GAAFII 2
Waaʼee Bifa Koo Dhiphachuun Qabaa?
UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?
Mee haala kana yaadi: Jiituun daawwitiidhaan yommuu of ilaaltu, wanti ishiitti mulʼatu furdina ishii ti. Warri ishii fi hiriyoonni ishii “baayʼee qalʼoo” akka taate kan ishiitti himan taʼus, “furdina koo hirʼisuun qaba” ofiin jetti.
Jiituun “kiiloo giraama 2.2 qofa” hirʼisuuf jecha tarkaanfii cimaa fudhachuuf yaaduu jalqabdeetti. Kanaaf, guyyoota muraasaaf midhaan lagachuuf yaadde . . .
Akka Jiituu utuu sitti dhagaʼamee maal goota?
TAKKA YAADI!
Waaʼee bifa kee hamma tokko yaaddaʼuun dogoggora miti. Kitaabni Qulqulluun Saaraa, Raahel, Abigaayil, Yoseefii fi Daawitiin dabalatee, waaʼee bifa dubartootaa fi dhiirota hedduu ni dubbata. Intalli Abiishaag jedhamtus “baayʼee miidhagduu” akka turte ni ibsa.—1 Mootota 1:4.
Taʼus, dargaggoonni hedduun waaʼee bifa isaanii garmalee dhiphatu. Kun immoo rakkoo cimaa geessisuu dandaʼa. Mee yaadi:
-
Qorannaan tokko shamarran dhibbeentaa 58 taʼan garmalee furdoo akka taʼan dubbatanis, dhugumaan furdoo kan taʼan dhibbeentaa 17 qofa akka turan ibseera.
-
Qorannaa kan biraa irratti immoo, dubartoota furdoo akka taʼan yaadan keessaa, dhibbeentaan 45 kiiloon isaanii baayʼee xinnoo ture!
-
Dargaggoonni tokko tokko hawwii cimaa furdina isaanii hirʼisuuf qabaniin dhukkuba anooreksiyaa jedhamuun qabamu; namoonni akkasii midhaan lagachuudhaan baayʼee kan of miidhan siʼa taʼu, lubbuun isaanii balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa.
Fakkeenya 17:17, NW.
Mallattoo anooreksiyaa ykn dhibee nyaataa kan biraa yoo of irratti argite gargaarsa gaafadhu. Warra kee ykn nama gaʼeessa amantu tokkotti himi. Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa; inni akka obboleessa guyyaa rakkinaatiif dhalatee ti” jedha. —JIJJIIRAMA GAARII ATI GOCHUU DANDEESSU!
Namni tokko miidhagaa akka taʼu ykn akka hin taane kan godhu keessa namummaa isaa ti. Mee ilma Daawit Mootichaa Abiishaalomiin ilaali. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:
“Namni miidhagummaa isaatiif akka Abiishaalom jajamu tokko illee hin turre. . . . Mudaa tokko illee hin qabu.”—2 Saamuʼel 14:25.
Taʼus dargaggeessi kun kan of tuulu, iddoo guddaa kan barbaaduu fi gantuu ture! Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Abiishaalomiif maqaa gaarii hin kennu; kanaa mannaa, nama gantuu fi nama hamaa ajjeechaa irraa duubatti hin jenne taʼuu isaa ibsa.
Kitaabni Qulqulluun gorsa armaan gadii nuu kenna:
“Namummaa haaraa . . . uffadhaa.”—Qolosaayis 3:10.
“Miidhaginni keessan alaan kan mulʼatu [hin taʼin] . . . kanaa mannaa miidhaginni keessan keessa namummaa keessan isa dhokataa [haa taʼu].”—1 Pheexiros 3:3, 4.
Miidhaguu barbaaduun dogoggora taʼuu baatus, wanti iddoo guddaan kennamuufii qabu bifa kee utuu hin taʼin eenyummaa kee ti. Oolee bulee, namoota kaanitti miidhagdee akka mulʼattu kan godhu qaama jabaa ykn bifa miidhagaa qabaachuu kee utuu hin taʼin amala gaarii ati qabdu dha! Shamarreen Fiiliisiyaa jedhamtu, “Miidhaginni dafee xiyyeeffannaa namaa harkisuu dandaʼa; wanti samuu namootaa keessaa hin badne garuu eenyummaa keessanii fi amala keessan isa gaarii dha” jetteetti.
ILAALCHA BIFA KEETIIF QABDU GAMAAGGAMI
Yeroo baayʼee bifa keetti ni gammaddaa?
Bifa kee fooyyessuuf jecha yaalii baqaqsanii hodhuu miidhaginaa (cosmetic surgery) fayyadamuuf ykn nyaata nyaattu irratti jijjiirama guddaa gochuu yaaddee beektaa?
Utuu dandeessee bifa kee wajjin haala wal qabateen maal jijjiiruu barbaadda? (Kan filattu hundatti mari.)
-
DHEERINA
-
FURDINA
-
RIFEENSA
-
HALLUU
-
FUULA
-
DHAABBII QAAMAA
Gaaffiiwwan jalqabaa lamaan eeyyee jettee yoo deebiste, akkasumas wantoota gaaffii sadaffaa jalatti argaman keessaa sadii fi isaa olitti yoo marte, yaada armaan gadii qalbeeffadhu: Ati ofiif ilaalcha sirrii hin taane qabaattus, namoonni ilaalcha akkasii siif hin qaban taʼa. Utuu sitti hin beekamin waaʼee bifa kee garmalee yaaddaʼuu jalqabdee taʼuu dandaʼa.—1 Saamuʼel 16:7.