbanne; kanaa mannaa malaan Daawitiin haasofsiise.—Haaluma wal fakkaatuun, atis gad of qabdee tasgabbiidhaan barsiisaa kee haasofsiisuu dandeessa. Aariidhaan yoo dubbatte ykn barsiisaan kee gaʼumsa akka hin qabne yoo isa himatte garuu haalli isaa akka hammaatu goota. Karaa bilchina qabuun isa haasofsiisuuf yaali. Jalqabarratti barsiisaan kee qabxii kan kennu akkamitti akka taʼe akka siif ibsu isa gaafadhu. Solomoon, “Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne, gowwummaa fi salphina isatti taʼa” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 18:13) Yaada isaa erga dhaggeeffattee booda dogoggorri kan uumame maalirratti akka taʼe hubachuu dandeessa. Qabxiin kee jijjiiramuu baatullee bilchina argisiisuun kee barsiisaan kee ilaalcha gaarii akka siif qabaatu godha.
Barsiisaan koo jibba halaalaa akka qabu natti dhagaʼama. Muuxannoo Reechal ilaali. Reechal yeroo hundumaa mana barumsaatti qabxii gaarii argatti turte. Yeroo Kutaa 7 barattu garuu haalli isaa ni jijjiirame. Reechal, “Barsiisaan koo barumsa inni barsiisu akkan kufu gochuuf wanta dandaʼu hunda godha” jetteetti. Rakkinni isaa maal ture? Barsiisaan sun amantaa isaanii akka hin jaallanne Reechalii fi haadha ishiitti ifatti himeera.
Sana booda maaltu taʼe? Reechal akkana jetteetti: “Barsiisaan sun yeroo qabxii naaf kennu hundumaatti jibba halaalaa akka qabu ifatti argisiisa. Kanaafuu, haati koo isa haasofsiisuuf na wajjin dhufte. Boodas na rakkisuu dhiise.” Atis rakkinni akkasii si mudachaa jira taanaan warra keetti himuu hin sodaatin. Warri kee dhimmichaaf furmaata kennuuf barsiisaa kees taʼe daayireektara mana barumsaa keessanii haasofsiisuu ni dandaʼu.
Ilaalcha Balʼaa Qabaadhu
Rakkinni si mudatu tokko tokko salphaatti furmaata argachuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko filannaan qabdu obsuu qofa taʼuu dandaʼa. Taaniyaan akkana jetteetti: “Barsiisaan keenya tokko barattoota isaatiif ilaalcha gaarii hin qabu ture. Yeroo baayʼee ‘Doofaa’ jedhee nu arrabsa. Jalqabarratti nan booʼan ture; booda garuu wanta akkasiitiif xiyyeeffannaa kennuu dhiisuun baradhe. Barumsa koorrattan xiyyeeffadhe; yeroo inni barsiisus sirriittan hordofa. Kanaan kan kaʼes, wanti inni jedhu baayʼee na hin jeequ; ijoollee qabxii gaarii argatan muraasa keessaas tokko taʼuu dandaʼeera. Waggaa lama booda barsiisaan sun ni ariʼame.”
Barsiisaa amala gaarii hin qabne yoo dandeesse, dandeettii jireenyaaf si barbaachisu horatta; kunimmoo gara fuulduraatti hogganaan gaarii hin taane yoo si mudate haala isaa dandamachuuf si gargaara. Kana malees, barsiisota gaarii taʼan dinqisiifachuuf si kakaasa.
Yeroo gaʼaa akka hin qabne sitti dhagaʼamaa? Yeroo keetti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
CAQASA IJOO
“Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.”—Maatewos 7:12.
GORSA GAARII
Barsiisaan kee yoo si nuffisiise isarratti utuu hin taʼin barumsa isaarratti xiyyeeffadhu. Yaadannoo qabadhu, kabajaan gaaffii gaafadhu, akkasumas barumsichaaf fedhii qabaadhu. Fedhiin ati qabdu warra kaanittis darbuu dandaʼa.
KANA BEEKTAA?
Barsiisaan kee daree adda addaatti gosuma barnootaa tokko irra deddeebiʼee barsiisa taʼa. Kanaafuu, yeroo hunda barumsa sana miira wal fakkaatuun barsiisuu dhiisuu dandaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Barumsa na nuffisiisu caalaatti gammachiisaa gochuuf akkanan godha ․․․․․
Barsiisaan koo wanta sirrii hin taane yoo narratti raawwate akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Barsiisaarratti utuu hin taʼin barumsarratti xiyyeeffachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
● Ilaalchi barumsa tokkoof qabdu ilaalcha barsiisaan kee siif qaburratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 146rra jiru]
“Barsiisota koo hundumaatti dhihaachuuf nan carraaqe. Maqaa isaanii nan beeka; karaarratti yoon isaan arge gara isaanii dhaqeen takka dhaabbadhee isaan haasofsiisa.”—Kaarman
[Fakkii fuula 145rra jiru]
Barsiisonni akkuma dhagaa dhoqqeen akka si hin tuqne irra ejjettee darbituuti. Gargaarsa isaaniitiin wallaalummaa keessaa baʼuu dandeessa; taʼus tarkaanfii fudhachuu qabda