BOQONNAA KUDHA SADDEET
Cuuphaafi Walitti Dhufeenya Waaqayyoo Wajjin Qabdu
-
Cuuphaan kan raawwatamu akkamitti?
-
Cuuphamuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu si barbaachisa?
-
Namni tokko Waaqayyoof kan of murteessu akkamitti?
-
Sababiin addaa cuuphamuun barbaachisaa ta’eef maalidha?
1. Namni Itoophiyaa tokko cuuphamuuf gaaffii kan dhiheesse maaliifi?
“BISHAAN kunoo ti, akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?” Gaaffii kana kan gaafate nama Itoophiyaa jaarraa jalqabaatti tureefi taayitaa qabudha. Kiristiyaanni Filiphos
2 Boqonnaawwan kanaan dura jiran Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkoo wajjin akka gaariitti qayyabatteetta yoo ta’e, atis ‘akkan ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?’ jettee gaafatta ta’a. Qo’annaa hamma yoonaatti gootetti, abdii Macaafni Qulqulluun jireenya Jannataa ilaalchisee ibsu baratteetta. (Luqaas 23:43; Mul’ata 21:3, 4) Kana malees, haala namoonni du’an irratti argamaniifi waa’ee abdii du’aa ka’uu baratteetta. (Lallaba 9:5; Yohannis 5:28, 29) Tarii walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuudhaan akkamitti amantii dhugaa hojiirra akka oolchanis hubatteetta ta’a. (Yohannis 13:35) Hundumaa caalaattimmoo Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa hundeeffattee ta’uu danda’a.
3. (a) Yesus bartootasaatiif ajaja akkamii kenne? (b) Cuuphaan akkamitti raawwatama?
3 Waaqayyoon tajaajiluu akka barbaaddu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Yesus bartootasaatiin: “Egaa dhaqaa, . . . isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedheera. (Maatewos 28:19) Innumtiyyuu cuuphamuudhaan fakkeenya ta’eera. Yesus kan cuuphame bishaan itti facaafamuudhaan ykn bishaan mataasaarratti dhangalaafamuudhaan hin turre. (Maatewos 3:16) Jechi “cuuphuu” jedhu afaan Giriikiirraa kan dhufe yeroo ta’u hiiknisaas “gad liccisuu” jechuudha. Kanaafuu, cuuphaan Kiristiyaanotaa bishaan keessa guutummaatti lixuudhaan ta’uu akka qabu kan argisiisudha.
4. Cuuphaan maal argisiisa?
4 Cuuphaan ulaagaa namoonni Yihowaa wajjin firoomuu barbaadan guutuu qabanidha. Cuuphaan fedhii Waaqayyoon tajaajiluuf qabdu namoota duratti kan ittiin argisiistudha. Jaalala Yihowaa raawwachuukeetti akka gammaddu kan argisiisudha. Faarfannaa 40:7, 8) Haata’u malee, cuuphamuuf ga’eessa ta’uuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdu jiru.
(BEEKUMSIIFI AMANTAAN BARBAACHISAADHA
5. (a) Cuuphamuuf tarkaanfiin jalqaba fudhatamuu qabu maalidha? (b) Walga’iiwwan gumii barbaachisoo kan ta’anoo maaliifi?
5 Tarkaanfii jalqabaa fudhatteetta. Akkamitti? Waa’ee Yihowaafi waa’ee Yesus Kiristos beekumsa argachuudhaani; kanas kan gochaa jirtu qophii Macaafa Qulqulluu qo’achuuf ba’e sirriitti hordofuudhaan ta’uu danda’a. (Yohannis 17:3) Haata’u malee, ammayyuu wantoonni barachuu qabdu baay’een jiru. Kiristiyaanonni ‘fedha Waaqayyoo hubachuudhaan guutamuu’ barbaadu. (Qolosaayis 1:9) Gama kanaan walga’iiwwan Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuunkee baay’ee si gargaara. Walga’iiwwan akkasiirratti argamuun barbaachisaadha. (Ibroota 10:24, 25) Yeroo hundaa gumiirratti argamuunkee waa’ee Waaqayyoo beekumsa qabdu siif guddisa.
