Qeenxee
Qeenxee taʼanii jiraachuun kennaadha jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?
Kiristiyaanonni qeenxeen akka fuudhan ykn akka heeruman dhiibbaa isaanirratti gochuun sirrii kan hin taane maaliifi?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Rom 14:10-12—Phaawulos ergamaan obboleessa keenyatti murteessuun dogoggora kan taʼe maaliif akka taʼe ibseera
-
1Qo 9:3-5—Phaawulos fuudhuuf mirga qaba ture; taʼus qeenxee taʼuunsaa tajaajila isaarratti xiyyeeffachuuf isa gargaareera
-
Kiristiyaanonni qeenxeen jireenya gammachiisaa jiraachuuf dirqama gaaʼela dhaabbachuu akka qaban isaanitti dhagaʼamuu qabaa?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Abo 11:30-40—Intalli Yiftaa kan hin heerumne taatus jireenya gammachiisaa jiraatteetti
-
HoE 20:35—Wantoonni Kiristoos dubbate kun akka argisiisanitti, inni kan hin fuune taʼus, warra kaan waan gargaareef gammachuu qaba ture
-
1Ta 1:2-9; 2:12—Phaawulos ergamaan inni qeenxee ture, namoonni hedduun Yihowaa akka beekan waan gargaareef, tajaajilla isaarraa gammachuu akka argate ibseera
-
Namoonni qeenxeen, akkuma tajaajiltoota Waaqayyoo kaanii naamusa qulqulluu qabaachuu kan qaban maaliifi?
1Qo 6:18; Gal 5:19-21; Efe 5:3, 4
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Fak 7:7-23—Solomoon Mootichi, dargaggeessi tokko dubartii ejjituu tokkoon gowwoomfamuun isaa gadda guddaaf akka isa saaxile ibseera
-
Wed 4:12; 8:8-10—Shamarreen Shulaam naamusa qulqulluu qabaachuu isheetti jajamteetti
-
Namni qeenxeen tokko gaaʼela dhaabbachuuf yaaduun isaa sirrii kan taʼu yoomi?
Dabalataanis 1Ta 4:4, 5 ilaali