6. Cuuphamuuf beekumsa Macaafa Qulqulluu hammamii argachuu si barbaachisa?
6 Dhugaadha, cuuphamuuf wanta Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hundaa beekuu si hin barbaachisu. Namni Itoophiyaa sun beekumsa muraasa qabaatus, kutaawwan Caaffata Qulqullaa’oo tokko tokko hubachuuf gargaarsi isa barbaachisee ture. (Hojii Ergamootaa 8:30, 31) Atis haaluma wal fakkaatuun wantoonni barachuu qabdu baay’een jiru. Kanaafuu, waa’ee Waaqayyoo barachuun dhuma hin qabu. (Lallaba 3:11) Kana malees, utuu hin cuuphamin dura barumsa bu’uuraa Macaafa Qulqulluu muraasa argachuufi hojiirra oolchuun si barbaachisa. (Ibroota 5:12) Barumsiwwan kunis haala namoonni du’an irratti argaman, barbaachisummaa maqaa Waaqayyoofi Mootummaasaa beekumsa sirrii ta’e argachuu kan dabalatudha.
7. Macaafa Qulqulluu qayyabachuunkee jijjiirama akkamii sirratti fiduu danda’a?
7 ‘Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun waan hin danda’amneef’ beekumsi qofaan ga’aa miti. (Ibroota 11:6) Macaafni Qulqulluun, namoota Qorontos ishee durii keessa turan keessaa tokko tokko ergaa Kiristiyaanotaa erga dhaga’anii booda ‘amananii cuuphaman’ jechuudhaan dubbata. (Hojii Ergamootaa 18:8) Haaluma wal fakkaatuun atis Macaafa Qulqulluu qayyabachuunkee, Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame ta’uusaa akka amantu si kakaasuu qaba. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu, abdii Waaqayyo kenneefi aarsaan furii Yesus fayyisuu akka danda’u amantii akka qabaattu si gargaaruu danda’a.
DHUGAA MACAAFA QULQULLUU WARRA KAANITTI HIMUU
8. Wanta baratte warra kaanitti akka himtu kan si kakaasu maalidha?
8 Amantiinkee yeroo cimaa adeemu, wanta baratte ofuma keetii qabattee taa’uun sitti ulfaata. (Ermiyaas 20:9) Waa’ee Waaqayyoofi waa’ee kaayyoosaa namoota kaanitti himuuf fedhii guddaadhaan kakaata.
9, 10. (a) Dhugaa Macaafa Qulqulluu eenyu fa’itti himuudhaan jalqabuu dandeessa? (b) Hojii lallabaa Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa gurmaa’ina qabuun hojjetanirratti hirmaachuu yoo barbaadde maal gochuu qabda?
9 Dhugaa Macaafa Qulqulluu firoottan keetti, hiriyyoottan keetti, ollaawwan keefi namoota wajjin hojjettutti malaan himuudhaan jalqabuu dandeessa. Yeroo boodammoo, hojii lallabaa Dhugaa Baatonni Yihowaa gurmaa’inaan hojjetanirratti hirmaachuuf fedhii godhachuu dandeessa. Yeroo fedhii akkasii qabaattutti, obboleessa Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuu wajjin mari’adhu. Hojii lallabaarratti hirmaachuuf ga’eessa yoo taate, atiifi obboleessi Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu jaarsolii gumii lamaa wajjin akka mari’attan qophiin godhamuu danda’a.
10 Kunis jaarsolii karra hoolotaa eegan tokko tokkoo wajjin wal baruuf si gargaara. (Hojii Ergamootaa 20:28; 1 Phexros 5:2, 3) Jaarsoliin kun barumsa bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka hubatte, akka itti amantu, seera bu’uuraa Waaqayyo baasee wajjin haala wal simuun akka jiraattuufi Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko ta’uu akka barbaaddu yoo argan, babal’isaa hin cuuphamne ta’uudhaan hojii lallabaarratti hirmaachuuf ga’eessa ta’uukee sitti himu.
11. Namoonni tokko tokko hojii lallabaarratti hirmaachuusaanii dura jijjiirama akkamii gochuu qabu?
11 Karaa garabiraammoo hojii lallabaarratti hirmaachuuf, haala jireenyakeerratti jijjiirama tokko tokko gochuu si barbaachisa. Kunis barsiifata namoota kaan dhoksitee raawwachaa turte dhiisuu dabalata. Babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf utuu hin gaafatin dura, cubbuuwwan gurguddaa kan akka seeraan ala saalquunnamtii raawwachuurraa, machiifi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuurraa fagaachuu qabda.
YAADA GARAA GEEDDARACHUUFI JIJJIIRAMUU
12. Yaada garaa geeddarachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
12 Cuuphamuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdu garabiraanis jiru. Phexros: “Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa’utti. . . deebi’aa” jechuudhaan dubbateera. (Hojii Ergamootaa 3:19) Yaada garaa geeddarachuu jechuun gocha raawwattetti gaabbuu jechuudha. Namni jireenya manca’aa jiraachaa ture yaada garaa geeddarachuunsaa barbaachisaadha; karaa garabiraammoo, namni hamma tokko jireenya qulqulluu jiraachaa tures yaada garaa geeddarachuun isa barbaachisa. Maaliif? Namni hundinuu cubbamaafi araarri Waaqayyoo kan isa barbaachisu waan ta’eefidha. (Roomaa 3:23; 5:12) Utuu Macaafa Qulqulluu hin qayyabatin dura jaalalli Waaqayyoo maal akka ta’e hin beektu turte. Beekumsa kana utuu hin argatin akkamitti guutummaatti haala jaalala Waaqayyoo wajjin wal simuun jiraachuu dandeessaree? Kanaafuu yaada garaa geeddarachuun barbaachisaadha.
13. Jijjiiramuu jechuun maal jechuudha?
13 Namni yaada garaa geeddaratemmoo, “deebi’uu” ykn jijjiiramuu qaba. Gaabbuun qofti ga’aa waan hin taaneef wanta isarra darbe gochuu qaba. Akkaataa jireenyaakee isa durii guutummaatti dhiisuudhaan kana booda wanta sirrii ta’e hojjechuuf tarkaanfii
fudhachuufi cuuphamuukee dura yaada garaa geeddarachuufi jijjiiramuu qabda.WAAQAYYOOF OF MURTEESSI
14. Utuu hin cuuphamin dura tarkaanfii barbaachisaa akkamii fudhachuu qabda?
14 Utuu hin cuuphamin dura tarkaanfiin fudhachuu qabdu garabiraanis jira. Yihowaadhaaf of murteessuu qabda.
15, 16. Waaqayyoof of murteessuu jechuun maal jechuudha? Namni tokko tarkaanfii akkasii akka fudhatu wanti isa kakaasuhoo maalidha?
15 Kadhannaa onneerraa maddeen yeroo Yihowaadhaaf of murteessitu, bara baraaf isaaf qofa buluuf waadaa galta. (Keessa Deebii 6:15) Namni tokko akkas gochuuf waadaa kan galu maaliifi? Gaaffii kana deebisuuf fakkeenya tokko haa ilaallu. Dhirri tokko durba tokko fuudhuuf qorachaa jira haa jennu. Yeroo ishee baraa adeemuufi amala gaarii akka qabdu yeroo hubachaa adeemu caalaatti ishee jaallachaa dhufa. Yeroo booda fuudhaaf akka ishee gaafatu beekamaadha. Gaa’elli itti gaafatamummaa guddaa qaba. Haata’u malee, jaalalli inni isheedhaaf qabu tarkaanfii guddaa akkasii akka fudhatu isa kakaasa.
16 Yeroo Yihowaa beektuufi isa jaallachaa adeemtu, mamii tokko malee isa tajaajiluu ykn isa waaqeffachuuf kakaata. Ilma Waaqayyoo Yesus Kiristosiin kan hordofuu barbaadu hundi, ‘waa’ee ofii isaa dhiisuu’ qaba. (Maarqos 8:34) Fedhiifi galmi keenya, carraaqqii Waaqayyoon garaa guutuudhaan tajaajiluuf goonurratti gufuu akka nutti hin taane gochuudhaan of ganuu keenya ykn waa’ee ofii keenyaa akka dhiisne argisiisna. Kanaafuu, cuuphamuukee dura kaayyoon jireenyaakee inni guddaan jaalala Waaqayyoo raawwachuu ta’uu qaba.
SODAA YOON KUFEHOO JEDHU MO’UU
17. Namoonni tokko tokko Waaqayyoof of murteessuurraa gara duubaatti kan jedhan maaliifi?
17 Namoonni tokko tokko tarkaanfii akkasii fudhachuun waan isaan sodaachisuuf, Yihowaadhaaf of murteessuurraa duubatti jedhu. Kiristiyaana Waaqayyoof of murteessan ta’anii Waaqayyo
duratti itti gaafatamaa ta’uun isaan sodaachisa. Yoon kufe Yihowaan gaddisiisa jedhanii waan sodaataniif Waaqayyoof of murteessuu sodaatu.18. Yihowaaf akka of murteessitu wanti si kakaasuu danda’u maalidha?
18 Yihowaa jaallachuu yeroo barachaa adeemtu isaaf of murteessuufi waadaa galte eegdee jiraachuuf kakaata. (Lallaba 5:4) Waaqayyoof erga of murteessitee booda, “jireenya gooftaadhaaf ta’u jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu” akka barbaaddu beekamaadha. (Qolosaayis 1:10) Sababiinsaas, jaalalli ati Waaqayyoof qabdu fedhasaa raawwachuun ulfaataa ta’ee akka sitti hin argamne waan si gargaaruufidha. Jecha Yohannis: “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jechuudhaan barreessee wajjin akka walii galtu homaa hin shakkisiisu.
19. Waaqayyoof of murteessuuf sodaachuu kan hin qabne maaliifi?
19 Waaqayyoof of murteessuuf gonkummaa qabaachuun si hin barbaachisu. Yihowaan humna keenya waan beekuuf, wanta humna keetii ol ta’e akka raawwattu sirraa hin eegu. (Faarfannaa 103:14) Akka siif mijaa’u kan barbaadu waan ta’eef, si deeggara, akkasumas si gargaara. (Isaayaas 41:10) Garaakee guutuudhaan Yihowaatti kan amanamtu yoo ta’e, ‘daandiikee akka siif qajeelchu’ mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.
WAAQAYYOOF OF MURTEESSUUKEE CUUPHAADHAAN ARGISIISUU
20. Namni tokko yeroo Yihowaadhaaf of murteessu murtoon kun murtoo dhuunfaa qofa ta’ee hafuu kan hin qabne maaliifi?
20 Wantoota irratti mari’anne tilmaama keessa galchuunkee, kadhannaadhaan Waaqayyoof akka of murteessitu si gargaaruu danda’a. Namni dhugumaan Waaqayyoon jaallatu kamiyyuu fayyuuf murtoosaa kana ‘namoota duratti beeksisuu’ qaba. (Roomaa 10:10, NW) Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?
21, 22. Amantiikee ‘namoota duratti beeksisuu’ kan dandeessu akkamitti?
21 Cuuphamuu yoo barbaadde, sassaabaa ilaaltuu olaanaa gumichaatti beeksisuu qabda. Innis jaarsoliin muraasni gaaffiiwwan barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an si wajjin akka irra deebi’an qophii godha. Isaanis cuuphamuuf ga’eessa ta’uukee yoo amanan walga’ii guddaa itti aanurratti cuuphamuu akka dandeessu sitti himu. * Yeroo baay’ee yeroo akkasiitti cuuphaa jechuun maal jechuu akka ta’e haasawaan ni kennama. Obboleessi haasawaa kana dhiheessu kaadhimamtoota cuuphamtoota hundaa gaaffiiwwan salphaa lamaaf akka deebii kennan kan gaafatu yeroo ta’u, kunis amantiisaanii ‘namoota duratti akka beeksisan’ karaa isaaniif bana.
22 Akka Waaqayyoof of murteessiteefi Dhugaa Baatuu Yihowaa taate namoota duratti kan beeksisu cuuphaadha. Kaadhimamtoonni cuuphamtoonni akka Waaqayyoof of murteessan ifatti argisiisuuf guutummaatti bishaan keessa liccifamanii cuuphamu.
CUUPHAMUUNKEE HIIKA MAALII QABA?
23. “Maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis” cuuphamuu jechuun maal jechuudha?
23 Yesus bartoonnisaa “maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis” akka cuuphan dubbateera. (Maatewos 28:19) Kana jechuun kaadhimamaan tokko aboo Yihowaafi Yesus Kiristos amanee fudhata jechuudha. (Faarfannaa 83:18; Maatewos ) Kana malees, hojii hafuura qulqulluu ykn humni Waaqayyoo raawwatu hubata. 28:18
24, 25. (a) Cuuphaan maal argisiisa? (b) Gaaffiin deebii argachuu qabuhoo isa kami?
24 Cuuphaan akkasumaan bishaan keessa lixanii ba’uu jechuu qofa miti. Wanta baay’ee barbaachisaa ta’e tokkoof fakkeenya ta’a. Bishaan keessa lixuunkee jireenyakee isa duraatiif du’uukee argisiisa. Bishaan keessaa ba’uun keemmoo jaalala Waaqayyoo raawwachuuf akka jiraattu argisiisa. Kan of murteessite Yihowaadhaaf malee, hojii ykn kaayyoo tokkoof, namoota kaaniif ykn dhaabbata tokkoof akka hin taane yaadadhu. Of murteessuunkeefi cuuphamuunkee Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabdu kan argisiisudha.
25 Cuuphaan fayyinaaf wabii hin ta’u. Phaawulos: “Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom’aan itti fufaa hojjedhaa!” jechuudhaan barreesseera. (Filiphisiiyus 2:12) Cuuphaan tarkaanfii jalqabaa qofadha. Gaaffiin ka’u jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu kan dandeessu akkamitti? kan jedhudha. Boqonnaan dhumaa gaaffii kanaaf deebii kenna.
^ KEY. 21 Dhugaa Baatonni Yihowaa walga’iiwwan gurguddaa waggaa waggaan godhanirratti sirna cuuphaa ni qopheessu.